bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 14
1 Corinthians 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Jaalala barbaaduu maltan. Abdii teessan kenniitii hafuuraa gubbaa keeyyachuu maltan, keesumaa kenniitii dubbii Waaqaatiin haasaan.
2
Namii afaan dhibiin dubbatu waan namii tokkolleen waan innii jedhu hinhubanneef namaan hindubbatuu Waaqaan dubbata. Innii jabeenna hafuuraatiin dhugaa dhossaan dubbata.
3
Namii dubbii Waaqaa dubbatu namaan dubbateetti qarqaaree garaa fi qalbiillee jabeessa.
4
Namii afaan dhibiin dubbatu ufi callaa qarqaara, ka dubbii Waaqaa dubbatu ammoo gumii cufaa qarqaara.
5
Anin isanii cufaa ka afaan dhibiin dubbattan fedha; sullee irra ammoo isanii cufa ka dubbii Waaqaa haasooftaan fedha. Wantii akkanaatiif namii dubbii Waaqaa haasa'uu ka afaan dhibiin dubbatu irra jira, akka gumii cufaa qarqaaru namii afaan dhibiin deebisu jiraachuu male akka gumii cufaa qarqaaru afaan deebisuuf jiraate male, akka gumii cufaa qarqaaran.
6
Tanaaf obboleeyyaan, yo anin gara keessan dhufee afaan dhibiin dubbadhe maan isanii baati? Homaa tokkollee, isanii hinbaatu yo anin dubbii Waaqii mulliseen dhufe male, yokaan qalbii wahii, yokaan dhaamsa Waaqaa, yokaan barsiisaa wahitiin dhufe male.
7
Me; mi'a sirbaa ka akka magalataatii fi kiraaraa heregaa; yo akka dansaa dhahan malee sirba dha'uu jiran sun namii tokkolleen hinhubataa?
8
Iyyanaallee yo akka dansaa iyyan malee namii lolaa wa kurfeefataa?
9
Akkasumaa yo atin waan namii hinhubanne dubbate, namii akkamiin danda'ee waan atin dubbattu hubata? Dubbiin tantee qilleensa keessa baddi!
10
Afaan gosa hedduutti lafa keessa jira, cuftii ammoo wa jedhan.
11
Anin yo afaan namii dubbatu hindhageennee, namii sun naa orma, aniilleen isaa orma.
12
Isan yo waan kennitii hafuuraa feetaniif, waan waan cufa irra gumii qarqaaree jabeessaa barbaaduu maltan.
13
Tanaaf namii afaan dhibiin dubbatu ha Waaqaa kadhatuutii, akka Waaqii kennitii afaan deebsanii isaa kennu.
14
Wantii akkanaatiif yo anin karaa kanaan Waaqaa kadhadhee, hafuurii kiyyaalleen inkadhata, qalbiin tiyya ammoo keessa hinjirtu
15
Yoos maan tolcha ree? Anin hafuura kiyyaa fi qalbii tiyyaalleen hinkadhadha; ammallee hafuura kiyyaan sirbeetti qalbii tiyyaalleen sirba.
16
Yo atin hafuura callaan Waaqaa galata deebiftee, namii gumii teessan keessa taa'u kaan akkam danda'ee, “Ee'e jenne” jedha? Innii karaa waan atin jettuun hubatu hinqabu.
17
Yo kadhachaan tantee ta atin galataan deebiftu dansaa taateellee, namichii kaan qarqaarsa hinargatu.
18
Anin waan isanii cufa irra afaan dhibiin dubbachuu danda'uuf, Waaqaa galata deebisa.
19
Hataatuu malee, kadhachaa gumii keessatti anin silaa dubbii shan ta namii cuftii hubachuu danda'u dubbachuu fedha, akka nama dhibii barsiisu, fulaa dubbii kuunkii shanii afaan dhibiin dubbadhu.
20
Obboleeyyan tiyyaa! Herrega keessan keessaatti akka nama guddaa ta'aa malee, akka ijoollee hintahiina! Waan hammeennaatti ammoo ijoollee tahaa.
21
Seera Waaqaa keessatti, “Anin warra kanaatti dubbadha; nama afaan dhibii dubbatuutti hidhii ormaatiin dubbadha yo sunillee ammoo gumiin tiyya na hincaqaftu” ka Aabboon jedhee la barreessan.
22
Tanaaf afaan dhibiin dubbachuun warra hindhugeeffatnii akheekhaa, warra dhugeeffachaa qabu ammoo homaa keessa hinjirtu. Ammallee dubbii Waaqaa dubbachuun waan warra dhugeeffateeti, warra dhugeeffachaa hinqamnee ammoo homaa keessa hinjirtu.
23
Gumiin cuftii walwaldeetee, namii cufti afaan dhibiin yo dubbatee, namii hindhugeeffatin yo alaa olseenee, isaniin cuftii ya maraattan hinjedhuu?
24
Ammoo yo adoo namii cuftii waan Waaqii itti mullise haasa'uu jiru, namii hindhugeeffatin yo alaa olseenee, wantii isan dubbattan sun cuftii garaa isaa tuxeetti, akka cubbuu qabu ufiitti mura.
25
Herrega isaa ka dhossaa mullisanitii, innii gadi jedhee Waaqaa kadhatee, “Waaqii dhuguma arma isan waliin jira” jedha.
26
Obboleeyyan tiyya; wantii anin jechuu jiru kunin maan? Yo isan walwaldeettan, namii tokko sirba qaba, tokko barsiisa qaba, tokko waan Waaqii itti mullise qaba, ka dhibiin afaan dhibiin dubbata, ka dhibiin ammoo afaan dubbatame sun deebisa. Wantii cuftii silaa gumii qarqaaruu malte.
27
Namii yo afaan dhibiin dubbachuu fedhe, namii lamaa sadii ha wali gula dubbatuutii, namii dhibiilleen ha afaan deebisuufii.
28
Namii afaan deebisuuf yo hinjire, namii afaan dhibiin dubbatu sun ha ufiif Waaqaati dubbatuu malee, waldeennaa keessaatti hindubbatin.
29
Namii lamaa sadii ka dubbii Waaqii warraatti mullise dubbatuuti; jarii kaan ammoo ha waan warrii dubbatu caqasuuti.
30
Yo ammoo warra achi tataa'uu sun keessaa nama tokkoo dhaamsii Waaqaa irraa dhufee, namii dubbachuu jiru ha callisuuti.
31
Akka namii cuftii wa baratee jabaatu, namii cuftii ha dubbii Waaqaa tokko tokkoon dubbatuutii.
32
Kenniitiin dubbii Waaqatiin dubbattan ha nama dubbatu jala jiraatuuti.
33
Wantii akkanatiif Waaqii akka nu walti goonu hinfedhu, ammoo innii akka nu nagayaan teennu fedha. Akkuma waldeenna gumii cufa keessa,
34
nadheen callisuu malte waldeenna keessa. Isiin dubbachuu himmalle; akkuma seerii durii jedhe biyya dura deemu himmalle.
35
Yo wa'i barachuu feete ha manaatti dhiirsa ufii gaafattuuti. Waan guddoo ceeraati yo nadheen waldeenna gumii keessatti hasoofte.
36
Dubbiin Waaqaa fulaa teessanii baate? Gara keessan callaa dhuftee?
37
Yo namii tokkolleen ergamaa Waaqaa ufi sehe yokhaan waan kennitii hafuura qabu ufi sehe, akka wantii anin barreesuu jiru kunin seera Waaqaa hubachuu male.
38
Yo innii ammoo, waan kana caqasuu dide, dubbi isaa hincaqasiinaa!
39
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, garaa keessaniin akka dubbii Waaqaa hasooftan jaaladhaa, ammoo afaan dhibiin dubbachaa nama hindhowinaa.
40
Waan cufaa karaa qajeelatii fi ka adabaatiin tolchuu malan.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16