bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 16
1 Corinthians 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Amma waan horii gumii Waaqaa ta Yihudaa jirtun qarqaraan ka isan na gaafattan, anin akkana jedha: waan anin gumii Galaatiyaatiin tolcha jedhe tolchuu maltan.
2
Guyyaa qaraa ka torbaan cufaa isaniin cuftii horii lafa kaa'uu maltan, waan argattan gula, akka yo anin dhufee horii waltii hinguurre.
3
Eegii anin dhufee jara isan foohattanitii ergaa kenne, horii sun Yerusalem geessa jedhaan.
4
Yo anin deemuu malee warrilleen na waliin yaa.
5
Anin waan Maqedooniyaa dhaquu yaadeef, yo achi keessa ba'ee dabre gara keessan dhufa, wantii aakkanatiif anin Maqedooniyaa keessa dabru male.
6
Anin bara dhaamoochaa cufa fulaa teessan taa'aa; anin fulaa deemuu fedhu cufa imaltuu tiyya deemaa, isan duuba wareega naa tolchitan.
7
Anin haga diqqaa tokko callaa isan bira taa'uu hinfedhu, yo Aabbon jedhee, haga guddaa isan waliin taa'uu fedha.
8
Ammoo haga guyyaa Phenxeqostee arma Efesoon keessa taa'u fedha.
9
Adoo namii naan morku hedduun jiraateellee, balbaltii hujii jabduun hojjadhu ya armaatti naa banamte.
10
Yo Ximotewos isaniin bahe, marroo inniilleen akkuma anin Aabboo hojjadhu hojjatuuf isa bulchaa!
11
Namii tokkolleen isa hintufatiin! Ammallee wareega isaa tolchaa, akka innii imaltuu ufi nagayaan deemee gara kiyya deebi'u; wantii akkanaatiif anin obboleeyyaan waliin isa eeguu jira.
12
Amma waan obboleessa keenna Apholos, anin guddoo itti dubbadhe, akka innii obboleeyyaan dhibii waliin gara keessan dhaqu, innii ammatana diqqoollee deemuu hinfedhu, ammoo yo qoomii argate indeema.
13
Kurfoo taa'aa, dhugeeffachaa teessan keessaatti jabaadhaa, hinsodaatinaa jabaadhaa.
14
Hujii teessan cufa jaalalaan hojjadhaa!
15
Amma obboleeyyan tiyya warrii Isxifaanaas, Akaayyaa keessaa Kiriistaan qaraa akka ta'an inbeettan warra isaa hinbeettan; warrii ammallee ya akka gumii Waaqaatii hojjatu ufi kenne.
16
Obboleeyyaan tiyya, warra akkanaa kanaa fi ammallee warra akka hojjatee gaargaluu cufa akka caqaftanii gula yaatan isan kadhadhaa.
17
Dhufiisii Isxifaanaas, ka Fortunaaxosii fi ka Akaayqos ka fulaa teessan bu'an guddoo na gammachiise;
18
ammallee akkuma isaniillee garaa jabeessan nallee garaa jabeessan. Nama akkanaa kana cufa ulfeessu malan.
19
Gumiin kiristiyaanaa ta Asiyaa nagaya isanii dhaamti; Aqiilaanii fi Phriskaaniilleen gumii mana warra keessaatti walwaldeete waliin maqaa Aabbootiin guddoo nagaya isanii dhaamti.
20
Obboleyyaan achii jirtu cuftii nagaya isan dhaamti. Dhungoo qulqulliitiin nagaya walfuudhaa!
21
Waan kana anin harkuma kiyyaan barreessa: Phaawulos nagaya isanii dhaama.
22
Namii Aabboo hinjaalanne cuftii ha abaaramuutii! “Maaraanaataa!” jechuun “Aabboo keenna, kootti!” jechuu.
23
Eebbitii Aabbo Yesus isan waliin jiraatiinna.
24
Jaalaltii tiyya karaa Kiristoo Yesus cufaan isan waliin taahin!
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16