bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 2
1 Corinthians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Obboleeyyaan tiyya! Anin gaafa waan dhossa Waaqaa ta dhugaa isan barsiisuu gara keessan dhufee, duubbii jabduu dubbadhee, qarooma garsiisee hindhumne.
2
Wantii akkanaatiif anin haga isan waliin jiru Yesus Kiristoo, ka fannoo gubbaatti du'e malee, akka waan cufaa didu kutadhe.
3
Tanaaf anin gaafa gara keessan dhufe, lalaafee sodaan holladhee,
4
haasaa fi dubbii tiyyaallee qaroomaan dubbachuu didee, jabeenna hafuura Waaqatiin haasa'e.
5
Dhugeeffachaan teessan duuba qarooma namaa keessa hinjirtuu, ammoo jabeenna Waaqaa keessa jirti.
6
Ammoo warra akka dansaa waan hafuuraa baraateetti anin qaroomaan dubbadha; qaroomii sunin ammoo ka lafa tanaatiiniti, yokaan ka jabeenna lafa tana fiduu ka hobba'uutti jiruuniti.
7
Qaroomii anin dubbadhu qarooma Waaqaa ka nama dhossan; ka Waaqii qaraa guddinna keennaaf, adoo laftii hinuumamiin foohate.
8
Hayyootii lafa tanaa tokkolleen qarooma kana hinbeettu. Adoo silaa beettee Abbaa guddinnaa fannoo irratti hinfanniftu.
9
Barreessiin qulqulloon, “Waan namii takka argee hindhagayiin, waan namii takka hinherregin, Waaqii warra isa jaalatuu qopheesse” jetti.
10
Waaqii ammoo hafuura ufiitiin dhossaa ufi nutti mullise; hafuurii waan cufaa, herrega Waaqaa ka gad fagoo dhossaa jiruuyyuu inlaala.
11
Hafuura nama keessa jiruutti waan nama sun keessa jiraa beeka malee, namii dhibiin beekuu hindanda'u; akkasumaa hafuura Waaqaa callaatti waan Waaqaa cufaa beeka malee, namii tokkolleen herrega Waaqaa hinbeeku.
12
Nu akka waan Waaqii nuu kenne cufaa baraannu, hafuura Waaqii nutti erge arganne malee, hafuura lafa tanaa hinarganne.
13
Tanaaf nu waan warra hafuura Waaqaa qabu dhugaa hafuuraa barsiimnuuf, dubbii hafuurii nu barsiise dubbanna malee, dubbii qaroomaa ta namii nu barsiise hindubbannu.
14
Ammoo namii hafuura Waaqaa hinqamne danda'ee kennamsa hafuurii Waaqaa namaa kennu hinargatu. Kennamsii sun homa tokkollee isaatti hinfakkaatu; waan namii hafuura Waaqaa qabu callaan danda'ee hubatuuf, innii waan hafuura Waaqaa hinqamneef danda'ee hinhubatu.
15
Namii hafuura Waaqaa qabu danda'ee waan cufaa gargarii inbeeka, namii tokkolleen ammoo danda'ee isa hinbeeku.
16
Barreessiin quluqulloon, “Eentu qalbii Aabboo beeka? Eentu danda'ee isa gorsa? Nu ammoo qalbii Kiristoo qamnaa” jetti.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16