bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Isaiah 36
Isaiah 36
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 37 →
1
Hisqiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib, qachaa Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate.
2
Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib ajajaa loltoota ifii Rabshaaqee, loltoota hedduu woliin Laakiishi irraa addee mootichi Hisqiyaas jiru gara Yerusaalemii erge. Ajajaan loltootaa sun dhufee, anguree baleessa gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbate.
3
Achitti itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan, gara isaa gad bayane.
4
Ajajaan loltootaa Rabshaaqeen Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddichi, ‹Ati maan addattee bidhaa male teetta?
5
Ati afaan callaan mala lolaatii fi hunna loltootootaa si'iif te'a seetaa? Ati eennu addattee na irratti kaate?
6
Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma› jedha.
7
«Ati, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jette, inni Mootuma Waan Maraa ka ati, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› jettee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa balleessitee motii?
8
Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna.
9
Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu.
10
Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe.
11
Achiin duuba Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Sooriya'aatiin nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane.
12
Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uuf jiruu fi fincaan ifii unu'uuf jiruuf akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe.
13
Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a!
14
Mootichi, ‹Hisqiyaas isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha.
15
Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin.
16
Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii, ‹Na woliin araarama'a; gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaanii teessan keessaa bisaan hin untan.
17
Tun haga ani dhufee lafa akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii isin geessutti teeti› jedha.
18
Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin baasa› jedhiisaan, yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a! Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mooticha Asoorii jalaa ka baase jiraa ree?
19
Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimiille eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree?
20
Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe.
21
Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne.
22
Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsii mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan, gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 37 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66