bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 7
1 Corinthians 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Amma waan gaafii isan barreesitanii dubbachuu fedha. Namii yo silaa nadheen fuudhu baate dansaa.
2
Ammoo marroo hammeennii shaarmuxoomaa guddaan jiruuf, namii cuftii niitii ufii qabaachuu male, nadheen cuftiilleen dhiirsa ufii qabaachuu malte.
3
Dhiirtii ha hujii ufii ta dhiirsaa niitii ufiitii guuttuutii, nadheen ha hujii ufii ta uwwaa dhiirsa ufiitii guuttuutii, namu cuftii wali quufsu male.
4
Niitiin abbaa nafa ufitiinitii, ammoo dhiirsaatti abbaa nafa isiiti; akkasuma dhiirsiilleen abbaa nafa ufitiinitii, niitiiti abbaa nafa isaati.
5
Yo haga diqqaa tokko ka Waaqaa kadhattan walii galtani, “Ee'ee” waliin jettan malee, wal hindhowatiinaa: ammoo achiin duuba hujii teessan ta dhiirsaa niitii guutaa, akka ufi qorqortii dhabdanii akkasiin ilaallachaa Sheexanaa keessa hinduunne.
6
Anin waan kana akka seeraa hinjennee ammoo akka gorsaa isaniin jedha.
7
Anin silaa nama cufaa ka akka kiyya jiru fedha; ammoo namii cuftii kennamsa Waaqii kenneef qaba, namii tokko kennamsa kana qaba, ka lammeessoo kennamsa dhibii qaba.
8
Anin amma waan kana marroo warra nadheen hinfuudhinitii fi nadheen dhiirsotii irraa dhumatteef jedha; silaa yo akkuma kiyya kophaa taan irra dansaa.
9
Ammoo yo danda'aanii ufi hindhowaree, fulaa dharraa hamtuun gubatan yo fuudhan irra dansaa.
10
Warrii wali fuudhe akka gargar hin baane anin inajaja; ajajaan tunin tiyyaanitii ammoo ta Aabbooti. Niitiin dhiirsa qabdu diirsa jalaa bahuu hin malle;
11
ammoo yo baatee ha kophaa ufii teettuu yokaan ha dhiirsaan walti araaraman; dhiirsiilleen niitii ufii lakkisuu hinmalle.
12
Warra dhibiin ammoo Aabboo adoo hinta'in anin waan jedhuun, namii Kiristaanaa tokko yo niitii hindhugeeffanne qabaatee, duuba isiin isa waliin taa'u feetee, innii niitii sun lakkisuu hinmalle.
13
Niitii Kiristianaa tokko yo namii hindhugeeffanne tokko fuudhee, duuba innii isii waliin taa'uu fedhee, isiin isa lakkisuu hinmalle.
14
Wantii akkasitiif dhiirsii hindhugeeffanne niitii ufitiin qulqullaa, akkasuma niitii hindhugeeffanneelleen dhiirsa ufitiin qulqulloofti. Yo silaa akkas hintahiin ijoolleen warraa akka ta warra Waaqaa hinbeennee taati; amma ammo ya qulqulloofte.
15
Isan keessaa namii hindhugeeffatin yo waahela ufitiin gargarii ba'uu fedhee, ammoo gargarii ba'uu indanda'aa. Yo akkas taatee namicha dhugeeffatee fi niitiin dhugeeffatteelleen ha waan fedhan tolchaniitii; waan Waaqi jireena nagaatiif isan yaameef.
16
Sihii niitii! Dhiirsa kankee baaftuuti beettaa? Yokaan sihii dhiirsaa! Niitii tantee baafatuuti beettaa?
17
Namii mana kadhaa cuftii kennamsa Waaqii isaa kenne gula jiraachuu male, ammallee akkuma gaafa Waaqii isa yaame jiru jiraachuu male. Seerii anin gumii cufaa barsiisu kana.
18
Namii egii dhaqaanqabaa qaabatee yaamicha Waaqaa dhagayee, gadaannisa dhaqaanqabaa ufirraa balleessuu hinmalle; ammallee namii dhaqaanqabaa hinqabatin yo yaamicha Waaqaa dhagayee, innii dhaqaanqabaa qabachuu hinmalle.
19
Seera Waaqaa guutuu malan malee, dhaqaanqabaa qabachuu fi qabachaa dhabuun homaa keessa hinjirtu.
20
Namii cuftii ha akkuma gaafa Waaqii isa yaamee jiru taa'uutii.
21
Gaafa Waaqii si yaame, atin tissee? Sun hinyaaliinii, ammoo yo balchooma argatte, fudhadhu.
22
Wantii akkasitiif tisseen Kiristoon yaame ya balchaa taate; akkasumaa namii balchaan Aabboon yaame tisse isaa taha.
23
Waaqii gatiin isan bitatee; tanaaf tisseellee namaa hintahiinaa!
24
Obboleeyyaan, namii cuftii ha akkuma gaafa durii yaaman jiru Waaqaa waliin jiraatuutii.
25
Amma waan uwwaa fi dhiira wali hinfuudhiinii ka isan natti barreesitanii, wantii isaani ka Aabboon natti hime hinjirtuu, ammoo akka nama naasuu Aabbootiin dhugeeffachuu malanii jedha.
26
Yo gaargala amma keessa jirru kana herrennee, namii cuftii yo silaa akkuma amma jiruu kana jiraate dansaa.
27
Amma niitii qabdaa? Yoos ufi jalaa hinbaasin! Amma niitii hinqabduuyyuu? Yoos niitii hinfuudhin!
28
Ammoo yo dubra fuute cubbuu hin hojjanne; ammallee dubratiilleen yo fuudhan, cubbuu hinhojjane. Anin ammoo rakkinna warrii fuudhanii fi ka fuudhuulleen guyyaa cufaa argatu kana isan laguu fedha.
29
Obboleeyyan tiyya wantii anin jechuu fedhuu, guyyaan alaatti hinhamne. Armaa achi warrii nadheen qabu akka nama nadheen hinqamnee ha tahuutii;
30
warrii boohu akka nama hinboonnee ha tahuutii; warrii koblu akka nama gammada hinqamnee ha tahuutii; warrii wa bitatuu akka waan wantii bitan sun ka warraa hintahiinii ha tahuutii;
31
warrii wa gurguru akka waan homaa irraa hinqamnee ha yaa'utii. Wantii akkanaatiif laftii tunin akka jirtu kanaatti guddoo hinturtu.
32
Anin isanii wa yaaddan hinfedhu. Namii nadheen hinqamne waan Aabboo gammachiisuu fedhuuf, waan hujii Aabboo herrega;
33
namii niitii qabu ammoo marroo niitii ufii gammachiisuu fedhuuf waan lafaa herrega;
34
tanaaf moggaa lama gula isa hirkisan. Niitiin dhiirsa hinqamne yokaan intaltii dubraa marroo nafaa fi hafuura ufii Aabboo kennuu feetuuf, hujii Aabboo herreddi. Niitiin dhiirsa qabdu ammoo marroo dhiirsa ufii gammachiisuu feetuuf waan lafaa herreddi.
35
Anin waan kana marroo isan qarqaaruu fedhuuf jedha. Anin homaa isan dhowuu hinfedhu. Ammoo akka isan waan qajeelaatii fi ka fulaa tolchitanii, hujii Aabboo garaa tokkoon hojjattan fedha.
36
Waan nama walkadhatee, ammoo eegee walfuudhuu didee, ka isan natti barreesitanii, ani; “Yo namichii intala fuudhuu fedhu dharraan isaa ta intala sunii irrra guddoo jabduu taatee, innii intala sun irraa ufi dhowwuu dadhabee, intala sun ha fuudhuu” jedha.
37
Namichii, ammoo yo ka namii tokkolleen hindhowwin, intala fuudhuu didee, yo dharraa nafa ufii dhowwuu danda'ee waan tolchuu malan garaa ufii keessaatti kutatee, yo fuudhu dideellee homaniti.
38
Tanaaf namii intala sun fuudhu waan fulaa tolcha, ammoo ka fuudhu didu waan hagasii irra qajeelaa tolcha.
39
Niitii dhiirsa qabdu, haga dhiirsii jiru namii dhibiin isii hinfuudhin; ammoo yo dhiirsii du'e, ha namii isiin feetu fuudhuutii; ammoo fuudhii sunin fuudha warra dhugeeffachaa qabuu ta'uu male.
40
Ammoo silaa yo dhiirsa malee teette irra isii jirti. Wantii anin herregu tana, anilleen waan hafuura Waaqaa qabuu ufi seeha.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16