bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 19
Isaiah 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 20 →
1
Ergaan marroo biyya Gibxi'ii ta asii gad jirtu: Mootiin Waan Maraa duumensa ariifata'aan gara biyya Gibxi'ii dhufiisatti jira; waaqoti dharaa ka biyya Gibxi'ii isa duratti hin sheephisan; gadhaan kolbaa Gibxi'ii hin sheephisa.
2
Mootiin Waan Maraa, «Ani Gibxoota, Gibxoota irratti, obboleessa, obboleessa irratti, fira, fira irratti, qachaa, qachaa irratti, mootummaa, mootummaa irratti hin kaasa.
3
Worri Gibxi'ii guddoo hin sodaata; karoorri isaaniille akka hin muummonne hin godha; isaan waaqota dharaa, ayyaana ekera'aatii fi worra ekeraa dubbisu irraa gorsa hin gaafatan.
4
Worra Gibxi'ii harka goottaa gadhaa jabaatutti dabarsee hin kenna; mootiin nama sodaachisulle isaan hin bulcha. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbadheera» jedha.
5
Lagi Nayilii hin goga; bisaanille laga keessaa hin bada.
6
Lagi sun hin ajowa; bisaan angure'ee ka Gibxi'iille dhidhatee hin goga; beele'ee fi allaaduun hin qoorti.
7
Biqiltuun qarqara Nayilii marti hin qoorti; wonni qarqara Nayiliititti facaafame marti gogee, qilleensaan hin fudhatanti.
8
Worri qurxummii guuru hin gadda; worri malxaqqoo ifii laga Nayilii keessa buusu duudiin hin bowa; worri caccoo ifii bisaan keessatti afatu duudiin addii hin kutata.
9
Worri fuuttaa baasuu fi worri quncee talba'aa irraa woyaa dhowu addii hin kutata.
10
Worri woyaa dhowu kun si'a hin dhaba; worri qaxaramee huju martille hin gaddan.
11
Qondaaltoti qachaa Zo'aanii ijjumaa gowwoole'e; gorsi qaroolee Fara'oonii gatii hin qabu; isin attam Fara'ooniin, «Nuuti qaroole'e; maatii mootota duriitille'e» ifiin jettanii ree?
12
Ee Fara'oon, qarooleen teeti eessa jiran? Isaan waan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, biyya Gibxi'ii irratti yaade sitti himanuu ti.
13
Qondaaltoti qachaa Zo'aanii gowwiteerti; qondaaltoti qachaa Memfiisiille sobanteerti; sooressitooti Gibxi'ii gugurdoon kolbaa Gibxi'ii karaa irraa gorsiteerti.
14
Mootiin Waan Maraa ayyaana isaan joonjessu isaanitti buuse; isaan akka nama machowee adaala diddiga ifii tittimuu, biyyi Gibxi'ii waan gootu maraan akka tintintu godhaneeran.
15
Worri mata'atti yookiin eege'etti, damee muka meexxi'iititti yookiin allaadu'uutitti fakkeeffamane, biyya Gibxi'iitiif waan tokkolle godhuu hin dande'anu.
16
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, worra Gibxi'ii adabiisaaf harka ifii yennaa ol fuudhu, Guyyaa san isaan akka dubarti'ii hin te'an; sodaataneelle hin romman.
17
Biyyi Yihuda'aa biyya Gibxi'ii hin bararassiti; sababa Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade biyya Gibxi irratti waan hantuu yaadateef, nami maqaa Yihuda'aa dhage'u marti hin bararaqa.
18
Guyyaa san qachooti biyya Gibxi'ii keessa jiranu shan, ka afaan Kana'aanotaa dubbatanu, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin hin kakatan; qachoota kana keessaa tokkochi, «Qachaa badi'ii » hin jedhama.
19
Guyyaa san lafa Gibxi'ii wodhakka'atti addeen ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif hin ijaaranti; meessaa lafa Gibxi'ii irralle'etti soodduun isaaf hin dhaabanti.
20
Tun lafa Gibxi'ii keessatti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef beessisaa fi dhugaa baya hin teeti; sababa worra isaan cunqursuutiif yennaa isaan gara Mootii Waan Maraa iyyanu, inni fayyisaa isaaniif loluu fi ka diina jalaa isaan baasu isaaniif hin erga.
21
Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'iititti ifi hin mudhisa; guyyaa san worri Gibxi'iille isa hin beekan; isaan ciinca'aa fi kennansa midhaanii isaaf dhikeessiisaan isa hin waaqonfatan; isaan waadaa isaaf hin galan; waadaa saniille hin muummessan.
22
Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'ii hin adaba; achiin duuba ammoo isaan hin fayyisa; isaan gara isaa hin deebi'an; innille daadimata isaanii dhage'ee, isaan hin fayyisa.
23
Guyyaa san karaan biyya Gibxi'iitii ka'ee, haga biyya Asooriititti hin baya; worri Asoorii gara biyya Gibxi'ii, worri Gibxi'iille gara biyya Asoorii hin dhaqan; worri Gibxi'ii worra Asoorii woliin Waaqa hin waaqonfatan.
24
Guyyaa san Israa'el biyya Gibxi'iitii fi biyya Asoorii woliin eebba biyya lafaa te'iisaaf, biyya sadeesso'oo hin teeti.
25
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kolbaan tiyya ta biyya Gibxi'ii, kolbaan biyya Asoorii ta ani harka kiyyaan dade, kolbaan Israa'elii ta ani filadhelle ka eebbifamane te'anuu ti» jedhee hin eebbisa.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66