bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 12
1 Corinthians 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Obbleeyyan anin amma waan kenniitii hafuuraa ka isan na gaafatan, akka isan waan isaa ka dhugaa barattan fedha.
2
Akka gaafa isan Waaqaa hinbeenne, wantii harkaan bochan, ta homaa hinbaane, isan moohattee karaa irraa isan gorsite isanuu inbeettan.
3
Akka namii hafuurii Waaqaa deemuun tokkolleen danda'ee Yesus hin abaare, ammallee akka namii tokkolleen yo hafuurii qulqulloon deemuu malee, danda'ee Yesusiin Aabboo hin jenne, isan hubachuu maltan.
4
Wantii hafuurii namaa kennu hedduu jiraa, hafuurii ammoo tokkumaatti jira.
5
Karaa hedduutti ka wahiin hojjatan jira, Aabbaan hojjataniif ammoo tokkumaatti jira.
6
Humna hedduutti ta wahiin hojatan jira, ammoo Waaqaa tokko callaatti humna wahiin hojatan nama cufaa kenna.
7
Akka walii wa bahu nama cufaa beesisa hafuura tokko kenne.
8
Hafuurii nama tokkoo dubbii qalbii kennee, hafuurumaan sun ammoo nama dhibii dubbii hubachaa kenneef.
9
Hafuurii nama tokkoo dhugeeffachaa kenne, ka dhibii cirrummaa kenneef;
10
tokkoo jabeenna innii waan mamatiin tolchu, ka dhibii jabeenna dubbii Waaqatiin dubbatu; ammallee nama dhibii jabeenna innii kennitii hafuura irraa dhufteef ta irraa hindhufin himuun keenneef! Nama tokkoo jabeenna afaan dhibiin dubbatu kenne, ka dhibii qalbi afaan sun deebisuun kenneef.
11
Ammoo hafuura tokkochaatti waan kana cufaa tolcha; innii akkuma fedhu nama cufaa kennii akka akkaa kenna.
12
Wantii akkanaatiif Kiristoon akka nafa tokko, ka mittaa hedduu qabuu jira; innii adoo mittaa hedduu qabaateellee, nafii tokko calaa.
13
Nuu Yihudiillee, warra gosa dhibiillee, tissee fi balchaalee, ya hafuura nafa tokkocha kanaatiin nu cuuphe; ammallee nuu cufa ya hafuura takka quufsan.
14
Nafii mittaa tokko callaa hin qabuu, mittaa hedduu qaba.
15
Yo silaa miilii, “Anin harkaanitii, tanaaf mittaa nafaatiniti” ufiin jedhee, suniin mittaa tahuu hindhowartu.
16
Yo silaa gurrii, “Aanin ilaanitii, tanaaf anin mittaa nafaatintii” ufiin jedhef, tunin mittaa nafaa tahuu hindhowartu.
17
Yo silaa nafii cuftii ila callaa taatee, maanti wa dhagaya? Yokaan yo silaa gurra callaa taatee, maanti wa suufa?
18
Waaqii ammoo mittaa cuufa akka fedhu, nafa keessa naqe.
19
Yo nafii cuuftii mittaa tokko tahe nafii wa jiraa?
20
Dhugumaa mittaa hedduutti jira, ammoo nafii tokko.
21
Tanaaf iltii dandeettee mataan, “Anin si hin feedhu” hinjettu. Yokhaan mataan miilaan, “Anin si hinfeedhu” hinjedu.
22
Diqqoollee akkas hintaatu; mitta lalaaftuu nafa keennaa malee, nu dandeenne hinjiraannu,
23
Nu mittaa homaanuu hinseenne guddoo qorqoranna; ammallee mittaa guddoo hin midhaannee guddoo jabeessina.
24
Mittaa tamii midhaaguma guddoo hinfeene! Waaqii mittaa nafa keennaa, akka dansaa walti naqee uume, akka mittaan ulfinna feetu ulfinna argatu.
25
Tanaaf nafii keenna gargarii qooda hinqabuu, mittaan cuftii wali qorqoratti.
26
Yo mittaan tokko dhukkubde, nafii cuuftii indhukkubsata; yo mittaa tokko ulfeesan, nafii cuuftii gammada argata.
27
Tanaaf isaniin cuftii nafa Kiristooti, namii cuftii mittaa isaati.
28
Gumii keessaaleetti Waaqii nama cufaa ya fulaa kenneef; qaraa fiixee ergamtootaa, lameessoo raagoota, sadeessoo barsiisotaa; achiin duuba warra waan mamaa tolchu, warra dhukkuba fayyisu, warra nama qarqaaruu, warra nama dura yaa'uu fi warra afaan dhibiin dubbatu.
29
Namii cuftii ergamtoota yokaan raagoota wa taatee? Yokaan barsiisaa wa taatee? Namii cuftii jabeenna waan mamaatiin tolchu,
30
yokaan ka waan fayyaa dhabeen fayyisu, yokaan ka afaan dhibiin dubbatu, yokaan qalbii afaan suniin deebisu wa qabaa? Hiyyoo.
31
Tanaaf garaa keessan waan jabduu irra keeyadhaa. Ammoo wantii waan kana cufaa irra jabduu karaa kana.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16