bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 9
Romans 9
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Gadda gudda'aa fi dhiphachuu addaan hin cinnetu garaa kiyya keessa jira yoo jedhu, Kiristoosiin keessa ta'ee dhugaa dubbadha.
2
Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga.
3
Waan worra fooniin gosa kiyya ta'anii, waan obbolewwan tiyyaatiif, Kiristoosiin irraa fooyamee ani ka abaarame akka ta'u Rabbiin kadhata'aa ture.
4
Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif, ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seeri kennamuun sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti.
5
Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.
6
Haata'uu ammoo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti, kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Isiraa'eloota waan hin taaneef.
7
Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif, isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haata'uu ammoo fiixaan kee Yisihaaqiin sii waamama jedhame.
8
Kunniinillee ijoollee fiixaa abdi'ii qabu keessatti laakkayaman malee, ijjoolleen foonii kunniin ijoollee dhalatan ijoollee Rabbiitii miti jechu'u.
9
Dubbiin abdi'ii kunillee, «Ani hennaa kana dhufa, Saaraanillee ilma deetti» ka jedhu.
10
Kana calla'aa miti; Ribqaan akkasuma abbaa keenna tokkocha Yisaaqiin irraa hennaa ulfoofte,
11
ijoolleen isaa uduu hin dhalatin mishummaa yookiin waan hamaa uduu hin hojjatin ka waame irraa malee, huji'iinii miti; yaanni Rabbii ka filanno'oon ta'u akka jabaatu.
12
«Hangafni maandha'aa ajajama» isi'iin jedhame.
13
«Yaaqoobiin jaaladhe, Eesawuu ammoo jibbe» jedhamee akkuma barreeffame.
14
Eegasuu maal jenna? Rabbiin bira haammenni hin jiraa ree? miti.
15
Rabbi Muuse'een, «Ka araaramu maraafuu hin araarama; ka garaa laafu maraafuu garaa laafa» waan jedhuuf.
16
Eegasuu araarri worra jaalateefii miti; yookiin ka fiigeefii miti. Rabbii araara namaa kennu irraa malee.
17
Kitaabni, Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, «Maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf.
18
Eegasuu Rabbi ka araara fedhuuf hin araarama; ka hin feene ammoo mataa jabeessa.
19
«Eegasuu maali'iif haga ammaa Rabbi dogoggora nurraa barbaada ree? Ka fedha isaa mormu eennu?» naan jetta ta'a.
20
Haata'uu ammoo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maali'iif akkana gootee naa hujje?» jedhaanii?
21
Yookiin ka faara huju dhoqqee kutaa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, tokko ammoo salphinnaaf dhoqqee huju irratti baallii hin qabuu?
22
Haata'uu ammoo Rabbi lola ufii mudhisu'uuf, hunna ufiillee mudhisuu fedhee mi'a dursee ulfinnaaf qopheese, mi'a araaraa irratti durummaa ulfinna ufii mudhisu'uuf, mi'a badi'iif qophaayan yoo obsa gudda'aan danda'e attam ree?
24
Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haata'uu ammoo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.
25
Akkasuma ammoo Hoosee keessatti «Uummata kiyya ka hin taane ‹Uummata kiyya› jedhee ta hin jaalatamnellee, ‹Ta jaalatamte› jedhee waama.
26
Hulema, ‹Isin banii kiyyaa miti› jedhaman sanitti, ‹Ijoollee Rabbii jiraata'aa› jedhamanii waamaman» jedha.
27
Isaayyaasillee laakkofsii ijoollee Israa'ellii hagamillee akka xindhacha galaana keessaallee yoo ta'e, worri hafan hin fayyan; Gooftaan dubbii ufii lafa irratti daddafee waan raawwatuuf jedhee, waan Israa'eliitiif hin iyya.
29
Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hanbisuu dhabaatee, silaa akkuma Soodomiitii fi Goomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate.
30
Eegasuu maal jenna? worri Yihuudii hin taane ka qajeellummaa hin hordofne qajeellummaa argatan. Inni ammoo qajeellummaa amanta'aan ta'e.
31
Israa'el ammoo qajeellummaa seeraatitti bula'aati seera bira hin geenne.
32
Israa'el ammoo seera qajeellumma'aa worri hordofan gara seeraa hin geenne. Kun maali'iif? Huji'iin malee, qajeellumma'aan amantaa waan hin hordofneef. «Kunoo, dhagaa gufachiisu, sakaallaa dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaya, ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreefame dhagaa gufachiisuun gufatan.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16