bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 1
1 Corinthians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya phaawuloos, ka akka ergamaa Kiristoo Yesus tahu fedhii Waaqaatiin yaaman, ammallee obboleessa keenna Sostene waliin jira.
2
Gara gumii Waaqaa ta Qorontos jirtuu, ta yaamanii warra qulqulloo Waaqaa tolchanii, ta marroo Kiristoo Yesustiif warra isaa taatee, ammallee gara nama lafa cufaa ka maqaa Aabboo kennaatii fi ka warraa Yesus Kiristoo yaammatuu, ergaa tana erga.
3
Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenniina!
4
Anin yoha cufaa waan innii karaa Kiristoo Yesustiin eebba isanii kenneef, marroo teessaniif galata Waaqaa kiyyaa galcha
5
Wantii akkasitiif isan marroo Kiristootiif waan cufaan ya duroomtan, arrabaa fi qalbiillee cufaan.
6
Waan oduun Kiristoo isan keessaatti akkuma dhugaa fulaa argateef,
7
isan adoo mullachaa Aabboo Yesus Kiristoo eeddanuu eebba tokkollee hindhamne.
8
Innii akka guyyaa Aabboo Yesus Kiristoo isan wallaala malee teettan haga muummee isan jabeessa.
9
Waaqa, ka waldhaqisa ilma isaa Yesus Kiristoo Aabbo keennaatti isan yaame, dhugeeffachuu malan.
10
Obboleeyyaan tiyya, anin maqaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiin isan kadhadhaa, akka walmormitanii walhindhamne waan jettan cufaa keessaatti waldhaqaa, herregaa fi waan feetan cufaa keessaatti takkaa tahaa!
11
Obboleeyyaan tiyya, akka waldhabii jidduu tessan jiru fiixaan Klo'ee dhuftee ya natti himte.
12
Wantii anin jedhu isaniin cuftii waan waan dubbattan; tokko, “Anin golii phaawuloos” kaan “Anin golii Apholos” dhibiin, “Anin golii Pexros” ka dhibiin, “Anin golii Kiristoo” jedha.
13
Kiristoo ya gargarii qoodanii ree? phaawuloosiitti fannoo gubbatti isanii du'ee? Maqaa phaawuloostiin isan cuuphanii?
14
Anin waan Kiriisphosii fi Gaayos malee isanii tokkollee hincuuphiniif Waaqaa galata galcha!
15
Tanaaf namii tokkolleen danda'ee “Jara phaawuloos ka innii cuuphe” isaniin hin jedhu.
16
(Eehee dhuguma, kadhibii Isxifaanaasii fi warra isaallee natti cuuphe, ammoo nama dhibii ka cuuphe hin beeku.)
17
Kiristoon akka anin oduu dansaa himuuf na erge malee akka anin nama cuuphu na hin ergine, akka dooti kiristoon fannoo gubbaatti du'ee ulfina argatu hime malee, qarooma namaatiin haasa'ee, du'a Kiristoon fannoo gubbaatti du'e jabeenna hindhoore.
18
Himaansii du'a Kiristoon fannoo gubbaatti du'ee warra baduu daallummaa fakkaata; ammoo nuu warra baafamuutii jiru jabeenna Waaqaati.
19
Wantii akkanaatiif barreessiin qulqulloon, “Anin qalbii warra qaroo balleessee, hubachaa warra wa beekuu dhowa” jetti.
20
Tanaaf qaroon maan taha ree? Yokhaan namii hubachaa qabu maan taha ree? Yokaan namii guddoo wa mormu ka lafa tanaa maan taha? Waaqii akka qaroomii lafa tanaa homaa hinbanne ya garsiise!
21
Wantii akkanaatiif Waaqii qalbii ufitiin nama qalbummaa warraatiin ufi hubachiisuu dhowe, Waaqii qalbii ufitiin daallummaa oduu nu himnuutiin nama dhugeeffatu baase.
22
Yihudiin beesisa waan mamaa feeti, Giriikiin qarooma feeti.
23
Nu ammoo waan Kiristoo fannifamee himna, oduun tun ammoo Yihudii ingufachiifti, warrii Yihudii hinta'in ammoo daallummaa seeti.
24
Jarii Waaqii yaamee ammoo, Yihudii fi gosa dhibillee taanaan, Kiristoon, jabeennaa fi qarooma Waaqaati.
25
Wantii daallummaa Waaqaa fakkaattaa qarooma namaa irra jirti, ammallee wantii laafinna Waaqaa fakkaattaa jabeenna namaa irra jirti.
26
Obboleeyyaan, gaafa Waaqii isan yaame waan durii keessa jirtan qaabadhaa! Nama tokko tokko malee isan namii hedduun akka namii sehu qarooma hinqabdan yokaan jabeenna hinqabdan yokaan ulfinna hinqabdan.
27
Waaqii beekkummaa beekaaf akka qaroo ceersu, waan namii lafaa daallummaa sehu foohate; ammallee akka nama jajabaa ceersu waan namii lafaa laaftuu sehu foohatte.
28
Innii akka waan namii jabduu sehu balleessu waan homaa hinbaane, ka namii tuffatu ka homaa hintahiin foohate.
29
Tanaaf namii tokkolleen danda'ee fuula Waaqaa duraatti ufi hinguddisu.
30
Ammoo Waaqii ya Kiristoo Yesusiin takkaa isan tolche, ammallee ya Kiristoo qarooma keenna tolche; marroo isaatiif nu ya Waaqaan walti araaramnee, gumii Waaqaa qulqulloo taane, ammalllee ya balchoollee taane.
31
Tanaaf akkuma barreessiin, “Namii ufi koorsuu fedhu cuftii ha waan Aabboon tolcheen ufi koorsuu” jettu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16