bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 5
Isaiah 5
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 6 →
1
Ani amma jaalallee kiyyaaf marroo oorruu isaa ta muka woyni'ii faaruu hin faarsa. Jaalalleen kiyya kooba lafa laattuu irratti muka woyni'ii tokko qabaayyu.
2
Inni lafa qotee dhakaa keessaa guuree, sanyii woynii dansa'aa achitti dhaabe; xelleephoolle wodhakka'atti ijaaree, addee midhaan woyni'ii itti cunfanu miidhasseef. Achiin duuba inni midhaan dansaa buutti jedhee eeggate; woyniin ammoo midhaan dhangaggowu buutte.
3
Maarre jaalalleen kiyya, «Isin worri Yerusaalemii fi Yihudaa keessa leetanu, waan anaa fi oorruu muka woyni'ii tiyyaa wodhakkaa jiru irratti muraa kenna'a.
4
Tana caalaa muka woynii tiyyaatiif, maan godhuu qaba ree? Midhaan dansaa buutti jedhee adoo eegadhuu, midhaan hadhowaa maaf buutte ree?
5
«Yoona oorruu muka woyni'ii tiyya maan akka godhu isinitti hima; dalleya irraa buqqisee, bineensoti akka dheedanu hin godha; bineensoti akka irra sirbanu, dalleya dhaka'aalle irraa hin diiga.
6
Ani addee muka woyni'ii san lafa duwwaa hin godha; muki woyni'ii sun hin quxamu yookiin jalli isi'ii hin qotamu; qore'ee fi qumi'uuduun achi keessatti hin latti; bokkeenni akka itti hin roonneefille duumensa hin ajaja» jedha.
7
Muki woyni'ii ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade sun, gosa Israa'elii ti; kolbaan Yihuda'aa oorruu inni itti gammadu. Inni haqa barbaade, ammoo, dhiiga dhangalaasiisa dhagge; balchummaa barbaade, ammoo, iyya rakkinnaa dhage'e.
8
Isin worra addeen tokkolle hin hafin, mana qaddanu irratti mana, fichaa qaddanu irralle'etti fichaa ede'attanee, lafa fudhattanee qofii qofii teessan leetanuuf aanne'e!
9
Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, adoo ani dhage'uu, «Dhugumaan manni hedduun hin ona; manni gugurda'aa fi dadansaan nama malee hin hafan.
10
«Midhaan woyni'ii ka lafa hekitaara kudhanii, cunfaa woyni'ii litirii saddeeti qofa hin te'a. Sanyiin kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettamaa facaafantee, midhaan kiiloo kudhanii saddeeti qofa hin kenniti» jedhe.
11
Worra untoo macheessitu barbaadatiisaaf ganamaan ka'uuf, worra haga untoon jadduun isaan guddutti, haga halkanii turanuuf aanne'e!
12
Isaan jila ifii irratti kiraara guddichaa fi Maseenqoo, dibbee, suusulle'ee fi daadhii woyni'ii qaban; ammoo hujii Mootii Waan Maraa itti hin xiyyeeffanne; hujii harka isaatiifille ulfinna hin kennine.
13
Tanaaf kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan hin booji'anti. Sooreyyiin isaaniille beelaan hin dhumatti; kolbaan bindillaalle dheebu'uun hin gubatti.
14
Tanaaf Boolli awwaalaa gadhaa badhifattee, afaan ifiille akka malee banatteerti; isiin qondaaltota Yerusaalemiitii fi kolbaa wolitti qabantee gammadaan hogittu hin liqinsiti.
15
Maarre nami hin salphata; worri kooru duudiin gad hin qabama. Ilti worra kooruulle lafa hin ilaalti.
16
Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade ammoo, haqa ifiitiin ol ol hin jedha; Waaqi woyyichille woyyummaa ifii balchummaa ifiitiin hin mudhisa.
17
Achiin duuba hooleen akkuma kaloo ifii achi keessa hin dheeddi; korbeeyyiin hoole'ee gagabboon lafa onte ta worra dureeyyi'ii keessa hin dheeddi.
18
Worra wodaroo sobaatiin yakkaa harkisuuf, worra wodaroo garreetta'aatiin cubbuu harkisuuf aanne'e!
19
Worra, «Nuuti akka dhagginuuf, Waaqi ariifatuu ti; hujii ifiille ariifachiisuu ti. Nuuti akka beennuuf, karoorri woyyicha Israa'elii ariiti'iin muummowuu ti; dafeelle dhufuu ti!» jedhuuf aanne'e.
20
Worra «Hantu'uun dansaa, dansa'aan hantuu, dukkanaan ifa, ifaan dukkana, waan hadhowuun mi'owaa, waan mi'owuun hadhowaa» jedhuuf aanne'e!
21
Worra qaro'oo fi qaruuxee ifi seyuuf aanne'e!
22
Worra daadhii woyni'ii uniisatti jannoota te'aneef, worra untoo macheessitu wolitti makiisaan beekkameef aanne'e!
23
Worra safuu fudhatee yakkaamessa bilisa baasu, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggatuuf aanne'e!
24
Isaan seera Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade didanee, jecha Waaqa woyyicha Israa'elii waan tuffataneef, akkuma bobeenni ibiddaa hicaace'ee fi marra gogaa gubee balleessu, akkasuma hiddi isaanii hin shama; daraaraan isaaniille akka buku'uu afuufamee hin bada.
25
Tanaaf, aariin Mootii Waan Maraa kolbaa isaa irratti bobeetteerti; inni harka ifii ol fudhatee isaan dhoweera; gaaroti raafamaneeran; reeffi akka kosi'ii karaa keessatti tuulame; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
26
Inni gosa biyya adda addaa, ta fagoo jirtuuf beessisa dhaaba; kolbaa qaccee biyya lafaa jirtu waamiisaaf siissa. Isaanille dafanee ariiti'iin dhufan.
27
Isaan keessaa ka dadhabuu fi gufatu, ka muguu fi ka rafu hin jiru; hiituun hidha isaanii hin luttu; hidhaan kophee isaaniille hin citu.
28
Daayi isaanii qara qaba; guubeen isaanii marti gad lakkifamiisaaf qophootteerti; kotteen fardoo isaanii akka dhakaa qara qabuu ti; korboon garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu akka hobonbolatti'ii fiiddi.
29
Isaan akka neenqaatii fi akka dardaroota neenqaa dhangaa dhowan; waan adansanee qabatane itti gurura'anee, fudhatanee deeman; nami isaan irraa buusu tokkolle hin jiru.
30
Guyyaa san isaan akka danbalii abbaaya'aa hin bulphisan; kolbaan yennaa lafa ilaaltu, dukkanaa fi rakkinna hin dhaggiti; ifinuu duumensaan hin gollama.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66
Recommended Reading
Commentary
Isaiah Commentaries
→
Devotional
Isaiah Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→