bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 15
Romans 15
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Nu worri amanta'aan jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu.
2
Marti keennaa akka inni jajjabaatu faayidaa isaatiif goshoo keenna haa gammachiifnuu.
3
Kiristoos waan uf hin gammachifneef. «Tuffiin si tuffatan narra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e.
4
Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barraayeeruuf.
5
Yaada tokko taatanii afaan tokkoon Rabbiin, Innillee Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka kabajjitan Waandhi obsaatii fi jajjabeennaa akka fedha Yesuus Kiristoosiititti yaada tokko isinii haa keennu.
7
Kanaafuu Kiristoosiin ulfinna Rabbiitiif akka amantan, akkasuma isin wol simadhaa'a.
8
Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma «Kanaaf worra Yihuudi hin taane jiddu'utti si galateeffadha. Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame, worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.
10
Akkasuma ammoo, «Worri Yihuudii hin taane, banii isaa woliin gammadaa'a» jedha.
11
Akkasuma, «Worri Yihuudota hin taane maruu, Gooftaa galateeffadhaa'a; Baniin maruu haa jajaniinii!» jedha.
12
Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.
13
Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.
14
Ani akkasuma obboleewwan tiyya! Isin mishumma'aan akkuma guuttamtan, beekkomsa maraa akkuma argattan isin akkasuma akka wol gorsuu dandeettan waan keessan hubadheera.
15
Haata'uu ammo worri Yihuudii hin taane, Ayyaana Woyyu'uun woyyomanii ciincaa jaalatamaa akka ta'an, Oduu Nagayaa ka Rabbiitiif akka gadichaatitti tajaajilaa, worra Yihuudii hin taaneef tajaajilaa Yesuus Kiristoosii akka ta'u, sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa keennameen deebi'ee isin hubachisu'uuf jedhee, bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.
17
Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba.
18
Worri Yihuudii hin taane akka ajajaman Kiristoos, dubbii, hujii, malkata, hunnaa fi maalalee gudda'aan hunna Ayyaana Woyyu'uutiin, na keessa ta'ee waan hojjateen alatti woomaa dubbatuu hin uggu.
19
Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.
20
Akkasuma karaa namni biraa bu'uura buuse irratti akka hin hunye, maqaan Kiristoosii bakka itti waamametti uduu hin taane, Oduu Nagayaa lallabu'uuf tattaafadhe.
21
Haata'uu ammoo, «Waan isaa worri itti hin himamne hin argan; worri hin dhageennellee hin hubatan» jedhamee akkuma barreeffame.
22
Kanaafuu akkasuma gara keessan akka hin dhufne hennaa hedduu dhooggame.
23
Amma ammoo biyya tanatti uf afo'oof hulee waan hin qabneef woggaa heddu irraa jalaqabee gara keessan dhufu'uuf haawwi waan qabuuf.
24
Hennaa gara Ispaaniya'aa lufu firrisee isin argu'uuf hennaa diqqoo haga yaada isin bayeen maayii isinillee imala kiyyaaf akka na gargaartan abdii godha.
25
Amma ammoo woyyoota tajaajilu'uuf gara Yerusaalemii deema.
26
Maqidooniya'aa fi Akkayaan, Yerusaalemitti hiyyeeyyota woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif.
27
Waan jaalataniif worri sun isaaniif ba'aa isaaniiti. Worri Yihuudii hin taane eebba Ayyaana Yihuudotaa isaan irraa eega qoodaman, isaanillee eebba lafa irraa argatan, Yihuudotaa qooduun isaanii giddi'i.
28
Eeganaa kana raawwadhee, gargaarsa wolitti qabame kana, eega isinitti kenneen maayii, Karaa keessaniin lufee, gara Ispaaniya'aa deema.
29
Gara keessanillee hennaa dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka.
30
Obboleewwan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aati, na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha.
31
Fedha Rabbiitiin gammachu'uun gara keessan dhufee isin biratti akka harabaafadhu, worra Yihuudaa jiran keessaa ka hin ajajamne jalaa akka bayu, tajaajila Yerusaalemitti qabuun woyyoota ka gammachiisu akka ta'u Rabbiin naa faateffadhaa'a.
33
Waandhi nagayaa isin maraa woliin haata'u! Amiin!
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16