bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 3
Romans 3
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Eegasuu Yihuudii ta'uun maali'i? Yookiin gadoomuun faayyidaa maal qaba?
2
Kanaafuu Yihuudii ta'uun bu'aa heddu qaba. Waa maraa dura jechi Rabbii yaboo isaanitti kenname.
3
Eegasuu maali'i ree? Worri hin amanne yoo jiraatan amanuu dhabuun isaanii amanamummaa Rabbii hanbisaa?
4
Sirimaa hin hanbisu. «Ati dubbii keetiin qajeelaa akka taatu, mana murti'iillee hennaa seente akka injifattu» jedhamee akkuma barreeffame, namni martinuu kijibaa yoo ta'e, Rabbi ka dhuga'aa haa ta'u.
5
Haata'uu ammo hammeenni keenna qajeellummaa Rabbii yoo ka mudhisu ta'e, maal jennaa ree? Rabbi waan cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu? Ani akka yaada namaatiin dubbadha.
6
Akkasuu hin ta'in, yoo akkas ta'e Rabbi adunya'aatti attamitti murteessaa?
7
Kijiba kiyyaan ammoo dhugaan Rabbii ulfinna isaatiif yoo caale, maaf akkasuma haga ammaa akka cubbamaatitti natti murteeffama ree?
8
«Maali'iif akka wonti mishaan dhufu hamaa hin hojjanne ree?» akkanumaan nu arrabsan. Gariin akkanumaan akka waan jennuu waan dubbataniif murtiin isaanii qajeela'a.
9
Eegasuu maal haata'u? Nu isaan tarraa? Horomaa hin ta'u Yihuudiillee namoonni Giriikiillee maruu cubbuu jala akka ta'an dursinee waan isaan himaneerruuf.
10
Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Namni qajeelaan tokkollee hin jiru,
11
ka hubatullee hin jiru; ka Rabbiin soqullee hin jiru.
12
Maruu dogoggoraniiran martinuu worra bu'aa hin qabne ta'aniiran; Ka arjoomu tokkollee hin jiru;
13
dubbii nama miidhu dubbatu'uuf, afaan isaanii akka awwaala banameeti; arraba ufiitiin hin soban; hidhii isaanii jala hadhaa bofaatituu jira;
14
Afaan isaanii keessa abaarsaa fi hadha'atu guuteera.
15
Lutti isaanii dhiiga jissu'uuf ariifatti.
16
Bakka isaan dhaqan maraa badi'ii fi rakkoo hama'atu jira.
17
Karaa nagayaallee hin beekan. Ija isaanii afoo sodaan Rabbii hin jiru.»
19
Afaan maruu akka cufamu adunyaan martuu murtii Rabbii jala akka taatu wonti seerri dubbatu maruu, worra seera jala jiraniif akka dubbatu hin beenna.
20
Kunillee hujii seeraa hojjachu'uun, ka foon uffate maruu isa afo'otti waan qajeelaa hin taaneef cubbuunillee seeraan waan beekkamuuf.
21
Amma ammoo ka seeraa fi rattonni ragaa bayaniif qajeellummaan Rabbii seeraan ala mudhateera.
22
Innillee ka worra itti amanan maraa qajeellummaa Rabbii ka Yesuus Kiristoosiititti amanu'uun argamu.
23
Garaa garummaan hin jiru, maruu cubbuu waan hujaniiraniif ulfinni Rabbii isaan irraa dhidhateera.
24
Isaan badhaadha karaa Yesuus Kiristoosiitiin ta'een akkanumaan kennaa isaatiin qajeellota ta'an.
25
Isallee Rabbi dhiifamsa cubbu'uu karaa amantaa dhiiga isaatiin argamuun godhee dhaabeen, kunnillee Rabbi cubbuu dura hojjatame dandeetii Rabbiitiin dhiifama qajeellummaa ufii mudhisu'uuf kana godhe.
26
Innillee qajeelaa akka ta'u ka Yesuusiti amanullee qajeelaa akka taasiisuuf bara kanallee qajeellummaa akka mudhiisuuf.
27
Eegasuu boonuun kee meeti ree? Inni hafeera; Seera kamiin? Seera huji'iitiinii? Miti seera amanta'aatiin malee.
28
Namni seera hujji'iitiin malee, amanta'aan akka waan qajeellumma'aatitti waan laakkoofnuuf,
29
Moo Rabbi, Waaqa Yihuudotaa calla'aa? Waaqa worra Yihuudii hin taaneetille'ee mii? Ee nu worri gadoomne, amanta'aaf worri hin gadoomnellee Waandhi amanta'aan qajeelaa nama taasisu tokko waan ta'eef akkasuma Waaqa worra Yihuudii hin taanee ti.
31
Eegasuu seera amanta'aa diinnaa ree? Miti. Seera jabeessinee qabanna malee.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16