bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 1
Romans 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawulos, ani hojjataa Kiristoo Yesusitii fi ergamaa Waaqiii foohatee, akka Oduu isaa Dansaa himu yaame.
2
Oduun Dansaa tun ta Waaqiii durii afaan raagootatiin kakate barreessii qulqulloo keessaatti barreessan.
3
Isiin waan Ilma isaa Aabboo keenna Yesus Kiristoo himti; innii dhaloota nafaatiin ilma Daawit,
4
ammo gara Hafuura Qulqulloo gula waan du'aa keessaa isa kaasaniif, akka innii Ilma Waaqaa jabeennaan nama agarsiisan.
5
Mar. roo maqaa isaatiif Waaqiii akka gosa lafaa cufaa dhugeeffachiisee fudhachiisu, na foohatee ergamaa Kiristoo na tolche.
6
Isan warrii Roomaalleen warra Waaqiii akka nama Yesus Kiristoo ta'an yaame sun keessa jirtan.
7
Tanaaf anin gara gumii Roomaa keessa jirtuu ta Waaqii jaalatee nama ufii tolfateetti cufaan: “Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaya isanii kennina!” jedhee nagayaa kiyya isanii dhaama.
8
Qaraa fiixee, waan dhugeeffachaan teessan lafa cufaa irraatti beekamteef, anin marroo isanii cufaatii, jedhee, Waaqaa kiyyaa, maqaa Yesus Kiristootiin galata galcha.
9
Waaqiii anin irree tiyya cufaan hojjadhee oduu dansaa Ilma isaa odeesseetti naa dhugaa. Innii akka anin
10
yo kadhadhu cufaa isan qaabadhu inbeeka. Akka fedhii isaa gula innii na dandeesisee, anin amma gara keessan dhufuu anin Waaqaa kadhadha.
11
Wantii akkanaatiif anin guddoo isan arguu fedha, akka kennaa hafuuraa ka isan jabeessu isanii kennu.
12
Wantii anin jedhuu, naa fi isaniilleen walqarqaarra; dhugeeffachaan tiyya isan qarqaarti, teessaniilleen na qarqaarti.
13
Obboleeyyan tiyya, waan kana qaabachuu maltan, anin marroo hedduu imaltuu gara keessan dhufuu fedhe; ammoo yo cufaa wayiiti na dhowe. Anin akkuma gosa hindhugeeffatin dhibiillee keessaatti tolchee, jidduu tessaniillee keessaalleetti nama dhugeeffachiisuu fedhe.
14
Namii cuftii gati narraa qabaa, warrii Giriikiitii fi ka Giriikii hinta'iniilleen, warrii wa beekuu fi ka homaa hinbeenneelleen.
15
Tanaaf anin isan warra Roomaallee oduu dansaa guddoo itti haasa'uu fedha.
16
Anin oduu dansaa irraa hinceeru; wantii akkanaatiif jabeenna Waaqaatiin qaraa fiixee Yihudii eegii sunii gosa dhibii ta dhugeeffate cufaa baasan.
17
Wantii akkanaatiif karaa oduu dansaa gulaan Waaqiii qulqullumaa nama keenna; karaan sun dhugeeffacha callaa. Akkuma barreessiin jetuu “Namii Waaqiii marroo dhugeeffachaatiif dhugaa herreguuf injiraata”
18
Dallansuun Waaqaa ya gubbaa irraa mullattee, daba warra hamamaa cufaa fi cubbuu warrii hamaamaan hojjatee dhugaan mullachuu dhowwu cufaa irra buute.
19
Waan Waaqiii cufaa warra garsiiseef, waan Waaqaa ka namii beekuu danda'uu cufaa warrii inbeeka.
20
Haga Waaqiii lafa uumee jabeenna isaa ka jiruu jireenaatii fi waaqoomii isaalleen, adoo ilaan arguu baataniillee, waan innii tolche keessaa ya akka dansaa mullate.
21
Warrii Waaqaa inbeeka, ammoo ulfinna isaa male kennuuf dide, yokaan galataallee isaa hingalchine; ammoo herregii warraa daalla'ee, mataan warraa ka qalbii hinqamne ya dukkanaa'e.
22
Qalbii qamna ufiin jedhanii, ammoo daallee ta'an;
23
fulaa silaa Waaqaa hindoone ulfeessan, waan harkaan bocan ka nama yokaan simphirree yokaan bineensaa fi waan lafa irra loohaa fakkeessan ulfeessan.
24
Waan namii daallee akkana, ta'eef Waaqiii ya akka waan hamtuu garaan warraa dhara'eef tolchanii fi waan ceeraa ka warii wal tolchuutti lakkise.
25
Dhugaa Waaqaa lakkisaniitti waan dharaa tolchan, Waaqaa ka waan cufaa uume lakkisaniitti, waan innii uume kadhatanii ulfeessan. Innii haga barabaraa ha guddifamuu! Ee'e jenne.
26
Mar. roo waan namii tolchuutiif, Waaqiii ya waan hamtuu ka ceera warraatti lakkise. Nadheen ya aadaa ufii ta rifanoo lakiftee waan aadmalee taate.
27
Dhiirtiilleen ya nadheen lakkiftee waliidharaate. Dhiirtii waan ceeraa waltolchitee, akkanaan gaargala argachuu maltee nafa ufii keessaa argatti.
28
Mar. roo biyyitii waan dhugaa Waaqaa barachuu diddeef, innii ya qalbii hamtuutti warra lakkise, tanaaf waan tolchuu hin malin tolchan.
29
Warrii ya hammeennaan, cubbuun, sabdoomaa fi amala hamaa cufaan guutame; amala hamaa kanaan guutaminnaan, walhinaafanii, wali ijjeessanii, walhadhanii, walsobanii, walhamatanii, dudda duubaan walnyaatanii,
30
hameenna walii dubbatanii; Waaqaa jibbanii, kiyyibanii, ufi saadanii, ufi guddisanii, karaa hedduu hameennaan tolchan herreganii, warra ufiitii saaladhabanii,
31
hameenna gula yaanii, kakuu ufii jabeessanii, nama dhibii naa'asuu yokaan qaabatoo dhaban.
32
Warrii akka Waaqiii “Namii waan kana gula yaa'uu du'aa malee” jedhu inbeeka. Ammoo taatuullee waan kana tolchuu inlakkisan, ammallee nama waan kana tolchuullee itti quufan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16