bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Corinthians 5
1 Corinthians 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Akka hammeennii shaarmuxoomaa hamaan, warrii Waaqaa hinbeenneeyyuu tolchne jidduu teessan jiru la dhagaye. Nama tokko ka niitii abbaa ufii barateetti isan keessa jira.
2
Maaf ufi guddiftan ree? silaa fulaa ufii guddiftan laaleffatanii nama waan akkanaa kana tolche ufii keessaa balleessuu maltan!
3
Anin adoo nafaan isan irraa fagoo jiraadheellee, hafuurii kiiyya isan waliin jira; ammallee anin akkuma waan isan waliin jiruu nama waan hamtuu akkanaa kana tolchee, ya wallaala itti mure.
4
Yo isan maqaa Aabbo Yesusitiin walitti qabamtan anin hafuura kiyya, ka jabeeni Aabboo Yesusii nu waliin jiruutiin isanitti dhufa,
5
nafa nama kanaa Sheexanatti kennaa akka balleessan, yoos hafuurii isaa guyyaa Aabboo inbaafamaa.
6
Isan ufi guddisuu himmalle! Isan mammaassa, bukoo diqqoo tokkotti wa bukeessa jedhu hinbeettanii?
7
Bukoo dullattii isan keessa jirtuu balleessaa! Akka qulqulloo taatan. Yoos akka qixxaa haareesaa bukoo hinqamne taatanii, akkuma isanii dhugaa jirtan. Wantii akkanaatiif jiltii teenna ta dabrsaa ya kurfoofte, Kiristoo hoolaa keenna ka dabrsaa ya qalan.
8
Koottaa amma qixxaa bukoo dullattii qabu hin nyaannuu, sagalee jila teennaa nyaannaa, ka dabaa fi hameenna qabu; ammoo qixxaa bukoo hinqamne, qulqulloo dhugaa nyaannaa.
9
Anin ergaa isanii barreesse keessatti, “Shaarmuxooma lagadhaa!” jedhe.
10
Anin warra Waaqaa hin beenne shaarmuxa, sabdii seera cabsuu fi ka waan harkaan bochan kadhatu hinjenne. Yo warra kana lagattan lafa keessaa ba'uu maltan!
11
Wantii anin jechuu jiru, nama “Anin la dhugeeffadhe” ufiin jedhee, ammoo shaarmuxooma deemee, sabdaa'ee, waan harkaan bocan kadhatee, nama arabsee, machaa'ee, hattuu lagadhaa! Nama akkanaa sagalee waliin hin nyaatiinaa!
12
Anin nama alaa ka gumii kiristiyaanaa keessa hinjire wallaala itti muruu malee? Warra gumii kiristiyaanaa keessa hinjire Waaqatti itti mura; isan ammoo warra gumii teessan ta kiristiyaanaa keessa jiruu wallaala itti hinmurtanii ree? Barreessiin qulqulloon, “Nama akkanaa hamaa kana gumii teessan keessaa baasaa” jetti.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16