bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 6
1 Corinthians 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Namii tokko yo obboleessa ufitiin waldidee, innii akkamiin adoo gumiin Waaqaa warra walti hin araarsin jaarrolee Waaqaa hinbeenne dhaqa?
2
Akka gumiin Waaqaa biyyaa lafaatti murtu hinbeettanii? Duuba isan yo biyya lafaatti murtanii, dubbii didiqqoo tokko qoruu hindandeettanii?
3
Akka nu ergamtootaallee murruu hinbeettanii? Yo akkas taate, nu waan lafa tanaa hagas irra murraanitii?
4
Yo wantii akkanaa kunin dhufte, nama gumiin hin ulfeesineetti geesitanii?
5
Waan ceeraa taatan! Namii qalbii qabu ka danda'ee walti isan araarsu tokkolleen gumii teessan keessa hinjiruu?
6
Obboleyyaan teessan maaf kora warra Waaqaa hinbeenneetti wali geessiti?
7
Walhimachaan isan wali himattan tunin akka isan laaftanii haga hanqattan agarsiifti; yo silaa daba, isan irratti hojjatan irra isanii hinjirtuu? Yo silaa isan duraa wa saaman irra isanii hinjirtuu?
8
Isan ammoo walti dabdaniitti walsaamtan; obboleeyyaan teessaniiyyuu saamtan.
9
Isan dhuguma akka warrii daba tolchu mootummaa Waaqaa hinarganne hinbeettanii? Ufi hinsobinaa! Warrii ceeraa fokkoo hinqamne, ka waan harkaan bocan kadhatu, ka nadheen biyyaa hawadatu yokaan mittisaan,
10
yokaan hattuu fi sabdiin yokaan namii machaa'uu ka nama arrabsuu fi ka nama sobee wa fudhatu, warrii kunin tokkolleen mootummaa Waaqaa hinargatu.
11
Isaniin gariilleen durii namuma akkasiiti; ammoo amma ya maqaa Aabboo Yesus kiristootii fi hafuura Waaqaa keennaatiin isan dhiqanii, isan qulqulleessan, Waaqaan walti araaramtan.
12
Namii tokko, “Wantii cuftii naa halaala” jedha; ammoo wantii sun cuftii isa hinqarqaartu. Aninilleen, “Wantii cuftii naa halaala” jechuu danda'a; ammoo wantii tokkolleen tissee na hintolfatu.
13
Namii dhibiin, “Sagaleen garaa malte, garaalleen sagalee male” jedha. Waaqii ammoo waan sun lachuu inballeessa. Nafii namaa ka hameennaatinitii, ka Aabbooti; Aabboolleen ka nafaati.
14
Waaqii ka Aabboo du'a keessaa kaase, akkasuma nullee jabeenna ufiitiin du'aa nu kaasa.
15
Isan akka nafii keessan mittaa Kiristoo hinbeettanii? Anin mittaa Kiristoo tokko fuudhee nafa shaarmuxaa tolchaa? Hiyyoo, hintaatu!
16
Yokaan akka namii shaarmuxaan walti maxxanee rafe nafa isaatii fi ka isii takkaa tolchu hinbeettanii? Barreessiin diideesiteetti, “Warrii lachuu takkaa taha” jettee himti.
17
Namii ammoo Aabbootti ufi maxxansu hafuura keessa isaan takkaa taha.
18
Hujii shaarmuxoomaa lagadhaa! Cubbuun dhibiin namii hojjatu tokkolleen nafa homaa hintolchitu; ammoo namii shaarmuxoomaa deemu nafa ufiitti cubbama.
19
Akka nafii keessan mana hafuura qulqulloo, ka Waaqii isanii kennee, ka isan keessa taa'uu hinbeettanii? Nafii keessan keessaniinitii, ka Waaqaati;
20
innii gatiin isan bitee, tanaaf nafa keessan suniin Waaqaa guddisaa!
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16