bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 10
1 Corinthians 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Obboleeyyan tiyya, anin akka isan waan ababootii teennaa ta Musee gula yaatee taate qaabattan fedha; gaafas duumansii warra cufaa qorqorateetti, warrii cuftii galaana Shamuu nagayaan taakke.
2
Dumansaa fi bisaan keessaalleetti warra Muusee gula yaa'u jedhaniitti, warra cuuphaan.
3
Warrii cuftii qixxaa mamaa sun nyaatee
4
bisaan mamaa sunuma dhuge; wantii akkanaatiif dhakaa mamaa ka warra gula deeme keessaa bisaan dhugan; dhakaan sun Kiristoo.
5
Ammoo taatuullee Waaqii warraatti dallaneetti, reefii warraa lafa aloo cufa keessaatti bittinaa'e.
6
Wantii kunin cuftii akeeka nuu taati, akka nu akkuma warraa waan hamtuu hindharraane.
7
Yokaan akka nu akka warraa waan harkaan bocan hinkadhannee, akkuma barreessanii, “Biyyitii teetteeti nyaatee dhuddee kaatee sirbite” jette.
8
Nu algalooma tolchuu hin male; akka warrii garii tolchee, guyyaa tokkoon namii kuunkii diddamii sadii raawate.
9
Aabboollee lalaachuu hin malle, akka warrii namii garii tolchee, duuba bofii iddee warra balleese.
10
Yokaan gungumuu hin malle, akka warrii namii garii tolchee, duuba ergamtootii Waaqaa du'a warraa balleesite.
11
Wantii kunin cuftii akka nama dhibii akeeka taatuuf taate, ammallee akka nu gorsaniif barreessan. Wantii akkanaatiif nu bara muummeen dhi'aattee keessa jira.
12
Namii waan ejju ufi seehu ka akka hinjinne ufi eegatuutii.
13
Ilaalachaan namaatti dhuftu homaa qaraa lafa jiraati. Waaqii ammoo kakuu ufii jabeessa. Innii ilaalachaa isan irraa hafu hindandeenne isanitti hinlakkisu. Ammoo yo isan ilaalatan, innii jabeenna isan obsitanii keessaa bataniin isanii kenna.
14
Tanaaf jaallaan tiyya, waan harkaan bocan hinkadhatinaa, biraa fagaadhaa!
15
Anin akka waan isan nama qalbii qabuu isanitti dubbadhaa; waan anin jedhu herregaa.
16
Yo muduunuu eebbaa ta Waaqaa galata deebimnuun dhunnu, dhiiga Kiristoo qoodachuutti hinjiruu? Yo qixaa cabsinee nyaannu, nafa Kiristoo qoodachuuti hinjiruu?
17
Waan qixxaan tokko callaan jiruuf, nuun cuftii, adoo hedduu taaneellee, nafa tokko; wantii akkanatiif qixxaa tokko qoodanna.
18
Gosa Israa'el qaabadhaa; warrii waan sooriyoo baasan nyaatu hujii fulaa sooriyoo itti qalaanii inqoodata.
19
Anin maan jechuu jira? Waan harkaan bocanii fi sagaleen isii baassan homaa keessa hinjirtu jechuu jiraa?
20
Hiyyoo! Wantii anin jechuu jiru, sooriyoo warrii Waaqaa hinbeenne qalu Waaqaa hinbaamnee, jinnii baasan. Anin isanii waahela jinnii taatan hinfedhu.
21
Muduunu Aabbootii fi ta jinnii keessaa dhuguu hindandeettan; sagalee Aabbootii fi ta jinnii walti nyaachuu hindandeettan.
22
Yokaan Aabboo qoxxisuu feenaa? Waan nu isa irra jajjaboo seetanii?
23
Namii garii, “Wantii cuftii nu alaala” jedha; wantii sun cuftii ammoo isanii dansaaniti; “Wantii cuftii nuu alaala” jedhan, wantii cuftii ammoo nama hinqarqaartu.
24
Namii cuftii waan ufii callaa yaaluu himallee, waan nama dhibiillee yaaluu male.
25
Foon gabayaa keessatti gurguran cufa nyaadhaa, sodaattanii nama tokkollee hingaafatiinaa.
26
Akkuma barreessiin qulqulloon jettuu, “Lafaa fi wantii keessa jiraa cuftii ta Aabbooti”
27
Yo namii Kiristoo hindhugeeffanne mana ufiitti isan yaamee dhaquu feetanii, waan isan dura kaayan cufaa gaafii malee nyaadhaa.
28
Ammoo yo namii tokko, “Sagalee tana ya waan harkaan bocanii baasan” jedhee isanitti himee, marroo namicha isaniitti hime suniifi herregii garaa isaalleen tuqamuuf hin nyaatinaa!
29
Anin yaada garaa isaa baane malee keessan hinbaanne. Namii garii: “Anin maaf waan fedhu errega nama dhibiitii jedhee lakkisa?” jedha.
30
“Eegii anin sagalee tiyyaaf galata Waaqaa deebisee nyaadhee, namii tokkolleen maaf waan hamtuu naan jedha?”
31
Duuba waan tolchitan cufaa, yo nyaattanii dhuuddaniillee, marroo guddinna Waaqaatiif tolchaa.
32
Yihudii, gosa dhibii fi gumii Waaqaa hingufachiisinaa!
33
Akkuma anin tolchu tolchaa; waan tolchuu cufaan anin nama gammachiisuu fedha, akka namii cuftii baafamu waan dansooma kiyyaa hinherreguu, dansooma nama cufaa herrega.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16