bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 7
Isaiah 7
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 8 →
1
Bara akaakoon Uziya'aa ilmi Yotaamii Ahaaz, Yihudaa irratti mootii te'e, mootiin Sooriya'aa Resiinii fi mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan, Yerusaalem loliisaaf itti duulane; ammoo isii injifatiisa hin dandeenne.
2
Worri Sooriya'aatii fi worri Efreemii akka wolii galane, mootiin Yihuda'aa Ahaaz yennaa dhage'e, akkuma muki badda'aa qilleensaan raafamu, gadhaan isaatii fi gadhaan kolbaa isaa raafame.
3
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Isaayaasiin, «Atii fi ilmi keeti She'aariyaashub, Ahaaziin wol dhaggiisaaf, gara dhuma anguree gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu dhaqiitii,
4
isaan, ‹Ifi eeggadhu; cadhisi; hin sodaatin. Aarii Resiiniitiin, aarii Sooriya'aatii fi aarii ilma Remaaliya'aa ta akka jirma lamaan ibidda irraa hafanee aaranuutiin, gadhaan keeti hin sheephisin› jedhiin.
5
Worri Sooriya'aa, worri Efreemiitii fi ilmi Remaaliya'aa si balleessiisaaf mala dhowanee,
6
‹Kowa'a, biyya Yihuda'aa qabannee bittinneessinee qoodanna. Ilma Xaabe'eliille irratti mootii goona› jedhan.
7
«Ani Goottaan, Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Malli isaanii kun hin te'u; hin muummowulle'e.
8
Mataan Sooriya'aa Damaasqoo, mataan Damaasqo'oo Resiin waan te'eef, woggoota jaatamii shan keessatti Israa'el bittinnoottee, kolbaa biyya tokkoo te'iis isi'ii hin hafa.
9
Mataan Israa'elii Samaariya'a; mataan Samaariya'aalle ilma Remaaliya'aa ti. «‹Addi'iin yoo hin jabaatin, ijjumaa dhaabbatiisa hin dandeettanu› jedha» jedhe.
10
Ammalle Mootiin Waan Maraa Ahaaziin,
11
«Qilee qile'een jalaatii yookiin gubbaa ol-gubba'aatii beessisa akka si'iif kennu ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gaafadhu» jedhe.
12
Ahaaz ammoo deebisee, «Ani hin gaafadhu; Mootii Waan Maraa haga hin ilaalu» jedhe.
13
Achiin duuba Isaayaas, «Ee sanyii Daawitii, dhage'a'a! Ossa namaa haga ilaaliis isin hanqatee, Mootii Waan Maraa kiyyalle haga ilaaltanii?
14
Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el › jettee hin waanti.
15
Inni waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa yennaa beeketti, dhadha'aa fi damma hin nyaata.
16
Mucaan kun waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa adoo hin beekiniin dura, latti mootota lamaan ati sodaattuu hin onti.
17
«Mootii Asoorii si irratti kakkaasiisaan, guyyaa Israa'el Yihudaa irraa gargar baateen jalqabee, bara rakkinnaa ka te'ee hin beenne, Mootiin Waan Maraa si irratti, kolbaa teetii fi sanyii abbootii teeti ta durii irratti hin fida.
18
«Guyyaa san Mootiin Waan Maraa laga Gibxi'ii ka fago'oo irraa tiiticha, lafa Asoorii irraa kinniisa siiqu'uun sitti hin waama.
19
Isaan marti dhufanee dhooqa lafaa keessa, baqaqa rassa'aa keessa, haxanxarii qore'ee mara irraa fi addee boolla bisaanii maratti hin qubatan.
20
«Guyyaa san Mootiin Waan Maraa, haaduu laga Efraaxiisiitiin gamaa kireeffate, mootii Asooriitiin, rifeensa keessan ka mata'aatii fi ka nafaa, areeda keessanille hin haada.
21
«Guyyaa san nami tokko goronsa tokkoo fi hoolee lama qofa hin qabaata;
22
isaan waan mirganuuf, inni dhadhaa hin nyaata. Worri lafa sanitti hafu marti dhadha'aa fi damma hin nyaatan.
23
«Guyyaa san addeen muki woyni'ii kum jiru, ta gatiin isi'iille meetii kuma geettu qumi'uudu'uu fi qore'een guutanti.
24
Latti sun qore'ee fi qumi'uudu'uun waan guutantuuf, namooti guube'ee fi daaya qabatanee achi hin dhaqanu.
25
Qumi'uudu'uu fi qoree sodaatiisaan gara Koobota dur qotto'oon qotantuu haganaa achi hin dhaqanu; kooboti sun addee loonii tikatanuu fi addee hooleen burraaxxu hin teeti» jedhe.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66