bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 1
Romans 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.
3
Oduun Nagayaa kun waan fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalateef, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammoo du'oota keessaa ka'ee, hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhatee waan Ilma isaati; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.
5
Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.
6
Isaan jiddu'uu akkasuma worri ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamamtan isin fa'a.
7
Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.
8
Amantaan keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateefadha.
9
Oduu Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef, maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo faatefadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.
11
Akka isin jabaataniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa.
12
Kana jechuun kiyya amantaa jidduu tiyyaa fi teessan jirtuun isin woliin akka wol jajabeesinuuf.
13
Obboleewwan tiyya akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammoo dhooggamuu kiyya akka naa beetan barbaada.
14
Namoota Giriikii, ka hin baranneef, Ogeeyyi'ii fi worra hin hubanneef yabootu narra jira.
15
Isin worra Roomaa jirtaniif Oduu Nagayaa himu'uuf qophaayera. Kanaafuu haga naa danda'ameen worra Roomaa jirtaniifillee ammoo Oduu Nagayaa himu'uuf qophaayeera.
16
Oduu Nagayaatiin hin saalfadhu. Dura worra Yihuudiitiif akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyinsaaf waan ta'eef.
17
«Qajeelaan amanta'aan jiraata» jedhamee akkuma barreeffame qajeellumaan Rabbii amantaa irraa gara amanta'aa isaan waan mudhatuuf.
18
Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti lolli Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a.
19
Rabbi waan isaanitti mudhiseef waan Rabbii beekuu danda'uun isaan birratti addaataa waan ta'eef.
20
Amalli isaa ka hin mudhanne, innillee hunna isaa ka bara baraa akkasuma Waaqumaan isaa uumama adunya'aatii jalaqabee, karaa waan inni uummeetiin beekkamee ifa ta'ee waan mudhatuuf; kanaafuu Rabbiin beeka'aa akka Rabbummaa isaatitti waan hin kabajjinee fi waan hin galateeffanneef waan itti sababatan dhaban. Haata'uu ammoo yaada isaaniitiin duwwaa ta'an; qalbiin isaanii ta hin hubbanee fi ta dukkanoofte.
22
Nu ogeeyyi'i uduu ufiin jedhan, jaanjoo ta'an.
23
Ulfinna Rabbii ka hin banne, nama du'uuf, bifa simbirraaniitiin, waan luka afur qaban, uumama lafa irra deemanitti fakkeessanii jijjiiran.
24
Kanaafuu nafa isaaniitiin akka wol shingeessaniif Rabbi qalbii isaanii keessatti fedha batummaa fooniitiif dabarsee isaan kenne.
25
Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif, uumma dhiisanii uumama waan kaddaamanii tajaajilaniif, innillee bara baraan ka eebbifame! Amiin.
26
Kanaafuu Rabbi hawwii shinga'aatiif dabarsee isaan kenne. Dubartoonni isaanii amala isaaniitii fi hujjii ta'u waan amala isaaniitiif hin taaneen jijjiiran.
27
Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan, waan badaa kanaa waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan.
28
Haguma Rabbiin beekuu jibaniin Rabbi waan hin taane akka godhan samuu faayyidaa hin qabneef dabarsee isaan kenne.
29
Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.
30
Worra hasaasanii fi hamatan, worra Waaqa jiban, worra nama arrabsan, worra boonanii fi uf jajan, karaa baduma'aa worra wolitti soqanii fi worra maatii isaaniitiif hin ajajamne.
31
Worra hin hubanne, worra woliigaltee diigan, worra jaalala hin qabnee fi worra araara hin qabne.
32
«Worra kana godhan irratti seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'a, worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhanillee, «Wolii galan.»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16