bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 41
Isaiah 41
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 42 →
1
Mootiin Waan Maraa, «Isin worri oddoola keessaa, na duratti cadhisa'a! Gosi biyya adda addaa jabeenna ifii haareffattee, gara kiyya dhikaattee dubbattuu ti; addee mura'aatitti wol dhagginuu ti.
2
«Balchumma'aan akka tajaajiluuf, karaa aduun baatu irraa kakkaasee ka isa waame eennu? Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne; moototi akka isaaf bitamanu godhe. Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe; guubee ifiitille'een akka qilleensa hicaacee haxowuu isaan bittinneesse.
3
Inni isaan ari'aa, rakkoo malee dabare; karaa miilli isaa qara irra ideemee hin beenne deeme.
4
Tun akka teetu ka godhee fi ka muummesse, Jalqabumaayyuu dhalooti marti akka jiraatanu ka godhe eennu? Ani Mootiin Waan Maraa ka dhaloota duraatii fi dhaloota duubaa wolille'een jiru, ani isuma.
5
«Kolbaan oddoolota keessa leetu waan ani godhe kana dhaggitee sodaatte; worri qaccee biyya lafaa jirulle romme; isaan wolitti qabamanee gara kiyya dhufane.
6
Isaan marti wol hin qarqaaran; nami tokko nama kaaniin, ‹Jabaadhu!› hin jedha.
7
Nami hujii harkaa beeku nama worqii baqisiisu hin jajjabeessa; ka burrisaan wol qixxeessu, ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa. Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaa tun, ‹Dansa'a› jedha; fakkiin sun akka hin jinneef misimaaraan dhowa.
8
«Ee Israa'el, tajaajilaa kiyya, Yaaqoobii ani filadhe, ati sanyii Abrahaamii jaala kiyyaa ti.
9
Ani qaccee biyya lafaatii si fide; biyya fago'oo irraa si waame; ani si'iin, ‹Ati tajaajilaa kiyya› jedhee, si filadhe malee, si hin ganne.
10
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin! Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara; harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
11
«Kunoo, worri sitti aare martinuu hin fokkifata; hin qaanowalle'e. Worri si irratti ka'u akka hin jirre te'anee hin badan.
12
Ati diinota keeti yoo barbaaddelle, isaan hin dhaggitu; worri si lolu akka waan hin jirree hin te'an.
13
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, ka harka keeti middicha qabee, ‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.
14
Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu, Woyyichi Israa'elii, ‹Ani waan si qarqaaruuf, ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa, Israa'elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatin› jedheera.
15
Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu, haareya qara qabuu fi ka ilkaan hedduu qabu si hin godha. Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita; koobotalle akka hicaace'ee hin goota.
16
Ati isaan hin hafarsita; qilleensi isaan ol fudhata; bubbeelle isaan hin bittinneessiti. Ati ammoo Mootii Waan Maraatitti hin gammadda; Woyyicha Israa'eliitiin hin koorta.
17
Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan, bisaan hin barbaadatan; ammoo hin dhaggatanu; arrabi isaanii dheebu'uun gogeera. Ani Mootiin Waan Maraa ammoo daadimata isaaniitiif deebii hin kenna; ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu.
18
Ani koobota godduu irraa lagi akka yaa'u; dhooqa keessaa maddi akka burqu hin godha. Goomolee gara baleessaa, lafa godduu gara maddaa hin deebisa.
19
Ani goomolee keessatti birbirsi, muki gololchaa, muki bisile'ee fi ejersi akka latanu hin godha. Gammoojjii keessalle'etti hindheensii fi muki hindheensa fakkaatu ka adda addaa akka woliin dhaabamanu hin godha.
20
«Maarre kolbaan marti waan kana dhaggitee hin beetti; harki Mootii Waan Maraa tana akka godhee fi Woyyichi Israa'elii tana akka dade nami marti qalbeeffatee hin hubata» jedhe.
21
Mootiin Waan Maraa, mootichi Israa'elii, «Haajaa keessan dhikeeffadha'a! Falmii teessanille himadha'a!
22
«Waan gara duraa te'uuf jiru akka nutti himanuuf, waaqota dharaa keessan as fida'a; nuuti akka qalbeeffannuuf, muummee isi'ii akka beennuuf, waan tanaan qara te'eeru yookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a.
23
Akka isin waaqota teetane akka beennuuf, me waan ammaa achi te'u nutti hima'a. Nuuti rifannee akka sodaannuuf, waan dansaa yookiin waan hantuu huja'a.
24
Isin womaayyuu moti; hujiin teessanille ijjumaa bu'aa hin qaddu; nami isin waaqonfatulle ka diqatame.
25
«Ani kaaba irraa nama tokko kakkaaseera; innille hin dhufa; gara aduun baatuun ka dhufu ka maqaa kiyya waammatu, Inni akkuma nami faara dhowu biyyee faaraa dhidhiitu, bulchitoota akka dhoqqe'ee hin dhidhiita.
26
Nuuti waan kana akka beennuuf, ka duraan dursee dubbate eennu? Nuuti, ‹Inni dhugaa jedhe› akka jennuufille, ka dur dubbateeru eennu? Eennulle hin dubbanne. Nami waan kana dubbate tokkolle hin jiru; jecha keessan ka dhage'e tokkolle hin jiru.
27
Duraan dursee Xiyooniin, ‹Ilaa, kunoo, isaan dhufiisatti jiran› jedhee ka hime ana; Yerusaalemille'eef ergamaa oduu gammadaa himu ka erge ana.
28
Ani gara waaqota dharaa yennaa ilaalu, isaan keessaa gorsa ka kennu hin jiru; yennaa ani isaan gaafadhulle ka deebii naaf kennu hin jiru.
29
Kunoo, waaqoti dharaa kun marti dhara; waan tokkolle godhuu hin dande'anu; fakkiin isaaniille qilleensa duwwa'a» jedha.
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 42 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66
Recommended Reading
Commentary
Isaiah Commentaries
→
Devotional
Isaiah Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→