bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 59
Isaiah 59
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 58
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 60 →
1
Kunoo, harki Mootii Waan Maraa fayyisiisaaf hin gabaabbanne; gurri isaalle dhage'iisa hin dadhanne.
2
Yakkaan teessan ammoo Waaqa keessan irraa gargar isin baatteerti; akka inni isiniif hin dhageenne, cubbuun teessan akka inni fuula ifii isin irraa deebifatu gooteerti.
3
Harki keessan dhiigaan, qubi keessanille yakka'aan battoweera. Afaan keessan dhara dubbata; arrabi keessanille waan hantuu dubbata.
4
Nami haqaan ideemuu fi nami haajaa ifii dhuga'aan dhikeeffatu tokkolle hin jiru. Moromaa bu'aa hin qannetti addatanee, dhara dubbatan. Miidhaa gadha'atti qabatanee, hammeenna fidan.
5
Isaan quuphaa buuti'iititti kabban; mana saaphuphu'uu ijaaran; nami quuphaa san nyaatu marti hin du'a; quuphaa cabu san keessaa ilmee buuti'iititti baya.
6
Manni saaphuphu'uu sun woyaa dhowiisaaf hin te'u; waan dhowatanu san uffatiisa hin dande'anu; hujiin isaanii hujii hammeennaa ti; harki isaanii hujii hammeennaatiin guutameera.
7
Miilli isaanii waan hantuu hujiisaaf ori'a; isaan dhiiga nama yakkaa hin qanneelle dhangalaasiisaaf ariifatan; yaadi isaanii yaada hama'a; gara deemanu maratti hujiin isaanii hujii diigiisaatii fi balleessiisaa ti.
8
Isaan karaa nageyaa hin beekanu; daandii isaanii keessalle haqi hin jiru; isaan karaa ifii daddassaneeran; nami karaa san irra deemulle nageya hin dhaggatu.
9
Tanaaf kolbaan, «Haqi nu irraa fagaate; balchummaalle nu bira hin geettu. Nuuti ifa barbaanna; ammoo marti dukkana; nuuti ifaa guddaa barbaanna; ammoo dukkana dimma keessa ideemiisatti jirra.
10
Akka nama balla'aa dalleya qaqqabataa, akka nama ila hin qannee karaa barbaadanna; akka waan dimimmisaa guyya'aan gufanna; odduu worra jajjabaatitti, akka worra du'ee teene.
11
Nuuti marti akka doobba'aa hin gururaana; akka saphaliisaa aadiisaan wiiccifannee boonna. Haqa barbaanna; ammoo hin dhaggannu; fayyinna barbaanna; ammoo nu irraa fago'o.
12
«Balleessaan teenna fuula keeti duratti baca'a; cubbuun teennalle nu irratti dhugaa baati. Balleessaa teenna beenneerra; yakkaa teennalle hubanneerra.
13
Nuuti Mootii Waan Maraa irraa finqillee isa sonneerra; Waaqa keenna hordofiisa irraa deebineerra; nama cunqursiisaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa yaadanna; dhara gadhaa keenna keessatti yaadanne dubbanna.
14
Tanaaf haqi duubatti deebi'ee, balchummaan fagaatteerti; Dhugaan karaa irratti gufattee, addatamummaan qachaa seenuu hin dandeenne.
15
Dhugaan dhabante; nami waan hantuu irraa gorulle hin saamama» jetti. Mootiin Waan Maraa haqi akka hin jirre dhaggee, gadde.
16
Inni worra cunqurfame ka qarqaaru nami tokkolle akka hin jirre dhaggee baaseffate; maarre inni irree ifiitiin fayyinna fide; balchumuma isaatitti isa qarqaare.
17
Inni balchummaa akka qomoo sibiilaa uffata; fayyinna akka gullee sibiilaa keyata; inni haluu akka woya'aa, hinaaffaalle akka bullukko'oo uffate.
18
Inni akkuma hujii isaaniititti worra isa mormu irratti mufii ifii hin fida; diinota ifiitii fi kolbaa oddoola keessa leetulle'eef gatii hujii isaanii hin kenna.
19
Mootiin Waan Maraa akka bisaan abbaaya'aa ka bubbe'een darbamuu, waan dhufuuf, worri gara aduun seentu jiru maqaa Mootii Waan Maraa hin sodaatan; worri gara aduun baatu jirulle ulfinna isaa hin sodaatan.
20
Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ka wodu, gara Xiyoonii, gara worra sanyii Yaaqoobii keessaa cubbuu ifii irraa deebi'anee hin dhufa» jedha.
21
Mootiin Waan Maraa, «Gondooroon ani isin woliin godhadhu: ayyaanni kiyya ka ani isiniif kennuu fi jechi kiyya ka ani afaan keessan keessa keyu, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee teessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee teessanii keessaalle'ee adhaa jalqabee haga bara baraa hin dhabamu» jedha.
← Chapter 58
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 60 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66