bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 13
Romans 13
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Namni maruu worra bulchaniif haa ajajamanii; Rabbiin irraa yoo ta'e malee, baalliin waan hin jirreef. Worri jiran ka baallii qabanillee Rabbiin muudaman.
2
Kanaafuu worra baallii qabuun ka mormu, seera Rabbii morma; Worri seera Rabbii mormu murtee ufitti fida.
3
Bulchoonni worra hamaa hojatan malee, worra waan mishaa hojjatan waan hin sodaachifneef, worra baallii qaban akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan mishaa hojjadhu; galata isarraa argattaa.
4
Worri baallii qaban tajaajiltoota Rabbii ka waan mishaa sii godhan waan ta'aniif, akkanumaan waan guraadee hin hidhanneef, yoo waan hamaa hojjate sodaadhu; inni tajaajilaa Rabbii ka worra hamaa hojjatan irratti dheekkamsa fiduun haluu baasu waan ta'eef.
5
Kanaafuu waan dheekkamsaa calla'aa miti. Haata'uu ammoo akkasuma yaada sammu'uutiif bitamuunillee giddi'i.
6
Kanaafuu akkasuma gibirallee waan gabbartaniif worri waan kanaan jabaatan tajaajiltoota Rabbii waan ta'aniif.
7
Maraafuu waan isaaniif barbaachisu isaanii kenna, ka gibirri maleef gibira, ka qarandhi maleef qaraxa, ka sodaatamuu barbaachisu sodaa'a, ka ulfinni maleef ulfinna kennaa'a.
8
Gatiin isin wol irraa qabdan, wol jaalachuu haata'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera.
9
«Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan ragaa hin bayin, hin hawwin» jedhu ajaja biraa maraa woliin, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu» dubbii jedhuun wolitti qabameera.
10
Jaalalti goshoo ufiititti waan hamaa hin godhu. Kanaaf jaalalti raawwii seeraati.
11
Hennaan hirribaa kaatan amma akka gaye bara beekaa'a, hennaa amanne caalaa fayyuun keenna adha gara keenna waan dhiyaateef.
12
Halkan lufeera, guyyaanillee dhiyaatera, eegasuu hujii dukkanaa mulqannee, wontee ifa woraanaa haa uffannuu.
13
Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in.
14
Haata'uu ammoo Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin uffadhaa'a; akka fedha ufii hin raawwanne, fooniif hin yaadinaa'a.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16