bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 6
Romans 6
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Eegasuu maal jenna ree? Badhaadhumaan Rabbii akka baay'atu cubbuu keessa haa jiraanuu?
2
Waa hin ta'u; nu worri cubbuu jalaa duune, ammaa achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?
3
Mo'o Kiristoos Yesuusiin woliin tokko akka taanu nu worri cuuphamne maruu, du'a isaa woliin tokko ta'u'uuf akka cuuphamne hin beetanii?
4
Eegasuu Kiristoos ulfinna abba'aatiin du'aa akkuma ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra.
5
Du'a du'a isaatiin wol fakkaatuun isa woliin yoo wol taane, akkasuma du'aa ka'iinsa du'aa ka'uu isaa fakkaatunillee tokko taana.
6
Haalli jireenna keennaa cubbamaan akka baduuf garboota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuu, nafti keenna moofaan Kiristoosiin woliin akka fannifame hin beenna;
7
Namni du'e cubbu'uu bitamuu jalaa bilisa.
8
Eegasuu Kiristoosiin woliin yoo duune isa woliin akka jiraannu hin amana.
9
Kiristoos du'aa ka'eet duranaa akka hin duune, duutillee uf afoo akka isa irratti mirga hin qabne waan beennuuf.
10
Du'a hennaa tokko raawwatee, cubbu'uuf waan du'eef ka jireennaan jiraatu ammoo Rabbiif jiraata.
11
Isinillee ammoo akkasuma cubbuu jalaa duutanii, karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif worra jiraatan akka taatanitti uf laakkaya'a.
12
Eegasuu hawwii isaatii akka ajajamtan, foon keessan ka du'u irratti cubbuun hin mooyin.
13
Nafa keessan keessaa hulee tokkollee mi'a hameenaa gootanii cubbu'uuf hin dhiyeesinaa'a, haata'uu ammoo du'oota keessaa baatanii jireenaan akka jiraatan Rabbiif uf dhiyeessaa'a, nafa keessan mara mi'a lolaa ka qajeellumma'aa taasisa'aatii Rabbiif dhiyeessaa'a.
14
Isin Ayaannaa gadi malee, seeraa gadii miti. Cubbuun waan isin hin binneef.
15
Eegasuu maal haata'u? Nu badhaadhummaa Rabbiitii gadi malee, seeraa gadi waan hin taaneef, cubbuu haa hojjannuu? Wa'a!
16
Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookiin du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan.
17
Haata'uu ammoo dursitanii garboota cubbu'uu yoo taatan, barumsa kennamtaniitiif, qalbii teessan keessaa waan ajajamtaniif, cubbuu jalaa bilisa baatan.
18
Qajeelluma'aaf waan bitamtaniif Rabbiin galan haa gayu.
19
Waan dadhabii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan hammeenna akka raawwatu, battumma'aa fi hamneennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a.
20
Hennaa garboota cubbu'uu taataniirtan qajeellummaa irraa bilisa waan turtaniif.
21
Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef.
22
Amma ammoo cubbuu jalaa bilisa baatanii Rabbiif ajajamtanii, worra daraaraa woyyumma'aa qabu. Innillee dhuma jireenna bara baraa ti.
23
Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammoo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16