bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 5
Romans 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Tanaaf waan marroo dhugeeffachaatif qajeelummaa nuu herreganiif marroo Aabboo keenna Yesus kiristootiif nu amma Waaqaa waliin nagayaa qamna.
2
Innii ya dhugeeffachaa teennaan, eebba Waaqaa, ta nu amma keessa jiru tanaan nuun dhufe; nu marroo abdii, akka guddinna Waaqaa qoodannu qamnuuf gammanna!
3
Nu wan akka gargalii obsaan dhufuu beennuuf gaargala keenna keessaalleetti ingammanna;
4
obsii amalaan dhufa, amalii abdiin dhufa.
5
Waan Waaqii jaalala ufii Hafuura Qulqulloon garaa keenna keessa dambalaaseef, abdiin tunin nu hinceersitu; hafuurii qulqulloon sun qarqaarsa Waaqii nuu kenne.
6
Gaafa durii nu qarqaarsa hinqamne, Kiristoon guyyaa Waaqiii foohatee, marroo warra cubbutiif jedhee du'e.
7
Akkii namii marroo nama dhugaatiif jedhee du'uu waan guddoo dhibaati. Hegerii namii tokko marroo nama dansaatiif ufi baasee du'a.
8
Waaqii ammoo ya jaalala ufii nu garsiisee, adoo nu cubbuu keessa jirruu Kiristoon nuu jedhee du'e!
9
Waan marroo dhiiga isaatiif qajeelummaa nu herreganiif hagasi irra dallansuu Waaqaa duraa nu baasa.
10
Nu durii nyaaphaa Waaqaati, ammoo innii ya du'a ilma ufitiin jaallaan nu tolfate. Amma nu jaallaan Waaqaatii, tanaaf jireennii Kiristoo hagasi irra nu baasa!
11
Waan kana callaanitii, nu marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootiif Waaqaa gula gammanna, ka amma jaallaan Waaqaa nu tolche.
12
Cubbuun nama tokko gula lafa seente, ammallee cubbuun isaa sun du'a lafaan dhufte. Tanaaf marroo namii cuftii cubbameef, dooti nama cufaa geette.
13
Atoo seeraallee hinbaasiin cubbuun lafa jirti, ammoo fulaa seerii hin jirreef cubbuu namaatti hinherregan.
14
Ammoo haga Addaamiitii jalqabee haga Muusee dooti warra seera Waaqaa akka Addaam cabseef ka hincabsiiniillee cufuma moohate. Addaam fakkeenna nama hegerii dhufuuti.
15
Ammoo warrii lamaan takkaaniti; wantii akkanaatiif tolii Waaqaa akka cubbuu Addaam hinjiru. Dhugumaa namii hedduun cubbuu nama tokkocha sunii gula raawwate. Ammoo eebbitii Waaqaa hagasi irra jirti, ammallee tolii Waaqii ka innii marroo ebbaa nama tokko, ka Yesus Kiristoo jedhaniif, nama hedduu kennuu, hagasii irra jira.
16
Ammallee tola Waaqaatii fi cubbuun namaa wali hinfakkaatu. Eegii cubbuu tokko tolchan qorsumaan wallaala namaatti murtu dhufte; ammoo eegii cubbuu hedduu hojjatan, dubbii qoranii, wallaala hinqabdu jedhan.
17
Dhugumaa cubbuun nama tokkoo gula dooti nama moohate, marroo nama sunitiif ammoo wantii namii tokko Yesus Kiristoon tolche hagasii irra jirti! Namii eebba Waaqaatii fi tola dhugaa isaa argatu cuftii jiraateetti marroo Yesus Kiristootiif lafa moohata.
18
Tanaaf akkuma cubbuu nama tokkoo gula wallaala nama cufaatti muran, akkasuma hujiin dansaan tokko, ta namii tokko tolche, nama cufaa baaftee jireenna kennitiif.
19
Akkuma namii hedduun marroo wallaala nama tokkotiif nama cubbuu tolchu ta'e, akkasuma namii hedduun waan namii tokko Waaqaa caqaseef dhugaa argata.
20
Akka cubbuu heddeessaniif seeraan dhufan, ammoo fulaa cubbuun itti heddate eebbitii Waaqaalleen hagasi irra guddatte.
21
Tanaaf akkuma cubbuun marroo du'aatiif nama moohate, akkasuma eebbitii Waaqaalleen marroo dhugaatiif nama moohattee, marroo Yesus Kiristoo Aabboo keennaatiif jireenna nuu kenniti.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16