bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 11
Romans 11
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Eegasuu Rabbi banii ufii hin gatee ree? jedha. Horomaa hin ganne! Ani akkasuma Israa'el fiixaa Abrahaamii ka gosa Biiniyaamii ti.
2
Rabbi banii duraan beeke hin ganne. Isin waan Eliyaasii attamitti akka Rabbiin afo'otti Israa'eliin himate kitaabni maal akka jedhe hin beettanii?
3
«Goofta'a! raattota keelee hin ajjeessan, hulee ciinca'aa keellee hin diigan; anillee hojja kiyyatti hafe; nallee ajjeessu'uuf na soqa'aaran»
4
Haata'uu ammoo deebiin Rabbii maal jedheen? «Namoota kuma torbaa Ba'aaliif ka hin saganne ufiif hanbifadheera»
5
Akkasuma bara kanallee worri Rabbi badhaadhummaa ufiitiin filate, worri hafan hin jiran.
6
Yoo badhaadhaan ta'e ammoo huji'iin ta'uun isaa hafeera; yookaan ammoo badhaadhinni badhaadha ta'uun isaa hafeera.
7
Eegasuu maal ta'inna? Israa'el waan barbaadan hin arganne. Worri filataman ammoo argataniiran.
8
Akkuma barreeffamni woyyuun jedhu, «Kuuwwanillee hadoodaniiran, akkasuma ijji isaanii akka hin argine; gurrii isaaniillee akka hin dhageenne, Rabbi haga adhaatitti hafuura hirribaa isaanii kenne»
9
Daawitillee, «Nyaanni isaanii siiboo nama qabu, boollaa fi gufuu isaanitti haata'u.
10
Ijii isaanillee akka hin argine isaanitti haa dukkanaayu; duddi isaaniillee hennaa maraa haa goorratu jedheera.
11
Eegasuu worri gufatan haga kufaniifii? jedha; miti. Haata'uu ammoo isaan hinaafsisiisu'uuf balleessaa isaaniitiin, fayyinni worra Yihuudota hin taaneef ta'e.
12
Haata'uu ammoo balleessaan isaanii durummaa adunya'aatiif mooyatamuun isaanii durummaa worra Yihuudota hin taaneef yoo ta'e keessattuu guuttamuun isaanii attam ta'inna?
13
Isiniif worra Yihuudota hin taaneetillee hin dubbadha. Ani haguma worra Yihuudii hin taanee ergamaa ta'e saniin. Worra fira kiyya ta'an hinaafsisee maal laataa isaan keessaa garii yoo ka fayyisu ta'e jedheeti, tajaajila kiyya kabajja.
15
Gatamuun isaanii adunya'aaf araarama yoo ta'e, jireenna du'aa ka'u'uun argame malee, deebi'uun isaanii ammoo maal ta'inna laata?
16
Hangafni woyyuu yoo ta'e, worri hafe ammoo woyyoota ta'an. Hiddi woyyuu yoo ta'e, dameen isaallee akkasuma woyyuu ta'a.
17
Haata'uu ammoo damee keessaa gariin yoo caban, attillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda zayitii ejersa baasu irraa yoo qodamaa taate, damee irratti hin booniin.
18
Yoo ittiin boonte ammoo, hiddatu si baata malee, ati hidda hin baattu.
19
Eegasuu, «Akka ani galuuf dameen caabeera» jetta ta'a.
20
Sun dhugaa'a; isaan amanuu dhabuu isaaniitiin caban; atillee sababaa amantaa keetiitiin dhaabatteerta; sodaadhu malee, waan uf jaju'uu hin yaadin.
21
Rabbi dameewwan akka dhalatanii jiranii yoo garaa hin laafne ta'e, siifillee akkasuma garaa waan hin laafneef.
22
Eegasuu gara laafummaa Rabbiitii fi gar-jabummaa isaa laali. Gar-jabummaan isaa worra kufan irratti; arjummaa isaatiin jabaattee yoo jiraatte ammoo, arjummaan Rabbii sirra jira. Akkas yoo ta'uu dhabaate atillee akkasuma hin muramta.
23
Isaan amanuu dhabuu isaaniitiin jabaatanii dhaabatuu yoo baatan, deebi'anii muka keessa seenan. Rabbi deebisee isaan galchuu waan danda'uuf.
24
Ati uumamaan ejersa gammojji'ii irraa muramtee akka uumama keetii uduu hin taane, yoo ejersa mishaa keessa seente, caala'aatti dameewwan uumamaan jiran, sunniin ejersa ufiititti attamitti hin galle?
25
Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif, worri Israa'elii gariin hadoodeera.
26
Akkasuma Israa'el maruu hin fayya akkuma jedhamee barreeffame, «Qorsi Tsiyooniin irraa dhufa. Yaaqoobiin irraa cubbuu hin balleessa.
27
Cubbuu isaaniillee hennaa isaan irraa fuudhe waadaan ani isaan woliin galu kana.
28
Karaa Oduu Nagayaatiin waan keessaniif diintota ta'aniiru. Karaa filaanno'otiin ammoo waan abbootaatiif jaalatamtoota.
29
Rabbi kenna'aa fi badhaadha waamsa ufiitiin hin gaabbu.
30
Isinillee dura Rabbiif akkuma hin ajajamne amma ammoo sababaa ajajamu dhabuu keessaniitiin dhiifamsa akkuma argatan,
31
Akkasuma araara barattaniin isaanillee akkasuma araara akka argatan kunniinillee akkasuma amma hin ajajamne.
32
Rabbi maraafuu dhiisu'uuf ajajamuu diduu isaanii jalatti, namoota maraa akka booji'aman godhe.
33
Durummaan ogummaa Rabbiitiif beekkomsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekamne.
34
Kitaabni Woyyuun «Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? Yookiin ka isa gorsu eennu?
35
Yookiin ka Rabbii liqeessee liqaa san fudhatu eennu? dura ka isatti kenne eennu?» jedha.
36
Maruu isarraa, isaan, isaaf waan ta'eef, bara baraan isaaf ulfinni haata'u! Amiin!
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16