bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 14
Romans 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Nama dhugeeffachaa laaftuu qabu ufiitti qabaa malee waan innii jedhu hinmorminaan!
2
Nama tokkoo dhugeeffachaa waan cufaa isa nyaachiftu qaba, namii dhugeeffachaa laaftuu qabu ammoo dhugeeffachaa jedhee foon hin nyaatuu sagaluma laaftuu lafaa baatu nyaata.
3
Namii waan cufaa nyaatu nama waan cufaa hin nyaanne hintuffatin; ammallee namii dhugeeffachaa jedhee sagalee laaftuu callaa nyaatu nama waan cufa hin nyaanee hintufatin; wantii akkanaatiif Waaqii ya isa “Ee'ee” jedhee fudhate.
4
Atin eennuu kanaa ka hojjataa nama dhibiitti murtu? Abbaa isaa callaati jabeennaa fi laafinna isaa beeka. Mar. roo Aabboon danda'ee isa jabeessuuf innii injabaata.
5
Namii garii waan guyyaan garii ka dhibii irra jiru se'a, ammoo ka garii guyyaa cufaa haga takka se'a. Namii cuftii akka dansaa herrega ufii jabeessuu male.
6
Namii guyyaa tokko jabaa se'u marroo Aabbootiif se'a; namii waan cufaa nyaatuulleen marroo Aabbootiif nyaata, waan innii adoo sagalee sun hin nyaatin Waaqaa galata deebisuuf. Namii sagalee garii nyaachuu diduulleen marroo Aabbootiif dida, inniilleen Waaqaa galata deebisaaf.
7
Namii ufumaa jiraatu hinjiru, ammallee namii ufumaa du'u hinjiru; yo jiraanne Aabboof jiraanna,
8
yo dooneellee Aabboof doona; yo jiraannee fi yo dooneellee duuba nu ka Aabbooti.
9
Wantii akkanaatiif Kiristoon akka nama jiruu fi ka du'eellee abbaa ta'uuf du'ee ka'e.
10
Tanaaf atin maaf obboleessa kankeetti murta? Yokaan atin maaf obboleessa kankee tuffatta? Nuu cuftii murtiif fuula Waaqaa dura ejaajuufii.
11
Wantii akkanaatiif barreessii qulqulloo keessaatti, “Aabboon, ‘Waaqii jiraataan anuma callaa, ammallee namii cuftii na duraati jilbifatee akka anin Waaqaa hima’ jedha” wantii jedhaa la barreeffamte.
12
Tanaaf nuun cuftii waan tolchine Waaqaa duraati himachuu malle.
13
Tanaaf duuba, waliitti murtii lakkimnaa. Fulaa sun waan kana kutannaa; waan obboleessa keenna gufachiisee daba keessa buusaa hintolchinu.
14
Beekii anin Aabboo Yesus beeku akka wantii tokkolleen xurii hinqamne natti hima; ammoo namii tokko yo waan wantii tokko xurii qabdu se'ee, isaa xurii qabdi.
15
Yo wantii atin nyaatuu obboleessa kankee dhukkubsitee, jaalaltii si keessa hinjirtu. Sagaleen atin nyaattu nama Kiristoon du'eef hinballeessin!
16
Wantii atin waan dansaa seetu maqaa hamaa hinhoratiin!
17
Wantii akkanaatiif mootummaan Waaqaa waan nyaatanii dhuganiinitii, ammoo dhugaa, nagayaa fi gammada hafuurii qulqulloon namaa kennu.
18
Namii karaa kana gula Kiristoo hojjatuu Waaqaa gammachiiseetti namaallee quufsa.
19
Tanaaf nu yo cufaa waan nagaa nu kennaatii fi ta wal jabeesitii barbaaduu malle!
20
Sagalee jettanii waan Waaqii tolche hinyakkinaa; sagalee gosa cufaa nyaachuu malan; ammoo sagalee nama dhibii cubbuu keessa buuftu nyaachuu hin malle.
21
Waan qajeeltuu akka foonii, daadhii wayniitii fi waan dhibiillee ta obboleessa kankee cubbuu keessa buusaa lagachaan fulaa.
22
Aadaa waan kanaa ta dhugeeffattu ufii fi Waaqaa callaatti dhoffadhu! Gammachuun ta nama suniiti, ka yo waan qajeelaa ka garaan isaa jaalatu tolche wallaala ufiiti hinmurre!
23
Ammoo namii yo waan nyaatu garaa tokkoon hin nyaannee, Waaqii wallaala itti mura, marroo yo innii nyaatu dhugeeffachaan waan innii tolche sun bira hinjirreef; wantii dhugeeffachaan bira hinjirre cuftii cubbuu.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16