bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 9
1 Corinthians 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Anin balchaanitii? Anin ergamaanitii? Anin Yesus Aabboo keennaa hinarginnee? Isan karaa Aabboo gulaan midhaan hujii tiyyatiinitii?
2
Adoo namii garii ergamaa naan jechuu baateellee, isan inuma naan jettani! Isanummaanuu, marroo jireenna keessan ka Aabbootiif akka anin ergamaa hingarsiiftan.
3
Yo namii natti game, karaa kanaan ufirraa dhowwa.
4
Anin yo fedhe waan nyaadhee dhugu hujii tiyya keessaa, hin argadhuu?
5
Anin waan ergamtootii dhibiin tolchitu, akka obboleeyyaan Aabboo yokaan Phexrosiilleen niitii ufii fudhatee himaltuun deeme, yo fedhe hintolchuu?
6
Naa fi Baarnaabaas callaatti hojjatee sagalee teenna barbaadachuu malee?
7
Eentu loltuu ta'ee horii ufiitiin hojjata? Yokaan abbaa oobruu kamiitti midhaan oobruu isaa hin nyaanne? Namii horii tissu aanan horii ufii hindhuguu?
8
Anin waan seerii jedhu dubbadhe malee herrega namaa gulan hindubbanne.
9
Seera keessatti: “Afaan qotiyyoo midhaan dhaantuu hinhidhiinaa!” Wantii jedhaa la barreeffamte; duuba Waaqii waan qotiyyoo callaa yaalaa ree?
10
Waan kana innii nu hinbaannee? Waan kana nuufii barreessan! Namii qotuu fi ka muruulleen abdii midhaan argachaatiin hojjachuu male.
11
Nu yo midhaan jireenna hafuuraatii barbaachisaa jidduu teessaniitti oobrinee, waan jireenna foonitii barbaachisaa isan irraa fudhannee isan dabsinee?
12
Yo biyyitii waan kana isan irraa fudhatte, nu hagas irra isan irraa fudhachuu hin mallee? Taatuullee nu ammallee waan kana hinfudhanne. Nu ammoo waan cufaa akka gufuu tokkollee daandii oduu dansaa Kiristoo dura hinkeenne obsine.
13
Dhugumaa isan akka warrii mana Waaqaa keessa hojjatu sagalee ufii achii argatu inbeettan. Ammallee akka warrii sooriyoo qalu qooda foon sooriyoo qabu inbeettan.
14
Akkasumaa Aabboon ya warra oduu dansaa odeessullen, waan jirattanin achii argadha jedhe.
15
Anin waan kana tokkollee hinfudhanne, yokaan anin akka waan kana argadhuuf ergaa tana hindhaamne; fulaa ufi guddisiitii tiyya waan homaa hinbaane tolchan du'a isaatti irra naa jira!
16
Anin marroo oduu dansaa himuuf ufi guddisuu himalle; yo dhugaa dubbannee, anin danda'ee himuu hindidu; yo anin oduu dansaa himuu baadhe silaa guddoo naa hamtuu!
17
Yo anin silaa hujii tiyya fedhiin hojjadhe horii naa baasuu malan; ammoo waan Waaqii akka anin hojjadhu natti keenneef inhojjadha.
18
Maal keessaa argadha ree? Wantii anin argadhu, adoo waan kiyya tokkoollee oduu dansaa keessa hinbarbaannee, oduu dansaa horii malee himuu.
19
Anin balchaa, tissee nama tokkoolleenit; anin ammoo akka nama hedduu argadhu tissee namaa cufaa ufi tolcha.
20
Yo Yihudii waliin jiru, akka warra dabsadhu, akka Yihudii ta'a; warra seera gula yaa'u biraatti, adoo seera Muusee gula deemuu dhibaadheellee, akka warra dabsadhuu, akka nama seera gula deemuu ufi tolcha.
21
Gosa seera hinqamne biraatti, warra dabsachuuf akka nama seera hinqamnee ufii tolcha; anin seera Waaqaa guutuu hindiduu ammoo seera Kiristoo jala jira.
22
Yo warra dhugeeffachaa diqqoo qabu waliin jiruu, akka warra dabsandhu anilleen ufi laaffisa. Anin akka nama garii karaa danda'uu cufaan baasuu, nama cufaa ya waan cufaa tahe.
23
Akka eebba isii keessaa argadhu, anin waan kana cufa marroo oduu dansaatiif tolcha.
24
Waldoggoomsuu keessa nama hedduutti ori'aa, ammoo tokko callatti wa argataa; akkas hinbeettaniiyyuu? Akka wa argattan ori'aa duuba.
25
Namii utaalcha barachuu fedhu cuftii waan hinfakkaanne irraa ufi dhowwuu male; innii akka surree haga jirtu hinteenne mataa gubbaa keeyatuuf akkas tolcha; nu ammoo akka ta haga jiruu jereenna teetu argannuuf akkana tolchina.
26
Mar. roo waan kanaatiif anin fulaa hobbaatiitti utaala; anin akka nama waldhaanuu ka tantoommoo wali irraa hingorsinee jira.
27
Anin akka yo anin dubbii Waaqaa biyyaatti hime na hindinnee, nafa kiyya tumeetti moohadha.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16