bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 11
1 Corinthians 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Akkuma anin fakkeenna (amala) Kiristoo fudhadhe isaniilleen fakkeenna kiyya fudhadhaa!
2
Anin waan isan yo cufaa na qaabattanii barsiisaa anin isanitti kenne jabeesitaniif isan guddisa.
3
Amma ammoo anin akka isan akka Kiristoon warra dhiiraa cufaa mataa, dhiirsii niitii ufiitii mataa, Waaqiilleen Kiristoo mataa beettan fedha.
4
Tanaaf namii dhiiraa gumii keessaatti yo Waaqaa kadhatu yokaan yo dubbii Waaqaa haasa'u, yo mataa hagoggatee ufii ceersa.
5
Nadheen yo gumii keessaatti hagooggoo malee Waaqaa kadhatte yokaan yo dubbii Waaqaa haasoofte mataa ufii ceersiti; isiin nadheen mataa haadatte fakkaatti.
6
Nadheen yo mataa hagooggachuu didde, ha haadattuutii! Ammallee nadheen yo mataa haadatte yokaan ciratte waan ceeraatii, tanaaf hagoggachuu malte.
7
Dhiirtii waan fakkennaa fi guddinna Waaqaa agarsiichuuf mataa hagoggachuu hinmalle. Nadheen ammoo guddinna dhiiraa agarsiifti.
8
Wantii akkanatiif dhiiraa nadheen irraa hin humnee; ammoo nadheen dhiiraa irraa uuman.
9
Nadheen dhiiraa jedhanii uuman malee, dhiira nadheenii jedhanii hinuumne.
10
Akka akka jabeenna dhiirsa ufii jala jirtu agarsiiftuu, nadheen ergamtoota Waaqaa duraatti mataa hagoggachuu malte.
11
Hataatuu malee, karaa Aabboo gula nadheen dhiirsa malee homaa keessa hinjirtuu, dhiirtiilleen nadheen malee homaa keessa hinjirtu.
12
Akkuma nadheen dhiira irraa uuman akkasuma nadheen dhiira dhalti; ammallee wantii cuftii Waaqaa irraa dhufti.
13
Nadheen ka hagoggoo mataa hinqamne Waaqaa kadhattu fulaa? isanumaan ufiitti muraa!
14
Akka rifeensii dheeraan dhiiraa ceeraa, uumaminiiyyuu nu hinbarsiisuu?
15
Nadheenii ammoo rifeena mataa dheeraan (yuubii) faayaanitii? Rifeensa dheeraa kana akka hagooggoo isii kennan.
16
Namii naan mormuu fedhee, yo jiraate, ammoo wantii anin jechu fedhuu, nuu fi gumiin Waaqaalleen aadaa dhibii hinbeennu.
17
Gorsa kana keessaatti, isan waan dansaa tolchitan hinjedhu; wantii akkanaatiif waldeennaan teessan waan dansaa hintolchituu, waan hamtuu tolchiti.
18
Qarumaa fiixee, akka walideennaa teessan keessa yaadaan gargar bahiitiin jirtu la dhagaye; mala kiyyaa, wantii kun hagii garii dhugaa.
19
(Akka nama qajeela jiru argan, wantii sun tahuu malte.)
20
Isan yo walwaldeettan sagalee Aabboo nyaachuu hindhumne.
21
Wantii akkanaatiif yo sagalee nyaattan, namii cuftii hurriseeti sagalee ufii nyaata, tanaaf namii garii adoo namii garii machaa'uu beelaan gala.
22
Warra keessatti nyaattanii dhuddan hinqabdanii? Yokaan gumii Waaqaa tuffattaniitti, warra gaargala qabu ceersuu feettanii? Anaa maan isaniin jedhu feetan? Anaa waan dansaa isaniin jedhu feettanii? Anin waan dansaa tokkollee hinjedhu.
23
Wantii akkanaatiif barsiisiin anin isan barsiisu tun tama Aabboo irraa argadhe; akkuma halkan isa qabanii gurguraan sun Aabboo Yesus qixxaa fuudhee,
24
Waaqaa galata deebisee cacabsee, “Kunin nafa kiyya ka isanii jedhanii baasanii; waan kana tolchaa na qaabadhaa!” jedhe.
25
Akkasuma eegii sagalee nyaattan, innii mudunuu fuudhee, “Mudunuun tunin ta kakuu haaraa ta dhiiga kiyya beesichu; yo keessaa dhuddan cufaa na qaabadha!” jedhe.
26
Wantii akkanaatiif haga Aabboon dhufuutti, yo qixxaa kana nyaattanii muduunuu tana keessaa dhuddan cufaa isan du'a isaa himtan.
27
Tanaaf namii yo adaba hamaan qixxaa Aabboo nyaate yokaan muduunuu Aabboo keessaa dhuge, innii ya nafa Aabbootii fi dhiiga Aabbolleetti cubbame.
28
Namii cuftii ufi qorqorachuu male! Duuba qixxaa nyaatee muduunuu keessaa ha dhuguu!
29
Wantii akkanaatiif namii yo adoo ulfinna nafa Aabboo hinbeekin sagalee sooraatee, muduunuu keessa dhugee, yo nyaatee dhugu cufa murtii ufitiin dhufa.
30
Mar. roo waan kanaatiif isaniin hedduun fayyaa dhabdanii, laaftanii, hagii tokkolleen dhumattan.
31
Nu yo silaa qaraa fiixee ufi laale, murtii Waaqaa keessaa hinduunnu.
32
Akka nama lafa waliin nuttii mure ammoo, Aabbootti qoree nu qajeelcha.
33
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, yo sagalee Aabboo qulqulloo nyaattanii walwaldeettanii, wali eegaa.
34
Namii beelaa qabu yo jiraate ha mana ufitii sagalee nyaatuu, akka yo walwaldeettan murtii Waaqaa keessa hinseenne! Waan hafe kaan yo dhufu midhaasa.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16