bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 2
Romans 2
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Kanaafuu ati namni nama biraatitti murteessitu maruu waan itti sababatu hin qabdu. Ka biraa irratti wonta murteesitu sanniin uf irrattillee waan murtessituuf ati murteessaan woma san waan gootuuf.
2
Worra akkana godhan maraa irratti murteen Rabbii dhugaa ta'uu isaa hin beena.
3
Ati nama worra kana godhuti ka murteesitu sanuma waan gootuuf, murtee Rabbii jalaa waan baatu sitti fakkaataa?
4
Moo arjumaan Rabbii gara aagii akka si masakku uduu hin beenne, arjumaa isaatii fi waa danda'uu durummaa obsa isaa tuffataa?
5
Moo gar jabuma'aa fi qalbii aagii hin galle, murtiin Rabbii qajeelaan hennaa mudhatu gaafa guyyaa lola Rabbiitiif uf irratti kuufata.
6
Inni maraafuu akkuma hujii isaatiin kennaaf.
7
Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.
8
Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi hammeenna duukaa worra deeman lola Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.
9
Lubbuun nama waan hamaa hojjatuu maraa irratti rakkinnaa fi dhiphinnatu dhufa. Dura nama Yihuudi'iiti, akkasuma nama Giriikiiti.
10
Haata'uu ammoo hujii mishaa worra hojjatu maraaf galataa fi ulfinni nageenillee isaanii ta'a. Duraan nama Yihuudi'iitiif akkasuma ammoo nama Giriikiitiif.
11
Rabbi waan nama wol hin caalfanneef.
12
Seeraan ala cubbuu worri hojjatan maruu akkasuma seeraan ala waan badaniif. Seera uduu qaban worri cubbuu hojjatan maruu seeraan isaanitti murteeffama.
13
Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee, worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.
14
Worra Yihuudota hin taane ka seera hin qabne, amala ufiitiin waan seera uumamaa yoo godhan isaan yoo seerallee hin qabaanne, ufumaa seera ufii waan qabaniif,
15
Isaanillee yaanni sammuu isaanii ragaa waan isaanii bayuuf, yaanii mataa isaanii ufumaa yoo wolitti sababatu hujii seeraa ka garaa isaanii keessatti barreeffame mudhisan.
16
Kunillee Rabbi karaa Yesuus Kiristoosiitiin akka ani Oduu Nagayaa barsiise guyyaa gaafa Rabbi waan nama biratti dhokatetti murteessu ta'a.
17
Ati ammoo, «Yihuudi'i» jedhamte'eef yoo seeratti irkatte, Rabbiin yoo boontee, fedha isaallee yoo beette,
18
Seera irraallee barattee, yoo mishaa beettee qortee jaalatte,
19
Seeraan bifa beekumsaatii fi dhugaa waan qabduuf, masakaa ballootaa, worra dukkana keessa jiraniif ifa, barsiisa amshaagotaa, barsiisaa daa'immanii akka taate yoo uf hedatte,
21
Eegasuu ati ka nama biraa barsiiftu uf hin barsiiftuu? «Hin hatin!» jettee ka himtu, hin hattaa?
22
Ati ka namootaan hin seebariin jettu hin seebartaa? Ati ka waaqolee tolfamaa shakkitu mana woyyuu hin saamtaa?
23
Ati ka seeraan dhaadattu, seera irra darbu'uun Rabbiin saalfachiiftaa?
24
Sababaa keessaniif maqaan Rabbii worra Yihuudii hin taane jiddu'utti hin arrabsama jedhamee akkuma barreefame,
25
Uduu seera raawwatee, gadoomuun fayyidaa qaba. Yoo ka seera diiddu ta'e ammoo gadoomuun kee akka waan hin gadoomnee ta'eera.
26
Eegasuu namni hin gadoomin sirna seeraa yoo eege gadoomuu dhabuun akka waan gadoomeetitti hin laakkayamuufi?
27
Uumamaan ka hin gadoomin namni seera raawwatu akka seera kitaabaatitti gadoomuu uduu si barbaachisu, diiguun seerri sitti murteessa.
28
Ka maqamaaf Yihuudii ta'e, Yihuudii waan hin taaneef, addaataa gadoomuun fooniin ta'e, gadoomuu waan hin taaneef.
29
Haata'uu ammoo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u, gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16