bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 8
Romans 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Warra karaa Kiristoo Yesus keessa jiru qorsumaan hin hamneef.
2
Wantii akkanaatiif seerii hafuuraa, ka jireenna marroo Kiristoo Yesusiitiif nuu kennu, ya seera cubbuutiif ka du'aallee jalaa na baase.
3
Waan seerii marroo laafinna nafaatiif tolchuu dadhabee, Waaqii ya tolche. Innii cubbuu nafa namaa keessa jirtuu wallaala itti muree, Ilma ufi erge, ka nafa namaatiin dhufe sooriyyoo cubbuu balleessituu ta'e.
4
Wantii Waaqii waan kana tolcheef, akka waan dhugaa ka seerii fedhu nuu warra akka fedhii nafaatiinii akka fedhii hafuuraa gula yaa'uu tolchan.
5
Warrii waan nafaa gula yaa'u waan nafaa herrega. Warrii waan hafuuraa gula yaa'u waan hafuuraa herrega.
6
Namii waan nafaa herreguu indu'a, namii ammoo waan hafuura herregu jireennaa fi nagayaa argata.
7
Tanaaf namii waan nafaa herregu nyaapha Waaqaa ta'a; innii seera Waaqaa hinguutu, guutuullee hindanda'u.
8
Warrii herrega nafaa gula yaa'uu danda'ee Waaqaa hingammachiisu.
9
Yo dhuguma hafuurii Waaqaa isan keessa jiraatee, isan herrega nafaa gula hin yaatanii, ammoo herrega hafuuraa gula yaatan. Namii hafuura Kiristoo hinqamne cuftii ka isaatiiniti.
10
Ammoo yo Kiristoon isan keessa jiraatee, adoo cubbuun nafa keessan ijjeecheellee dhugaan hafuura keessan jiraachifti.
11
Hafuurii Waaqaa ka Yesus du'a keessaa kaase, isan keessa yo jiraattee, yoos ka Yesus du'a keessaa kaasee, hafuura isaa ka isan keessa jiruun, nafa keessaniillee jireenna inkenna.
12
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, nafii keenna, akka nu fedhii isaa gula yaanuu, homaa nurraa hinqabu.
13
Wantii akkanaatiif yo fedhii nafa keessanii gula yaatan indootan; ammoo yo hafuuraan nafa keessan ijeeftan injiraattan.
14
Warrii hafuura Waaqaa gula yaa'u ilmaan Waaqaati.
15
Hafuurii Waaqii isanii kenne sunin tisse isan hintolchuu; ammallee isan hinsodaachisuu, ammoo hafuurii ilmaan Waaqaa isan tolcha, ammallee jabeenna hafuuraatiin Waaqaatti boonne, “Aabbo, Aabbo” jenna.
16
Hafuurii Waaqaa hafuura keennaan takka ta'eetti, “warrii kunin ilmaan Waaqaa” jedhee nu dhugeessa.
17
Nu waan ijoollee isaa taaneef eebba innii ijoollee ufiitii kennu indhaalla, ammallee Kiristoo waliin waan Waaqii isaa olkaaye dhaalla; wantii akkanaatiif nu yo Kiristoo waliin gaargalle guddinna isaa eegii tana qoodanna.
18
Waan anin se'u, gaargalii nu amma argannu kunin guddinna nu hegerii argannuun walti hindhufu.
19
Uumamii cuftii haga Waaqii ilmaan ufii mullisuutti abdii guddoon eega.
20
Wantii akkanaatiif uumamaa cufaa laallaan, homaa hinba'u jedhan. Innii marroo fedhii ufitiinitii, ammoo marroo Waaqii akkasi fedheef akkana ta'e. Ammoo abdii tanaatti jira:
21
uumama cufaa guyyaa tokko tissooma shamaa keessaa baasanii, balchooma dansaa ilmaan Waaqaa qabdu argata.
22
Akka haga ammaa uumamii cuftii akka nadheen ciniiffattuu dhukkubsatu nu inbeenna.
23
Uumama callaanitii, nuun midhaan qaraa ka hafuuraa qamnuuyyuu, adoo akka Waaqii dhufee ilmaan isaa nu tolfatee nu baasu teteennee eegannu inboonna.
24
Nu abdiin baafamne; ammoo yo waan abdannu arganne, wantii sunin itti deebitee abdii hintaatu. Eentu waan ilaan argu abdata?
25
Ammoo yo waan hingarre abdanne, obsaan eeganna.
26
Akkasuma adoo lalaafoo taaneellee hafuuriilleen dhufee nu qarqaara, nu akka kadhachuu malle hinbeennu; ammoo hafuurii Waaqaa waassa namii dandaa'ee afaaniin hinjenneen nuu kadhata.
27
Ammallee Waaqii, ka garaa nama cufaa argu, herrega hafuuraa inbeeka. Wantii akkanaatiif hafuurii waassaan Waaqaa kadhata marroo gumii isaatiif ammallee fedhii isaa gula.
28
Akka waan cufaa keessaatti Waaqii warra ufii jaalatu, ka fedhii ufitiin yaamee, waan dansaa tolchuu nu inbeenna.
29
Warra durii Waaqii foohate innii ya akka ilma isaa fakkaatu olkaaye; akka obboleeyyaan hedduu ilmii angafa ta'u.
30
Tanaaf Waaqii warra durii olkaaye kaan yaame; yaamicha callaanitii ammoo dhugaa herregeef; dhugaa calla hinherrenneef ammoo guddinna ufiillee warraa qoode.
31
Ka waan cufaa garru, nu maan jennaa? Yo Waaqii gama keenna jiraate, eentu danda'ee nu dabsata?
32
Innii Ilma ufiillee nuu hindhowanne, ammoo nu cufaa baase! Innii ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu cufaa tolaan nuu hinkennuu?
33
Eentu gumii Waaqii foohate himata? Waaqii, “Warrii wallaala hinqabu” ya jedhe!
34
Eentu danda'ee wallaala warraatti mura? Kiristoo Yesus la du'e, ammallee la du'a keessaa kaassanii harka mirgaa ka Waaqaa teesisan; innii Waaqaa nu kadhata.
35
Eentu danda'ee jaalala Kiristoo keessaa nu baasa ree? Gaargalii, hammeennii, dhaanichii, beeltii, hiyyumaan, lubbuu fi dootilleen gargarii nu baasuu indandaa?
36
Barreessii keessaatti waan, “Mar. roo akkaanaatiif hafuurii guyyaa cufaa nu bira ejja, akka hooliyyee qalmaa geessan nu tolchan” jedhaa la barreessan.
37
Hiyyoo, waan kana cufaa nu marroo nama nu jaalatutiif dabsanna!
38
Akka wantii tokkolleen dandeetee jaalala isaatiin gargarii nu hinbaamne; du'aa jireennaalleen; ergamtootaa fi jabeennii gubbaa jirulleen; waan ammaatii fi ka hegerrilleen;
39
lafa gubbaatii fi laftii gadilleen-wantii tokkolleen ta jaalala Waaqaatiin gargarii nu baasaa hinjirtu, ta marroo Kiristoo Yesus Aabbo keennaatii fi teenna taate.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16