bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 7
Romans 7
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Obbolewwan tiyya! Worra seera beekanitti dubbadha. Namni bara jireenna isaa maraa seerri akka isa bittu hin beettanii?
2
Dubartiin heerumte abbaan manaa lubbu'uun hennaa jiru isa woliin seeraan waan hidhamteertuuf, abbaan manaa isi'ii yoo du'e ammoo seera isiin abbaa manaa isi'ii san woliin hidhamte irraa hiikkamteerti.
3
Kanaafuu abbaan manaa lubbu'uun uduu jiru dhiira biraatitti yoo oolte, ta seebarte jedhamti. Abbaan manaa yoo du'e ammoo seera jalaa bilisa waan baateertuuf dhiira biraatitti yoo oolte, seebartu'uu miti.
4
Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammoo Foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan.
5
Fooniin hennaa jirru, hawwiin cubbu'uu ka seeraaf ta'e daraaraa du'aa daraaru'uuf qaama keenna keessatti waan hojjata'aa tureef.
6
Amma ammoo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti.
7
Eegasuu maal jenna? Seerri cubbu'uu? miti. Haata'uu ammoo uduu seeraan ta'u dhabaatee cubbuullee hin beeku; seerri, «Hin hawwin» uduu jedhuu dhabaatee, silaa hawwiillee hin beeku.
8
Cubbuun ammoo sababa argatee hawwii maraa ajajaan naarratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef.
9
Anillee duri seeraan ala jiraata'aa ture. Hennaa ajanyi dhufe ammoo cubbuun jiraattuu taate; anillee hin du'e.
10
Ajanyi jireennaaf kennamte, isiinillee du'aaf akka taate arge.
11
Cubbuun sababaa argattee, ajajaan waan na sobdeef, isiinillee na ajjeefteerti.
12
Kanaafuu seerri woyyu'u. Ajanyiillee woyyiiti'i, qajeeltu'uu fi michu'uulle'e.
13
Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti Haata'uu ammoo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide.
14
Seerri ayyaanticha akka ta'e hin benna. Ani ammoo nama foonii ka cubbu'uu gadii ta'u'uuf gurgurame.
15
Waan godhu waan hin beeneef woma jibbu san godha; ta'ullee ka jaaladhu san hin godhu.
16
Waan hin jaalane ammoo yoo ka godhu ta'e, garuu seerri mishaa akka ta'e raga'aara.
17
Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti. Cubbuu na keessa jiru malee.
18
Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti michuun akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu hin danda'u.
19
Ani waan mishaa godhuu fedhe hin godhu, waan hamaa godhu'uuf hin feene san godha.
20
Waan hin jaalanne yoo ka godhu ta'e ammo, san ka godhu amma anaa miti, cubbuu ana keessa jiru san malee.
21
Eegasuu waan mishaa godhuu uduu jaaladhu, seerri namumma'aa akka ani waan hama huju na taasisa.
22
Nafti kiyya ka keessaa seera Rabbiitiin gammada.
23
Haata'uu ammoo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara.
24
Ani nama rakkataa attamiiti, nafa du'aaf kenname kana jalaa eennutu na hanbisaa?
25
Karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galani Rabbiif haata'u, eegasuu ani Sammuu kiyyaan seera Rabbiitiif foon kiyyaan ammoo seera cubbu'uutiif hin bitama.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16