bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Romans 5
Romans 5
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Eegasuu amanta'aan yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu.
2
Nullee akkasuma isaan gara badhaadha kanaa amanta'aan galuu arganneerra. Kanaaf nullee abdii ulfinna Rabbiitiin boonna.
3
Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo rakkinni obsa, obsillee ataabee, ataabeenillee abdii akka namaa godhu beeka'aa rakkinna keennaanillee uf janya.
5
Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalali Rabbii waan qalbii kenna keessatti guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.
6
Uduu nu dadhabdoota taaneerru, hennaa barri gaye Kiristoos cubbamtootaaf du'eera.
7
Waan nama qajeela'aatiif ka du'u arguun guddaa rakkisa. Nama arja'aaf ka du'uu uggu maal laataa hin argama ta'a.
8
Haata'uu ammo uduma nu cubbamoota taaneerru Kiristoos waan keennaaf waan du'eeruuf; kun jaalala Rabbi nuuf qabu mudhisa.
9
Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin lola Rabbii jalaa hin baana.
10
Nu uduu diintota Rabbii taaneerru, du'a Ilma ufiitiin Rabbiin wolitti yoo araaramne, caala'atti ammo haga araaramneen maayii jireenna isaatiin hin fayyina.
11
Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo araara amma argane karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiinillee uf janya.
12
Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette.
13
Seerri uduu hin dhufneen duratti, cubbuun biyya lafaa irra waan jirtuuf. Haata'uu ammoo hennaa seerri hin jirree cubbuun hin laakkayamu.
14
Haata'uu ammoo fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalaqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef.
15
Haata'uu ammoo kennaan isaa haga yakka namaatii miti, sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera.
16
Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe.
17
Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa kennaa badhaadhinnaa worri argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan.
18
Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe.
19
Ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamoota akkuma ta'an, akkasuma ammo ajajama nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.
20
Dhufuu seeraatiin balleessaan baay'ate, Haata'uu ammoo cubbuu baay'ateef cubbuun du'a irratti akkuma mooye, akkasuma ammoo, sababaa badhaadhummaa Gooftaa Yesuusiitiin, sababa qajeellummaatiif jireenna bara baraatiin akka mooyuuf badhaadhinni maraa caale.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16