bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 63
Isaiah 63
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 62
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 64 →
1
Ka woyaa diintuu uffatee, biyya Edoomii, qachaa Bozraa irraa dhufiisatti jiru kun eennu? Ka woyaa dansaa uffatee, hunna ifii guddo'oon as dhufiisatti jiru kun eennu? Inni, «Ani, Mootii Waan Maraa ka balchumma'aan dubbatu, ka fayyisiisaaf hunna qabu» jedha.
2
Nami tokko, «Woyaan teeti akka woyaa worra woynii cunfuu, maaf diimatte ree?» jedhee gaafata.
3
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani qofii tiyya woynii cunfeera; gosa biyya adda addaa keessaa nami tokkolle na woliin hin jiruuyyu. Ani aarii tiyyaan isaan irra sirbee, mufii tiyyaan isaan butuche; dhiigi isaanii woyaa tiyyatti faffaca'ee, woyaa tiyya halle.
4
Ani guyyaa haluu itti bayu murteesseera; barri ani kolbaa tiyya wodulle dhikaateera.
5
Ani adaala kiyya ilaale; nama na qarqaaru tokkolle dhabe. Nama qarqaaru waan dhabeef maadeffadhe. Maarre, irreen tiyya fayyinna naa fiddee, mufiin tiyya na qarqaarte.
6
«Ani aarii tiyyaan gosa biyya adda addaa irra sirbe; mufii tiyyalle'een isaan macheessee, dhiiga isaanii lafatti dhangalaase» jedhee hin deebisa.
7
Ani jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa, waan nuuf godhe maraaf, hujii inni ittiin leellifamu, akka marartii ifiitii fi jaalala ifii ka bara baraatitti, Waan guddoo dansaa inni Israa'eliif godhe hima.
8
Inni isaaniin, «Isaan dhugumaan kolbaa tiyya; ilmaan na hin sonne» jedheera; tanaaf inni fayyisaa isaanii te'e.
9
Yennaa isaan rakkatanu mara innille rakkate; ergamaan isaa ka isa bira jiru isaan baase. Inni jaalala ifiitii fi marartii ifiitiin isaan wode; inni bara duriitii jalqabee yennaa mara ol fuudhee isaan ba'ate.
10
Isaan ammoo finqilanee, ayyaana woyyicha isaa gaddisiisane. Tanaaf, inni garagalee diina isaanii te'ee, ifumaaf isaan lole.
11
Achiin duuba kolbaan bara durii, bara Muuse'eetii fi Israa'eloota isa woliin jirtu qaabattee, «Ka sooressitoota woliin kolbaa ifii abbaayaa keessa akka gamatti bu'anu godhe, ka ayyaana woyyicha ifii isaan keessa keye meet?
12
Irree ifii ta ulfinna qadduun ka midda Muuse'ee dhaabbate, ka ulfinna maqaa ifii bara baraan akka beekkamu godhiisaaf, isaan duratti bisaan gargar kute eennu?
13
Akka farda lafa duwwaa keessa ideemuu, qilee bisaanii keessa adoo hin gufatin akka isaan gamatti bu'anu ka godhe eennu?
14
Akka loon dirre'etti gad bu'anee foorfatanuu, ayyaanni Mootii Waan Maraa akka isaan foorfachiisu ka godhe eennu?» jetti. Ulfinni maqaa keetii akka beekkamuuf ati kolbaa teeti akka kanaan sooressite.
15
Ee Mootii Waan Maraa, barcumaa mootumma'aa keeti woyyicha, ka ulfinna qabuu fi ol aanaa irraa ol-gubba'aa gad nu ilaali! Hinaaffa'aa fi hunni teeti meet ree? Gadhi-laafumma'aa fi marartiin teeti nu irraa fagaatteerti.
16
Ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; Abrahaam nu beekuu dhabulle yookiin Israa'el nu qaabbii dhaddulle, ati ammoo abbaa keenna. Maqaan keeti duruuyyuu wodoo teenna.
17
Ee Mootii Waan Maraa, maaf akka nuuti karaa keeti irraa gorru nu goota? Akka nuuti si hin sodaaneefille, maaf gadhaa keenna jabeessita? Tajaajiltoota teetii fi gosa dhaala keeti te'aneef jedhiitii deebi'i.
18
Kolbaan teeti woyyittiin yennaa diqqo'oof, addee woyyittii teeti dhaalte; amma ammoo, diinoti keenna addee woyyittii teeti irra sirbane.
19
Nuuti akka worra ati dur ijjumaa bulchitee hin beennee, akka worra maqaa keetiin waamamee hin beennee teeneerra.
← Chapter 62
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 64 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66
Recommended Reading
Commentary
Isaiah Commentaries
→
Devotional
Isaiah Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→