bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 22
Isaiah 22
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 23 →
1
Ergaan marroo Dhooqa mudhi'ii ta asii gad jirtu: Isin maan teetanee, marti keessan heellichoo manaa gubba'atti ol baatane?
2
Ee qachaa caancaan guutame, ee qachaa hoga'aa fi caaqaa, kolbaan teeti shallaaga'aan hin ijjeefanne yookiin lola keessatti hin duune.
3
Sooressitooti teeti duudiin adduma tokko baqatane; isaan diina ifiititti guubee takkaalle adoo gad hin lakkisin booji'amane; diinni fagoo adoo jiruu isin worri baqattane martinuu adduma tokko qabantane.
4
Tanaaf ani, «Badii kolbaa tiyyaatiif, wiiccifadhee hin bowaa na irraa fagaadha'a; na jajjabeessiisaafille hin wodhaanina'a» jedhe.
5
Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u dhooqa mudhi'ii keessatti guyyaa raafama, dhiitamaa fi bararaqa fidu qaba; guyyaa san dalleenni dhaka'aa hin jijjiga; kolbaalle gara koobaa hin iyyiti.
6
Loltooti Elaamii garreettaa fardaan harkifamu, fardoo irra tee'anuu fi korojoo daayaa qopheessite; loltooti Qiirii wontee qopheeffatte.
7
Dhooqi teeti dadansaan garreettaa fardaan harkifamuun guutante; abbootiin fardaa karra qachaa keetii dura dhaabbatte.
8
Dalleenni Yihudaan itti gollattu jige. Guyyaa san isin gara meya woraanaa ka mana mootumma'aa ka gongomaa Libaanonii keessaa ilaaltane.
9
Dalleya qachaa Daawitii ka caccabe hedduu dhaggitane; bisaan baleessa gadii keessaa kuufattane.
10
Isin manoota qachaa Yerusaalemii keessa jiranu laakkottane; dalleya qacha'aalle jabeessiisaaf manoota diiddane.
11
Bisaan baleessa durii addee itti kuufamu dalleya lamaan wodhakka'atti ijaarrattane. Isin ammoo gara Waaqa tana hujee hin ilaalle; ka dur karoora baasee hujelle'eef ulfinna hin kennine.
12
Guyyaa san Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u boottanee, wiiccifatanee mataa haadattanee, woyaa gaddaallee akka uffattanuuf isin waame.
13
Isin ammoo gammaddanee ilillittanee, sangootaa fi hoolee qalattanee, foon nyaataa, daadhii woyni'iille unaa, «Boru waan duunuuf, kowa'a adha nyaannee, unna» woliin jettane.
14
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade natti dubbatee, «Dhugumaan yakkaa tanaan duutan malee, araara hin dhaggattanu» jedhe; Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbateera.
15
Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Gara Shebnaa itti gaafatamaa mana mootumma'aa dhaqiitii,
16
‹Ati asii maan hujja? Asitti addee awwaalaa akka qopheeffattu, kooba irratti addee awwaala akka bocattu, addee reeffi keeti itti foorfatu rassaa keessatti akka qopheeffattu, eentu si'iif eeyyame?
17
Ee nama jaba'a! Mootiin Waan Maraa jabeessee si qabee, fugussee si qolaansu'uu jira.
18
Inni akka kubba'aa si maree, gara biyya badho'oo si hin qolaansa; ati achitti hin duuta; garreettoti keeti ka fardaan harkifamanu ka ulfinnaa achitti hin hafan; atille mana goottaa keetiitiif salphinna hin teeta.
19
Inni addee teeti irraa gad si hin buusa; baallii teeti irralle'ee si hin kaasa› jedhiin.
20
«Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa tajaajilaa kiyya ilma Hiliiya'aa Eliyaaqim hin waama.
21
Ani woyaa ulfinnaa teeti isatti hin uffisa; hiituu teetille isatti hin hidha; baallii teeti dabarsee isaaf hin kenna. Inni worra qachaa Yerusaalemii keessa le'uuf, mana Yihuda'aatiifille abbaa hin te'a.
22
Furtuu mana Daawitii isaaf hin kenna; ka inni banu nami tokkolle cufuu hin dande'u; ka inni cufu nami tokkolle banuu hin dande'u.
23
Addee addachiittu'utti akka shikaala'aa jabeessee isa hin dongora; inni mana abbaa ifiitiif barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaa hin te'a.
24
«Ulfinni maatii isaa duudiin ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, meen didiqqaan mana keessaa, sini'ii jalqabee haga waaba'aatitti isatti hin fannifaman.
25
Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66
Recommended Reading
Commentary
Isaiah Commentaries
→
Devotional
Isaiah Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→