bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 6
Romans 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Maan jenna ree? akka eebbitii Waaqaa itti guddattu cubbuu keessa teennaa?
2
hinyo, akkasiiniti! Nu warrii cubbuun dhumatee, akkam haga jirru cufaa cubbuu keessa teenna ree?
3
Isaan akka nu warrii Kiristoo Yesusiitti idaamuuf cuuphamne, du'a isaalleetti idaamuuf cuuphamne, inbeettaniinitii?
4
Cuuphama keennaan nu isa waliin doonee awwaalamne, akka akkuma guddinna Abbatiin Kiristoo du'a keessaa kaassan, nulleen jireenna haraan jiraannu.
5
Nu yo du'a isaatiin isaan takkaa taanee, akkasuma du'aa ka'iisa isaalleen isaan takkaa taana.
6
Nu akka finna keenna dullacha Kiristoo waliin fannoo gubbaatti fannisan, akka jabeenna nafa cubbuu balleessan, akka nu itti deebinee tisseellee cubbuu hintaane inbeenna.
7
Wantii akkanaatiif nama eegii innii du'e jabeenna cubbuu jalaa baasan.
8
Nu yo Kiristoo waliin doonee akka isa waliin jiraannu indhugeeffana.
9
Akka Kiristoon du'a keessaa ka'ee, itti deebi'ee hindoone, akka dooti itti deebitee gara isaati jabeenna hinqamne nu inbeenna.
10
Innii du'a tokkoo callaa marroo cubbuutiif du'e; jireenna isaa ka amma qabu ammoo Waaqaaf jiraata.
11
Akkasumaa isaniilleen akka nama gara cubbuutiin du'ee ammoo karaa Kiristoo Yesusiitiin gara Waaqaatiin jiruu ufii herrega.
12
Cubbuun itti deebitee akka isan dharraa nafa keessanii gula yaatanii isan hinmoo'atin!
13
Yokaan mittaa nafa keessanii tokkollee cubbuutti hinlakkisinaa! Ammoo akka waan hamtuun hintolchine, Waaqaa ufi kenna, akka nama du'a keessaa jireennatti kaassan, ammallee mittaa nafa keessan cufa akka hujii dansaan tolchan baasa.
14
Wantii akkanaatiif waan isan seera jalaanii ammoo eebba Waaqaa jala jirtaniif, cubbuun isan hinmoo'atu.
15
Maan ree? Nu waan seera jala hinjirruu ammoo eebba Waaqaa jala jirruuf cubbuu tolchinaa? Hiyyoo, akkasiiniti.
16
Isan yo, “Ee'ee” jettanii akka tissee nama caqaftanii, akka nama sunii tissee taatan hin beettanii? Dhugumaa isna tissee abba suniitii, yokaan tissee cubbuu ta du'aan dhuftu, yokaan tissee Waaqaa ajajamtu ta dhugaan dhuftu.
17
Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin! Isan durii tisseellee cubbuuti, amma ammoo garaa keessan cufaan barsiisa argattan cufaa ya guuttan.
18
Cubbuu jalaa baattanii ya tisselee dhugaa taatan.
19
Anin marroo laafinna nafa keessanitiif akkana dubbadha. Durii isan tisseellee xurittii fi ta waan hamtuu taataniitti hammeenna jabeesitan. Akkasuma ammallee akka qulqulloomtan tissee dhugaa ufi tolchuu maltan.
20
Gaafa durii isan tisseelee cubbuutii, dhugaa irraa homaa hinqabdan.
21
Tanaaf amma waan ceeraa ka tolchitan kana dansooma maan irraa argattan? Muummeen waan kanaa du'a!
22
Ammoo amma isan ya cubbuu jalaa baatanii tisseelee Waaqaa taatan; marroo waan kanaatiif amma jireennii keessan cuftii qulqulloo, eegii tana jireenna hegerii in argattan.
23
Wantii akkanaatiif gatiin cubbuu du'a; ammoo tolii Waaqaa jireenna hegeriiti, marroo Kiristoo Yesus Aabboo keennaatiif.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16