bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 13
Romans 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Namii cuftii jara finna lafaa harkaa qabu caqasuu malle! Wantii akkanaatiif fedhii Waaqaa malee namii wa fidu hinjiru, ammallee jara amma lafa fidu kanaallee Waaqatti tolche.
2
Namii jara wa fidu sun didu waan Waaqii tolche dida; namii waan kana tolchu murtii ufitiin dhufa.
3
Wantii akkanaatiif namii waan dansaa tolchu jara isa fidu sun hinsodaatuu ammoo nama hammeenna tolchuuti sodaata. Akka nama nama fidu hinsodaannee ta'uu feetaa? Yoos waan dansaa tolchi! Innii si saadaa.
4
Wantii akkanaatiif innii hojjaataa Waaqaa ka akka irra jirtii tanteetii sii hojjatu. Ammoo yo waan hamtuu tolchite isa sodaadhu! Innii hojjataa Waaqaatii dallansuu Waaqaa nama waan hamtuu hujjatuuti buussa malee ufumaa billaan hindeemuu.
5
Tanaaf namii marroo dallansuu Waaqaa callaaf adoo hinta'in, marroo herrega garaa ufiitiifii jara lafa fidu caqasuu male.
6
Mar. roo waan kanaatiif isan gibira baaftan; wantii akkanaatiif jarii wa fidu kunin, yo hojjatu Waaqaa hojjachuu jira.
7
Tanaaf waan warraa baasuu malan cufaa baasaaf; ka damoosaa baasuufii malan dammoossa, ka gibira baasuufii malan gibira, ka guddinnaa kennuufii malan guddinna, ka ulfinna kennuufii malan ulfinna kennaaf!
8
Gatii nama tokkollee hinfudhatinaa! gatiin isan qabdan ta jaalala walii callaa ta'inna! Namii nama dhibii jaalatu cuftii ya seera guute.
9
Seerii, “Dhiiraa fi nadheen walbaratee gaarayyuu wali hintolfatin! Nama hinijeesiin; hinhatin; homaayyuu hindharra'in” jedhuu fi ka dhibiin cuftii seera, “Akkuma ufi jaaltattu nama dhibiillee jaaladhu” jedhu keessa jira.
10
Namii akkuma ufii jaalatu nama dhiibiillee jaalatuu waan hamtuu isa irraatti hinhojjatu. Yoos, jaalaltii seera cufaa guuti.
11
Waan saatii beetaniif waan kana tolchuu maltan; yoo'ii isan hirriiba keessaa kaatan ya ga'e. Yo'ii nu baafamnu ya haga qara nu dhugeeffanne irra gad dhi'aate.
12
Halkan ya alaa hobbaan, laftii diqqumaa hinbariin; waan dukkanaa lakkisuu malle; mi'a lolaa ka ibsee naqachuu malle.
13
Akka nama ebisee guyyaa keessa deemuu adaba dansaan deemaa; farsoo dhugitii, machii, fokki dhaba, waldidiisaa fi qoxxee lakkimnaa!
14
Ammoo mi'a lolaa ka Aabboo Yesus Kiristoo keeyyadha; adaba keessan ka dabaa, ka dharraa nafa keessanii quufsuu lakkisaa!
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16