bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 8
Romans 8
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jirani amma murtii yakkaa jala hin jiran.
2
Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessa, seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf.
3
Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.
4
Akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha fooniititti nu worra jiraanneef nuun seerri ajaja akka raawwatamuuf fooniin cubbuu irratti yakka mure.
5
Akka fedha fooniititti worri jiraatan waan foonii yaadan; akka fedha Ayyaanaatitti worri jiraatan ammoo waan Ayyaanaa yaadan.
6
Waan foonii yaaduun du'a waan ta'eef waan Ayyaana yaaduun ammoo jireennaa fi nagaya.
7
Waan Foonii yaaduun Rabbiin wol nama dhabsiisa; seera Rabbiitiif waan hin ajajamneef, ajajamuullee dadhabeera.
8
Worri fooniin jiraatan Rabbiin gammachiisu hin danda'an.
9
Isin ammoo Ayyaanni Rabbii yoo isin keessa jiraate, Ayyaanaan malee, fooniin hin jiraattan; Ayyaana Kiristoosi ka hin qabne ammoo fira isaatii miti.
10
Yoo Kiristoos isin keessa jiraate hagamillee nafti keessan sababaa cubbu'uutiif ka du'e; sababaa qajeellumma'aatiif ammo Ayyaanni jireenna isinii kenna.
11
Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaanna ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna.
12
Eegasuu obboleewwan tiyya! Waan keessan waan nurraa barbaadamutu jira. Kunillee akka fedha fooniititti jiraachu'uufii miti.
13
Akka fedha fooniititti yoo jiraattan, hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan.
14
Worri Ayyaana Rabbiitiin masakkaman maruu, isaan ijoollee Rabbii ti.
15
Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba Aabbaa jennee ittiin waamnu argattan malee, deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.
16
Ijoollee Rabbii ta'uu keenna, Ayyaanni sunuu hafuura keenna woliin ragaa baya.
17
Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.
18
Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin wol bira qabamee yoo laallamu woomaa akka hin taane yaada.
19
Uumamni, mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif.
20
Uumamni maruu ka gatii hin qabne akka ta'uuf itti murameera. Kunillee fedhii ufiitiin uduu hin ta'in fedhii Rabbiitiin, haata'uu ammo uumamni maruu akka abdi'iin eeggatu taasiseera.
21
Abdiin sunillee uumamni garbumma'aa badi'ii jalaa bilisa bayee gara ulfinna ijoollee Rabbiitiif ta'u gara wolabuma'aa akka gayuuf.
22
Uumamni maruu haga ammaa jigaan worwaataa fi ciiniinsu'uun jiraatuu isaanii hin beenna.
23
Kana callallee miti, nu worri kennaa Ayyaanaa ka ijoo ta'e qabnu ka akka ilmaatitti nu guddisee fi ka bakka bu'ee nu fure abdi'iin eeggata'aa, keessa keennatti wixxifata'aarra.
24
Abdi'iin fayyineerra; haata'uu ammoo wonti abdii godhatan sun yoo argame abdi'ii miti, waan arge eentu abdii godhataa?
25
Waan arga'aa hin jirre yoo abdii godhanne, obsaan eegganna.
26
Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef, haata'uu ammoo Ayyaanninuu worwaata himaamu hin dandeenneen nuu kadhata.
27
Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata.
28
Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.
29
Ilmi isaa obboleewwan hedduu jiddu'utti hangafa akka ta'u, duraan dursee ka beeke bifa ilma isaa akka fakkaatan dursee murteesseera.
30
Dursee ka murteesse kanniin ammoo hin waameen; worra waame kanniin ammoo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammoo hin kabajje.
31
Eegasuu waan kanaaf maal jenna? Rabbi yoo nu woliin ta'e, eentu nu mormaa?
32
Ilma ufiitiif uduu garaa hin laafne, waan nu maraatiif dabarsee eega isa kenne, akkasuma isa woliin waan maraa attamiti akkanumaan nuu hin kennine?
33
Worra Rabbi filate eentu isaan himata? ka qajeelchu Rabbi.
34
Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'aatti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirgaa Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos.
35
Jaalala Kiristoosii irraa eentu nu fooya? Rakko'oo, dhiphinnaa, ari'amu'uu, beelaa, yookiin daaru'uu, soda'a mo'o guraade'e?
36
Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Waan keetiif guyyaa maraa hin ajjeefamna; akka hoolota qalamaniititti laakkawamne»
37
Kana maraa keessatti ammoo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla.
38
Du'a yookaan jireenna, Maleekkota, bulchiinsa, ka waa qabu, ka dhufullee yoo ta'e,
39
hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessan arganne keessaa nu baasuu akka hin dandeenne hubadheera.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16