bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 12
Romans 12
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.
2
Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.
3
Akkasuma isin martinuu haga amantaa Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.
4
Akkuma nafa tokko keessa qaamni hedduu jiru, hujiin qaama nafa maraatuu tokko akka hin taane,
5
Akkasuma nu heddu taanee karaa Kiristoosiitiin nu nafa tokko. Nu marti keenna qaama woliitti.
6
Akkuma badhaadha nuuf keennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantaa keennaatiin raaga haa dubbannuu.
7
Tajaajila yoo ta'e, tajaajila keennan haa jabaannuu; ka barsiisullee yoo ta'e, barsiisuu isaatiin haa jabaatuu;
8
ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka keennullee arjumma'aan haa keennu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu, ka araaramullee gamachu'uun haa araaramuu.
9
Jaalalitti teessan uf mudhisu'uun hin ta'in. Waan hamaa jibba'aa, waan misha'an wolii galaa'a.
10
Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.
11
Huji'itti jabaadhaa malee, hin ceem'inaa'a; worra Ayyaanaan oo'itan ta'aa'a Goofta'aaf ajajamaa'a.
12
Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; faateffachu'uun jabaadhaa'a.
13
Woyyoota waan barbaachisuun gargaaraa'a; keessummoota simachu'uun jabaadhaa'a.
14
Worra isin ari'an eebbisaa malee, hin abaarinaa'a.
15
Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka boyu woliinillee booyaa'a.
16
Isin yaada tokkoon wolii galaa'a; waan uf jaju'uu hin yaadinaa'a; haata'uu ammoo kasoo ta'u'uun hujii mishaa hojjadhaa'a; waan waa beettan uf hin seeyinaa'a.
17
Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a.
18
Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a.
19
Jaalaloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee, ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef.
20
«Diinni kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi; kana godhuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irratti waan tuultuuf»
21
Hamaa mishumma'aan mooyadhu malee, haamtu'uun hin mooyatamin.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16