bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 14
Romans 14
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Nama amanta'aan dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isa irratti hin murteessinaa'a.
2
Waan maraa nyaachuun akka eeyyamameef ka amanu hin jira.
3
Dadhabaan ammoo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf.
4
Ati garbicha biraa irratti ka murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufeellee ka itti murteessu Gooftaa isaa ti. Haata'uu ammoo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata.
5
Namni Kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammoo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu.
6
Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf, Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee, Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata.
7
Nu keessaa tokkollee ufiif jedhee ka jiraatu waan hin jirreef ka ufiif du'ullee hin jiru.
8
Yoo jiraanne Goofta'aaf jiraanna. Yoo duunnellee Goofta'aaf duuna. Eegasuu yoo jiraanne yookiin yoo duune nu ka Goofta'aa ti.
9
Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e.
10
Atillee obboleessa kee irratti maali'iif murteessitaa? Yookiin akkasuma obboleessa kee maaf tuffatta? Nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo waan dhaabannuuf.
11
«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiinfata; arrabni maruu Rabbiin galateeffata» jedhamee waan barreeffameeruuf.
12
Eeganaa nu maruu waan keennaaf Rabbii deebii kennina.
13
Eeganaa adha irraa jalaqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'aatti ammoo eennullee obboleessa ufiititti guufuu yookiin sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a.
14
Wonti battii ta'e akka hin jirre, ani Gooftaa Yesuusiin keessa ta'ee beekeera, hubadheeralle'e. Haata'uu ammoo wonti kamuu battii akka ta'e ka laakkayuuf isaa battima.
15
Sababaa nyaataatiif jettee Obbolleessaa kee yoo ka gaddisiiftu taate, eegasuu jaalalaan hin jiraanne. Nama Kiristoos du'eef nyaataaf jettee hin balleessiiniin.
16
Eegasuu wonti mishaan isin keessa jiru hin arrabamin.
17
Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef.
18
Akka kanaan ka Kiristoositti bulu Rabbiin waan gammachiisuuf; nama birattillee inni ka galataati.
19
Eegasuu karaa nagaya nuu argamsiisuuf waan nu jajjabeessu maraa haa goonuu.
20
Sababaa nyaataatiif, hujii Rabbii hin diigin; maruu qulqullu'u, mama'aa yoo nyaatan ammoo, nama saniif bada'a.
21
Waan obboleessa kee gufachiisu foon nyaatuu yookaan daadhii woyini'ii dhuguu dhiisuu, waan biraallee yoo ta'e dhiisuun misha'a.
22
Eeganaa amantiin kee kun siif Rabbii kee wadhakka'atti haata'uu. Namni waan itti amane hennaa godhu sammuun isaa isa hin qorre ka galataati.
23
Namni mama'aa nyaate ammoo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanta'aan hin goone maruu cubbu'u.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16