bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 4
1 Corinthians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Akka hojjataa Kiristoo ka waan dhossaa Waaqaa qorqoraatu nu herregaa.
2
Wantii nama wa qorqoratu irraa fedhan amanamuu.
3
Anin yo isan natti murtaniillee, yokaan yo namii dhibiin natti mureellee hinyaalu; anuu ufiitti hinmuru.
4
Qalbiin tiyya qulqulloo, taatuullee anin, wallaala hinqabu ufiin hinjedhu. Namii natti muru Aabboo.
5
Tanaaf adoo yohii hin gahiin, adoo Aabboon hindhufin nama tokkolleetti hinmurinaa. Murtiin muummee gaafa Aabboon mullatu taati. Innii waan dhossanii fi herrega garaa nama cufa diidaatti baasa. Namii cuftii gaafas galata argachuu male Waaqaa irraa argata.
6
Obboleeyyan tiyya; marroo teessaniif, anin waan kana cufa naa fi Apholo fakkeese. Fakkeenna kana anin akka isan dubbii, “Akka dansaa aadaa gula yaa'aa” jettu hubattaniif jedhe. Isaniin tokkolleen nama tokko tuffattanii ka dhibii hinulfeesiinaa!
7
Eentu nama dhibii irra si guddise? Waaqaatti waan atin qabdu cufaa sii kenneeyyuu? waan Waaqii sii hinkenniin maal qabda mee? yo isa irraa argattee, maaf akka waan atin qabdu kana cufa tolaa sii hinkenniin ufi guddifta ree?
8
Amma waan feetan cufaa inqabdan! Isan amma dureeyyi! adoo nu hayyuu tahu dhibaanneellee, isan amma ya hayyoota taatan; anin silaa yo isan dhuguma hayyooya taatan guddoo fedha, akka nulleen isan waliin hayyuu taanu.
9
Mala kiyyaa, Waaqii nuu ergamtotaatii kenne, akka nama ijjeechaa itti muraanii diidatti ijjeessanii, akka ammalllee ergamtootaa fi namii cuftii nu daawwatu, ya namaa gadi nu godhe.
10
Mar. roo Kiristootiif nu daalle; ammoo isan karaa Kiristootiin qaroo! Nu lallaafoo, isan ammoo jajjaboo! Nu hintuffatanii isan ammoo in ulfeessan!
11
Ammumaatanaallee nu beelaa dheebuu qamna; daaraallee inqamna; nu dhanaan, fulaa bultii hinqamnuu hujii olii gadi yayaana.
12
Harka keennaan hojjannee indadhamana, nama nu abaaru in eebbimna; yo nu gaargalchan inoobsina.
13
Yo nu arrabsaniillee afaan dansaa dubbanna. Nu huura lafa tanaa fakkaanna; haga ardhaallee nu xurii lafaati.
14
Anin waan kana akka ijoollee tiyya ta jaaladhuu isan gorsuuf malee, akka isan ceersuuf hinbarreesine.
15
Wantii akkanaatiif adoo nama kumaa kunkii ka waan Kiristoo isan barsiisu qabataanillee, abbaan keessan tokko callaa. Anin waan oduu dansaa isan barsiiseef, karaa Kiristoo Yesusitiin yaayyuu abbaa keessan ta'e.
16
Tanaaf anin isan kadhadhaa akka kiyya ta'a.
17
Mar. roo waan kanaatiif anin Ximotewos isanitti erga. Innii karaa Aabbootiin, ilma kiyya ka anin guddoo jaaladhee dhugeeffadhu. Innii jireena kiyya haareessa anin karaa Kirtootiin jiraadhu hima; ammallee akka anin gumii Waaqaa ta lafa cufaa barsiisu.
18
Isaniin garii waan anin imaltuu gara keessan dhufu hinseetanii ya ufi guddiftan.
19
Yo Aabboon jedhee ammoo, anin dhii'ootuu fulaa teessan dhufa, gaafas waan warrii ufi guddisu kunin danda'ee tolchu laala, waan warrii afaaniin jedhu callaaniti.
20
Wantii akkasitiif mootummaan Waaqaa mootummaa jabeenna Waaqaa malee, mootummaa dubbii afaan callaan dubbataniinit.
21
Maal feetan ree? Lichoo isaniin dhaanuun dhufa moo, garaa jaalalaatii fi ka laanatiin dhufa?
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16