bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 10
Romans 10
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Obboleewwan tiyya mishummaan fedha garaa kiyyaa waan Israa'eliitiif kadhaan ani Rabbiin kadhadhu akka isaan fayyaniif.
2
Beekumsa dhuga'aatiin waan hin taaneef malee, isaan Rabbiif hinaaffaa Ayyaanaa akka qaban anuu isaanii raga.
3
Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne.
4
Worri amanan maruu akka qajeellota ta'aniif Kiristoos raawwii seeraati.
5
Muuseen qajeellummaa seeraan ta'e, «Namni raawwatu isaan akka jireennaan jiraatan» barreesseera.
6
Qajeellummaan amanta'aan ta'e ammoo akkana jedha, «Garaa kee keessatti, ‹Eentu gara sami'ii baya?› hin jedhin. Kun Kiristoosiin gadi buusu'uuf.
7
Yookiin garaa kee keessatti, ‹Eentu gadi bu'a?› hin jedhin. Kunillee Kiristoosiin du'oota keessaa baasu'uuf.»
8
Haata'uu ammoo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanta'aa ka lallabnu.
9
Yesuus Gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo ragaa baate, Rabbi du'oota keessaa akka isa kaase, garaa kee keessatti yoo amante hin fayyita.
10
Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya.
11
Kitaabni, «Ka isatti amanu maruu hin saalfatu» waan jedhuuf
12
Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a.
13
«Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.»
14
Eegasuu ka itti hin amanin attamitti waamuu danda'an? yoo hin dhageenne attamitti amanan? yoo lallabame malee attamitti dhagayan?
15
Lutti worra oduu gammachu'uu mishaa himanii attamitti barreede jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban?
16
Haata'uu ammoo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf.
17
Eegasuu amantaan dhagayu'uun, dhagayuunillee dubbii Rabbiiti.
18
Haata'uu ammoo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.
19
Haata'uu ammoo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen, «Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa; banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera.
20
Isaayyaasillee uggee, «Worra na hin sondheef argame; worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe.
21
Waan Israa'eliitiif ammoo, «Guyyaa maraa gara worra naa hin ajajamnee fi gara banii naan mormuu harka kiyya hiixadhe» jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16