bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 15
1 Corinthians 15
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Amma obboleeyyaan tiyya, oduu dansaa anin durrii isanitti hime ta isan fudhattani jabaattaniin isan qaabsiisu fedha.
2
Oduu dansaa suniin baafamtan, yo jabeesitan, yo ufumaa dhugeefattan male.
3
Dubbii jabdu ta natti odeessan aniilleen isanitti dabarse: ta Kiristoon marroo daba keennaatiif du'e jettu, akkuma barreessii keessatti xaafan.
4
Akkumaa xaafii keessatti xaafan isa awwalaan gaafa sadessoo isa kasan.
5
Innii qaraa Phexroositti mullatee duuba eegii sun jara kudhanii lamaatti mullate.
6
Eegii sun innii guyyaa tokko obboolleeyaan nama dhibba shaniitti mullate; warra keessaa adoo ta garii dooteellee ta garii ammallee injirti.
7
Eegii sun Yaaqoobitti mullatee, ammallee eegii suniillee ergamtoota cufaatti mullate.
8
Eegee quxisuu natti mullatee, adoo anin akka nama karaa mamaatiin dhalatee jiraadheellee.
9
Wantii akkanatiif ani mandhaa ergattuu cufaati, ergattuu nan jechuu hinmallee marroo aniin gumii Waaqaa gargalcheef.
10
Amma ammoo eebba Waaqaatiin ya ergamaa ta'e; eebbitii innii naa kennee ufumaa hinbanne. Anin ergamtoota cufaa irra jabaadhee hojjadhe; na adoo hinta'in ammoo eebba Waaqaa ta na keessa jirtuutti hojjate.
11
Tanaaf adoo narraa yokaan warra irraa dhuftee, nuun cuftii waan kana barsiimna, isaniilleen waan kana dhugeeffattan.
12
Yo dhaamsii keenna, Kiristoon du'a keessaa ya ka'e jedhuu, isaniin garii akkamiin, “Namii du'e hinka'u” jettan?
13
Yo wantii sunin dhugaa taatee, yoos Kiristoollee du'a keessaa hinkaamne;
14
ammallee yo Kiristoo du'a keessa hinkaasiin nu waan himnu hinqamnu, isaniilleen waan dhugeeffattan hinqabdan.
15
Nu waan hagasi irra, Waaqaan kiyyibuu jirru fakaanna, waan, “Innii Kiristoo du'a keessaa kaase” jenneef. Yo akkii warra du'e hinkaamne dhugaa taate, innii isa hinkaamne.
16
Yo warra du'e du'a keessaa hinkaasiin, Kiristoollee du'a keessaa hinkaamne.
17
Ammallee yo Kiristoo du'a keessaa hinkaasiin dhugeeffachaan teessan waan dharaati, isan ammallee cubbuu keessa jirtan.
18
Ammallee warrii durii Kiristoo dhugeeffatee du'ee ya bade.
19
Yo abdiin teenna ta Kiristoo jireenna kana calla keessa jiraatte, nu nama lafa tanaa cufaa irra naasuu feena.
20
Ammoo dubbiin dhugaa tana Kiristoo ya du'a keessaa kaasan, innii warra du'e keessaa nama qaraa ka du'a keessaa kaasan.
21
Du'un karaa nama tokkootiin akkuma dhufte, du'a keessaa ka'itiilleen karaa nama tokkootiin dhufte.
22
Akkuma namii cuftii karaa Adamuu gulaan du'e, akkasuma karaa Kiristoo gulaan nama cufa du'a keessaa kaasan.
23
Namii cuftii ammoo fulaa ufii qaba; Kiristoon nama cufaa dura jira, eegii sun warra Kiristooti, gaafa innii dhufu.
24
Gaafa muummeen dhuftu Kiristoon hayyoota, jabeennaa fi humna cufaa dabsateetti Finna cufaa harka Waaqaa Abbatti kenna.
25
Kiristoon fidu malee, haga Waaqii nyaapha cufaa dabsatee miila isaa jala naquutti.
26
Nyaaphii eegee quxisuu balleesan du'a.
27
Wantii akkanaatiif barreessiin, “Waaqii ya waan cufaa miila isaa jala galche” jette; “Waan cufaa milla isaa jala galche” yo jettuu, Waaqii ka waan cufaa miila Kiristoo jala galche, akka ammoo ufii miila isaa jala hinjire diideesseetti mullisa; Sun waan gaafii qabaatiiniti.
28
Yo waan cufaa miila Kiristoo jala galchan, yoos Ilmiilleen, ka waan cufaa miila isaa jala galchan, Waaqaa jalaa ufi kaya; Waaqii duuba waan cufaa karaa cufaan fida.
29
Warra marroo nama du'eetiif cuuphan maan tolchan ree? Warrii maan tolchuu fedha? Yo akki warrii, “Namii du'e du'a keessaa hinka'uu” jedhu dhugaa taate, maaf marroo warra du'eetiif cuuphamna ree?
30
Nu maaniif yo cufaa gaargala du'aa keessa ufi seensimna ree?
31
Obboleeyyaan tiyy; guyyaa cufa du'atti harkaa na qaba! Anin waan kana marroo karaa kiristoo Aabboo keennaa gulaan, isaniin ufi jajuuf isanitti hima.
32
Anin Adoo silaa Efeesoo keessatti bineensa alaa hadhee, marroo fedhii namaatiif, maal argadhe? Mammaassii tokkoo, yo nama du'e jireennatti hinkaamnee, “Arra nyaanneetti dhunnaa, bor indoona” jedha.
33
Insobamiinaa! Waahelii hamaan adaba dansaa inyakkaa.
34
Karaa keessan ka daba lakkisaa, qalbii teessanitti deebiyaa. Isan keessa namii garii waan Waaqaa hinbeeku; tana ammoo anin akka isan ceersuuf jedha.
35
Namii tokko hegerii, “Nama du'e akkamiin du'aa kaasan? Nafa akkamii horataa?” jedheetti gaafata.
36
Ati daalle! Midhaan ati facaaftee du'an malee, biqilaanii hinbaanii?
37
Wantii atin oobritu sunin sanyuma, hegerii dargaayyee yokaan midhaan dhibii, malee midhaan bahu jiraatiiniti.
38
Waaqaatti nafa fedhu midhaan sunii kenna, isumaatti nafa maleef kennaaf.
39
Foon waan cufaa akka takkaa hinjiran: namii foon ufii qaba, bineensii ka ufii qaba; simpirreen ka ufii qabdi, qurxumiilleen ka ufii qabdi.
40
Ammallee nafa lafatii fi ka gubbaatti jira; midhaagumtii ta lafaatii fi ta gubbaalleen injirti.
41
Aduun midhaaguma ufii qabdi; ji'illeen midhaaguma ufii qaba; urjilleen midhaaguma ufii qabdi; wantii akkanaatiif urjii keessaallee isiin cuftii takkaaniti.
42
Ka'iisii warra du'eelleen hegerii akkasuma ta'a. Reeffii awwaallan waan du'aatti; yo kaassan ammoo itti deebii'ee hindu.
43
Fuulii yo awwaallan hamaa fi laafaa; gaafa kaassan ammoo midhaagaa dansaa.
44
Yo awwaallan nafa dhaloota, gaafa kaassan nafa hafuuraa. Yo nafii dhalootaa jiraatee, nafii hafuuraalleen injira.
45
Barreessiin qulqulloon. “Nama qaraa, Addaam, foon lubbuu qabaa uuman” Addamii, duuba ammoo hafuura jireennaa namaa kennu uuman.
46
Nafa dhalootaatti duraatti dhufa malee, hafuurii duraatti hindhufuu, qaraa nafii dhalootaa dhufeette, eegee duuba nafii hafuuraa faana dhufa.
47
Addamii qaraa biyyee lafatiin uuman; Addamiin lameessoo ammoo gubbaa dhufe.
48
Warrii biyyee akka nama biyyeen uuman jira; warrii gubbaa akka nama gubbaa dhufee jira.
49
Akkuma amma nama biyyee fakkaannu, akkasuma eegii tanaa nama gubbaa fakkaanna.
50
Obboleeyyan tiyya, wantii foonii fi dhiigaa qabaa qooda mootummaa Waaqaa hinargattu, ammallee wantii du'aa dandeettee du'uu ufi hindhowartu.
51
Nuun cuftii injijiiramna malee, hindoonu; wantii dhossaa ta ani isanitti himuuf jedhe tana. Hes 4:15-17
52
Akka ila lifsattu, hojja magalataa muummee dhaan. Wantii akkanaatiif yo dhaan, warra du'e akka deebi'anii hindoone du'a keessaa kaasan, nuun cuftii injijiramna.
53
Wantii hobbaa waan hinhobbaane keeyyachuu malte; wantii du'aa waan hindoone keeyyachuu malte.
54
Duuba yo wantii hobbaa waan hinhobbaane keeyyatte, ammallee yo wantii du'aa waan hindoone keeyyatte, gaafas dhugaan barreessan ta, “Du'aa la liqimsan; dabsachaan ya qixoofte!” jettu mullatti.
55
Ee'ee Du'a dabsachaan tantee mee? Ee'ee Du'a dhukkubbiin tantee mee?
56
dooti jabeenna namaan dhukkubsu cubbuu irraa argate, cubbuulleen jabeenna ufii seera irraa argatti.
57
Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin, ka marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootiif dabsachaa nuu kennu!
58
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, jabaadhaa, ejjadhaa! Akka hujjiin Aabboo ta isan hojjattan akkasumaatti lafatti hin amne inbeettanii, Hujii Aabbo yo cufa jabbeessaa hojjadhaa.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16