bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 16
Romans 16
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Obboleettii teenna Feebeen tajaajiltuu woldaa Keenkiroos keessa jirtu yaboo isiniin jedheera.
2
Simannaa Goofta'aa ka qulqulloota maraa barbaachisuun simadha'aanii. Isiin namoota hedduuf akkasuma anaafillee gargaartuu waan turteef, waan isiin isin irraa barbaaddu maraanuu gargaara'aanii.
3
Worra hujii Kiristoos Yesuusii na woliin hojjatan Phirisqilaa fi Aqila'aati nagaya naa himaa'a.
4
Isaanillee lubbuu tiyyaaf jedhanii lubbuu isaanii dabarsanii du'aaf dhiyeessan. Woldaan worra Yihuudota hin taanee martinuu isaan galateeffatan malee, na calla'aa miti.
5
Woldaa mana isaanii keessa jirtuuf nagaya kiyya itti naa himaa'a. Isiyaa irraallee Kiristoosiif ka hangafa ta'e, Axeenexoonii jaaladhuuf nagaya kiyya naa himaa'a.
6
Ta waan keessaniif guddiftee dadhabde Maariyaamitti nagaya naa himaa'a.
7
Worri ergamoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyanitti nagaya naa himaa'a.
8
Jaalalloo kiyya jaalatamaa Goofta'aan jaaladhu Philiyaaxoniitti nagaya naa himaa'a.
9
Urbaanoonni hujii Kiristoosii na woliin hojjatuuf, Siinxaakisii jaaladhutti nagaya naa himaa'a.
10
Exeleenii ka Kiristoosii ta'u'uun qoratamee galatoonfameetti nagaya naa himaa'a; worra maatii Ariisxabaluu ta'anitti nagaya naa himaa'a.
11
Fira kiyya Heeroduuna'atti nagaya naa himaa'a; worra maatii mana Niirqaasu'uu keessaa worra Goofta'aan jiranitti nagaya naa himaa'a.
12
Porofiimoona'aa fi Xiroofimoosa'atti worra hujii Goofta'aa huju'uuf dadhabanitti nagaya naa himaa'a. Xarsiidaa jaalatamtuu Goofta'aaf jettee ta gudiiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a.
13
Ruufoonii tajaajilu'uun gudisee beekamee fi ta naa fi isaallee haadha taate haadha isaatitti nagaya naa himaa'a.
14
Asqariixoo, Afaliisophee, Heroomeenii, Pheexiroobamii, Heermaanii fi obboleewwan worra isaan woliin jiran marattuu nagaya naa himaa'a.
15
Felegoonii, Yuuliyaa, Neerii fi obboleettii isi'ii Alixoonii woliin woyyoota jiran marattuu nagaya naa himaa'a.
16
Dhungoo obbolumma'aa woyyitti'iin nagaya wol gaafadhaa'a; tokkummaan woldaa Kiristanaa ta Kiristoosii martinuu nagaya isinii dhaamaniiran.
17
Haata'uu ammoo Obboleewwan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar baayiinsa uumanii, namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.
18
Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.
19
Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf, eegasuu isinitti hin gammada, haata'uu ammoo waan misha'aaf ogeeyii ta'aa'a; wonti hamaan ammoo akka isin hin qabne barbaada.
20
Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaanni Gooftaa keena Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u.
21
Ximootiwoosii na woliin hojjatuu fi akkasuma firri kiyyallee, Luuqiyoos, Iyyaasoonii fi Susiipheexiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran.
22
Eergaa kana ka barreesse ani Xeerxiyoos maqaa Goofta'aatiin nagaya isinii dhaama.
23
Kanaaf Woldaa Kirstaanaa mara keessummeessu, Gayiyoos nagaya isinii dhaameera. Namichi birriin bira teettu ka qachaa Ersiisxoosii obboleessii keenna Qu'aasxiiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran.
24
Badhaanni Gooftaa keennaa ka Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u! Amiin.
25
Eegasuu Oduu Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate. Amma ammoo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame; Rabbi baraa haga bara baraa ajaje amantaa ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane marrati beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,
27
Rabbii ufumatti ogummaa qabuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16