bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 51
Isaiah 51
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 50
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 52 →
1
Mootiin Waan Maraa, «Isin worri balchummaa hordottanu, worri ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu na caqasa'a. Rassaa irraa dhaggantane, boolla bisaanii ta keessaa ol baatanelle ilaala'a.
2
Gara abbaa keessan Abrahaamii, gara Saaraa isin deetteelle ilaala'a. Ani yennaa isa waame inni uumaa hin qabu; ani ammoo isa eebbisee isa baceesse.
3
Ani Mootiin Waan Maraa Xiyoon hin jajjabeessa; waan isii duraa diigame maraaf hin marara. Goomolee isi'ii akka fichaa Edenii lafa isi'ii godduu akka oorruu tiyyaa hin godha. Ililleetti'ii fi gammad isii keessatti hin dhaggama; qoonqoo galataatii fi faaru'uu achi keessatti hin dhage'anti.
4
«Ee kolbaa tiyya na caqasa'a; waan jedhulle dhage'a'a. Seerri na biraa hin baya; muraan tiyyalle gosa biyya adda addaatiif ifa hin teeti.
5
Balchummaan tiyya ariiti'iin dhikaatiisatti jirti; fayyisiisi kiyyalle dhaqqabiisatti jira; irreen tiyya gosa biyya adda addaatiif haqa hin fiddi. Worri oddoola keessaa gara kiyya hin ilaalan; irree tiyyalle addi'iin hin eegatan.
6
Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa, gad jedha'aatii lafa ilaala'a; ol-gubbbaan akka aaraa hin baddi; lattille akka woya'aa hin dulloonti; worri isii irra le'u akka tiitichaa hin dhumatan. Fayyisiisi kiyya ammoo, haga bara baraa ti; balchummaan tiyyalle ijjumaa dhuma hin qaddu.
7
«Isin worri balchummaa beettanu, isin kolbaan seera kiyya gadhaa keessan keessaa qaddanu na dhage'a'a. Murgoo namootaa hin sodaatina'a; yookiin yennaa isaan isin arrassanu hin rifatina'a.
8
Qu'een akka woya'aa isaan hin nyaatti; corroxxi akka rifeensa hoole'ee isaan hin nyaatti. Balchummaan tiyya ammoo haga bara baraa ti; fayyisiis kiyyalle dhaloota irraa dhalootatti hin dabara» jedha.
9
Ee irree Mootii Waan Maraa, ka'i, ka'i! Hunna teeti mudhisi! Akka bara durii, akkuma dhaloota durii durii keessaa ka'i! Jawwee guddittii abbaayaa keessaa, ta, «Rahaab» jedhanu san kukkuttee, ka woraante si'ii motii ree?
10
Worri ati wodatte akka gamatti bu'uuf, ka abbaaya'aa fi bisaan qilee guddo'oo gosse, ka qilee abbaaya'aa keessatti karaa baase si'ii motii ree?
11
Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an; isaan faarfataa gara Xiyoonii hin seenan; gammada bara baraa akka kallachaa mataa ifiititti hin keyatan. Gammadaan hin burraaqan; gaddii fi bowiisi isaan irraa hin fagaata.
12
Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Ka isin jajjabeessu ana; anuma qofa. Namoota du'anu, ilmaan namootaa ta akka marraa goddu, maaf sodaattan ree?
13
Ana Mootii Waan Maraa ka isin dade, ka ol-gubbaa diriirsee hundee lafaa hundeesse deetanee, maaf guyyaa mara aarii worra isin cunqursuu, ka isin balleessiisaaf barbaaduu sodaattan ree? Aariin worra isin cunqursuu meet ree?
14
Worri hidhameeru ariiti'iin hin bayan; isaan hin du'anu; gara qile'eelle gad hin bu'anu; sagalee nyaatanulle hin dhabanu.
15
«Danbaliin akkuma bulphittu abbaayaa ka raasu, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
16
Ani ol-gubbaa diriirsee, hundee lafaalle hundeesse; ani Xiyooniin, ‹Ati kolbaa tiyya; jecha kiyya afaan keeti keessa hin keya; gaaddisa harka kiyyaatille'een si hin golla› hin jedha» jedhe.
17
Ee Yerusaalem, muduunuu mufii Mootii Waan Maraa harka isaa irraa ta unte, muduunuu mufi'ii ta gatantarsitu, cumaan isi'iille adoo hin hafin ta xuuxatte, dammaqi, dammaqi ka'iitii dhaabbadhu.
18
Ilmaan ati deette mara keessaa, ka si sooressu tokkolle hin jiru; worra ati gudditte mara keessalle'ee ka harka qabee si sooressu hin jiru.
19
Badiin badii irratti sitti dhutteerti; eentu si jajjabeessa ree? Tunille diigamiisa, badiisa, beelaa fi woraana. Eentu si woliin gadda ree?
20
Mufi'ii fi xixichi Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii waan isin dhaqqabeef, ilmaan teessan akka buddannee tiyyo'oon qabantee, woldeennaa kara'aa mara irratti gaggaddee irkatteerti.
21
Tanaaf isin daadhii woyni'iitiin adoo hin te'in, rakkinnaan ka machoottane tana dhage'a'a.
22
Mootiin Waan Maraa keessan ka Waan Mara Dande'u, Waaqi kolbaa ifiitiif falmu isiniin, «Kunoo, muduunuu isin gatantarsitu, harka keessan irraa fuudheera; deebitaneelle muduunuu mufi'ii tiyya irraa, ijjumaa akka isin hin unne hin godha.
23
Muduunuu rakkinnaa san harka worra si farrisiisuu, ka si'iin, ‹Gad gombifam, nuuti si irra ideenna› jedhutti hin kenna. Atille akka isaan irra ideemanuuf dudda keeti akka lafaatii fi kara'aa gooteef» jedha.
← Chapter 50
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 52 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66