bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 9
Romans 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Wantii anin jedhu kunin waan dhugaati; anin ka Kiristootii, hinkiyyibu. Qalbiin tiyya, Hafuura Qulqulloo keessa, akka anin hinkiyyimne naatti himti.
2
Laaleffachaan tiyya waan guddoo, dhukkubsachaan tiyyalleen hin hobbaatu.
3
Mar. roo warraatiif anin silaa akka Waaqii na abaarree, Kiristoon wali hanqannu fedha.
4
Warrii gumii Israa'el ta Waaqii foohatee, ilmaan ufii warra tolchee, guddinna ufii warra waliin qoodatee, waldhaqisa ufii warra waliin tolchee seera kenneef; kadhachaa dhugaa qaban; ya kakuu Waaqaa argatan;
5
warrii dhaloota jaarollee duriiti, Kiristoolleen dhaloota gula gosa warraati. Waaqaa waan cufaa fidu haga jiruu jireennaa ha guddisanii! Ee'e jenne.
6
Anin, kakuun Waaqaa ya badde hinjedhu; wantii akkanaatiif gochitii Israa'eli cuftii warra Waaqii foohateeniti.
7
Yokaan dhalootii Abrahaam cuftii ijoollee Waaqaatiniti; wantii akkasiitiif Waaqii Abrahaamiin: “Ijoollee Isaaq callaatti ilmaan tantee ta'a” jedhe.
8
Tanaaf ijoolleen aadaa namaa gula dhalatte ta Waaqatiniti; ammoo ijoollee kakuu Waaqatiin dhalatte akka dhaloota dhugaa herregan.
9
Waaqii, “Yo fulaan geetti anin gadeebi'eetti Saaraan ilma dhalti” jedheetti akkana kakate.
10
Tana callaaniti, ilmaan Ribqaa lamaan abbaa tokko qabdi; inniilleen abaaboo keenna Isaaq.
11
Ammoo Waaqii akka ilmaan lamaan tana keessaa, hujiin isaa gurba tokkoon guutamtu, gurbaa tokko foohatee haadhaan: “Hangafaatti maandhicha hojata. Waaqii marroo waan dansaa gurbaan tolcheef isa hinfoohannee ammoo fedhuma ufiitiif foohate” jedhe.
13
Akkuma barreessin: “Anin Yaaqob jaaladheetti Esaawuu jibbe” jette.
14
Maan jenna ree? Waaqii dhugaa hinbeekuu? Hiyyoo, akkasi hinjennu.
15
Wantii akkanaatiif innii Muuseen, “Anin nama fedhuu na'a, nama fedhu qarqaara” jedhe.
16
Tanaaf wantii namii tolchu yokaan fedhuu, homaa keessa hinjirtu, ammoo naasuu Waaqaatti waan cufaa dura jira.
17
Barreessiin quluqulloon Fara'ooniin: “Anin marroo waan kanaatif hayyuu si tolche, akka jabeenna kiyya si garsiisee maqaa kiyya lafa cufaa barsiisu” jetti.
18
Tanaaf Waaqii nama fedhuu na'ee, nama fedhuullee mataa jabeesa.
19
Ati hegerii: “Yo wantii kunin dhugaa taate, Waaqii akkam wallaala namaatti mura? Eentu danda'ee waan Waaqii fedhu dida?” Naan jetta.
20
Ammoo atin eennuu kanaa, ka Waaqaan akkana jettu? Eeleen faaraa nama isii dha'een, maaf akkana na dhoofta injettii?
21
Namii eelee sun dha'u, akkuma fedhu dhoqqee tolcha, yo fedhe eelee lama dhoqqee tokkoon midhaasa, yo fedhe ta gatii guddoo yokaan ta gatii diqqoo midhaasa.
22
Wantii Waaqii tolcheelleen akkasuma. Innii dallansuu ufii agarsiisee jabeenna ufii nama beesisuu fedhe. Tanaaf innii nama tokkollee itti dalanee diqqumaa hinballeessin sun guddoo obseef.
23
Ammallee innii durooma guddinna ufii mullisuu fedhe, ka nama innii na'uufiti naqan, warra innii kurfeessee akka guddinna ufii qooduuf.
24
Innii nuu warra Yahudii callaa hin yaamennee, ammoo gosa dhibiillee keessaa ya yaame.
25
Wantii akkanaatiif innii kitaaba Hoose'a keessaatti: “Warra kiyya hinta'in, Kiyya jedhee yaama gosa durii hinjaalanne, ‘Badhaasoolee tiyya’ jedhee yaama.
26
Fuluma durii, ‘Isan warra kiyyaaniti’ jedhanitti, achitti ‘Ilmaan Waaqaa Jiruu’ jedhaniin” jedha.
27
Isaayaas waan Israa'eli: “Gochitii Israa'el adoo haga maansa afaan galaanaa geeteellee, haguma diqqaa tokko callaatti baafama;
28
wantii akkanaatiif Waaqii dhi'oottuu lafa cufaa wallaala itti muree” jedhe iyya.
29
Akkuma durii Isaayaas dubbatee: “Adoo silaa Aabbo Waaqii guddaan ilmaan teenna hambisuu baatee, nu ya ardhaa kalee warra Sodomaa taanee warra Goomoraa hinfakkaatin” jedhe.
30
Maan jenna ree? Wantii nu jennu, gochitii dhibiin ta dhugaa hinbarbaanne marroo dhugeeffachaatif dhugaa argatte jenna.
31
Israa'eli, ammoo ta seera Waaqaatiin dhugaa barbaadde dhugaa hinarganne.
32
Maaf akkana? Mar. roo waan tolchan dhugeeffachaan hintolchinee ammoo hujiin tolchaniif. Tanaaf warrii gufuu dhakaa,
33
ta barreessiin baantuutti gufata; Iaali, anin Xiyoon keessa dhakaa namii itti gufatee irraa jiguu kaahaa Ammoo namii isa dhugeeffatu hinceeru.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16