bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 3
1 Corinthians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Taatuullee obboleeyyaan, anin qaraa akka nama hafuura Waaqaa qabuuttii dubbadhu isanitti dubbachuu dadhabee, ammoo akka nama nafa gula deemuu isanitti dubbadhe, akka ijoollee Kiristoo gula.
2
Anin aanaan isan obaase malee sagalee jajjabduu isan hin nyaachiimne; wantii akkanaatiif isan waan kanaa kurfoo hintaane. Ammumaayyuu isan kurfoo hintaane,
3
waan isan ammallee akka nama nafa gula yaa'uu jirtaniif, yo isan walqoxiftanii waldiddan, wantii kunin akka isan nama lafaa ka aadaa lafaa gula fidamuu hingarsiiftuu?
4
Yo namii tokko, “Anin golii phaawuloos” jedhee, ka dhibiin, ammoo “Anin golii Apholos” jedhee, wantii kunin akka isan nama lafaa agarsiiftiiyyuu?
5
Apholoon eennuu? phaawuloos eennu? Nuun laachuu hojjatoota Waaqaati ka gara dhugeeffachaa isan yaamne. Nuun cuuftii hujii ta Aabboon nuu kenne hojjanna.
6
Anin sanyii oobree, Apholos bisaan obaasee, Waaqii ammoo midhaan sun baase.
7
Waaqaa midhaan baasu sun malee, namii oobruu fi ka bisaan obaasuulleen homaa keessa hinjiru.
8
Namii oobruu fi ka bisaan obaasu waan takkaa; Waaqii nama cufaa hujii innii hojjate gula wa kennaaf.
9
Waantii akkasitiif nu hojjatoota Waaqaa waliin hojjattuu, isan oobruu Waaqaati, ammallee mana Waaqaati.
10
Eebba Waaqii naa kenneen anin akkumaa ijaartuu manaa yayyaba manaa kaayee, yayyaba sun gubbatti namii dhibiin mana jaaruu jira. Ammoo namii cuftii akka jaaru laaluu male.
11
Wantii akkanaatiif Waaqii ya qaraa Yesus Kiristoo yayyaba tokkocha tolchee, dandaanii yayyaba dhiibii hinkaayan.
12
Namii garii warqiin jaara, ka garrii beesee, ka garii dhakaa gatii guddootiin, ka garii mukaa, ka garii buuyyoo fi aalaan jaara.
13
Hujiin nama cufaa guyyaa Kiristoon dhufu mullatti. Ibiddii guyyaa sun hujii nama cufaa in mullisa. Ibiddii laaleeti jabeenna hujii garsiisa.
14
Yo waan namii yayyaba gubbatti jaare ibidda itti keennee, isiin gubachuu dide namii sun wa argata.
15
Ammoo yo isiin gubatte, namii sunin homaa hin argatu; ammoo innii akkuma nama ibidda keessaa bahee baha.
16
Isan akka mana Waaqaa ufi hinmbeettanii? Ammallee akka hafuurii Waaqaa isan keessa taa'uu ufi hinbeettanii?
17
Tanaaf nama Mana Waaqaa balleessu, Waaqiilleen in balleessa. Wantii akkanaatiif manii Waaqaa qulqulloo, isanilleen mana isaa sun.
18
Namii tokkolleen ufi hin sobin! Namii waan guddoo qalbii qabu ufi sehuu, akka qaroomuu herrega namaa gula ha ufi daalleesuutii.
19
Wantii akkanaatiif wantii namii lafaa qarooma seehuu, fuula Waaqaa duraatti homaa hinbaatu. Barreessiin qulqulloon, “Waaqii nama qaroo qarooma isaa keessatti xururaa keessa kaaya” jetti.
20
Barreessin dhibiilleen, “Aabboon akka herreegii warraa qaroo homaa hinbaanee inbeeka” jetti.
21
Tanaaf namii tokkolleen waan namii tolchuu danda'uun ufi hinguddisiin. Phaawulos taanaan, Apholos taanaan, Pexroos (keefaa taanaan), laftii tun, jireennii, dooti, wantii amma jiraatii fi ta hegeriilleen cuftii teessan.
23
Isan ka Kiristooti, Kiristoolleen ka Waaqaati.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16