bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 11
Romans 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Anin duuba isan gaafadhaa, Waaqii ya gumii ufii didee? Hiyyoo, akkasiiniti. Mat. aan kiyyaa gosa Israa'elitii, dhaloota Abrahaam, balbala Benjamin.
2
Waaqii gumii ufii ta duruu foohate hindinne. Barreessii “Akka Eliyaas fuula Waaqaa duraatti Israa'eli himatuu inuma beettan” jettu hindubbimnee?
3
Innii “Aabboo! Warrii ya raagoota tantee fixee, fulaa sooriyoo irraatti sii baasan cacabsee; na callaatti hafe, ammallee nallee ijeessu fedhan” jedhe.
4
Waaqii maan isaan jedhe ree? “Anin nama kuunkii torbaa ka waaqaa dharaa ka Ba'aali jedhan hin kadhatin qaba” jedhe.
5
Ammatanaallee akkasuma; gumii diiqqoo tokko ta Waaqii marroo naassuuf isaatii foo'atetti jira.
6
Foohachaan isaa waan warrii ufiin tolfateenittii, waan naassuu isaat; yo foohachaan Waaqaa waan namii tolchuu barbaaddee, yoos naassuun isaa dhuganiti.
7
Maan ree? Gochii Israa'eli waan barbaadde hin arganne; gumii diqqoo tokko ta Waaqii foohatetti waan barbaadde arge; jarrii kaan cuftii yaamicha Waaqaatti dudaa ta'e.
8
Akkuma baarreessin jettuu waaqii ya qalbii fi garaa warraallee daalleesse; guyyaa kanaallee ilaan lafa hinargan, gurraalleen homaa hindhagayan.
9
Ammallee Daawit akkasuma, “Jila warraa keessaatti warra qaqabanii hidhinna, ha jiganitii, ha gaargalchaniiti;
10
akka lafa hingarre iltii warraa ha dukkanooftuutii; ammallee gaargalii ha yo cufa dudda warraa cabsuuti” jedhe.
11
Wantii anin gaafadhuu, Yihudiin gaafa gufatee ya jidde baddee? Hiyyoo akkasiiniti. Mar. roo warrii dabeef baafamii ya gosa dhibiitti dhufe, akka akkasiin Yihudiin warra qoxxiftu.
12
Yo Yihudiin daba tolchinaan eebba guddoon lafatti dhuftee, ammallee Yihudiin cubbuu tolchinaan durooma guddaan gosa dhibii dhufte, deebiin warrii Waaqaatti deebi'u eebba hagam guddooti!
13
Anin amma isanii gosa dhibitti dubbachuu jira; anin haga hojjataa gosa dhibii ta'ee hujii tiyya inoowisa.
14
Hegerii gochitii tiyya na qoxxifteetti anin karaa kanaan warra gariillee baasa.
15
Wantii akkanaatiif gaafa warra didan, laftii cuftii Waaqaan waltti araaramti. Tanaaf gaafa warra fudhatan maal taati? Warrii du'eelleen injiraata.
16
Yo qixxaa qaraa bukeessan Waaqaa kennan, yoos qixxaan cuftii ka isaati; ammallee yo hiddii mukaa qulqulloo ta'ee, dameelleelleen qulqulloo.
17
Dameelee ejersa oobruu keessa jiruu ta garii ya cacabsan, damee ejersaa raasaa keessa jiruu la ejersa oobruu keessa jiruutti maxansan. Isan gochitii dhibiin akka ejersa raasaa keessa jiruu jirtan, amma jireenna lubbuu dureessa Yihudii qoodattan.
18
Tanaaf amma warra akka dameelee cabsan hin tufatinaa! Isan akkuma damelee jirtanii, akkamiin ufi guddifatan? Hidda hin qabdan, hiddaatti isan qaba male.
19
Isan ammoo: “Damelee cacabsanii akkasiin fulaa isii nuu kennan” jettan.
20
Tunin dhugaa; warra marroo warrii hin dhugeeffatiiniif cacabsan, isan ammoo marroo dhugeeffatiinf fulaa teessan keessa teettan. Waan kanaaf ufi hinguddisiinaa, ammoo sodaadhaa.
21
Waaqii Yihudiiyyuu ta akka damee mukaa jirtu hinlakkimnee, waan innii isan lakkisu seetanii?
22
Armatti akka Waaqii naasuu fi jabeenna qabu ingartan. Innii warra jige hingaargalchaa, ammoo yo isan naasuu isaa gula yaatan isanii na'a; isaniilleen yo gula hin yaane, incaphixxan.
23
Yihudii, yo isiin garaa laaftee dhugeeffatte, waaqii waan warra deebisuu dandaa'uuf fulaa isii ta duriitti deebisan.
24
Isan gochitii dhibiin akka dameelee ejersa raasaa keessa jiruu, ta cacabsanii jirtan; ammoo aadaa malee isan ejersa oobruu keessa jiruun walti maxantan. Yihudiin akka muka oobranii kana jirti; tanaaf guddoo Waaqaa laaftuu, akka innii dameelee muka kanaa ta cacabsan ka dhibiitti maxansu.
25
Obboleeyyan tiyya Waan dhossan tokkootti ta dhugaa ta anin akka isan barattan fedhu jira; anin isanii guddoo qaroo ufi seetan hinfedhu. Wantii sulleen ammoo, mataa jabeennii gosa Israa'eli waan haga hegerii ta'aatinitii, waan eegii gochitii dhibiin cuftii Waaqaatti dachaat hobeaati.
26
Israa'elin cuftii karaa kanaan baafamti. Barreessiin qulqulloon, “Qarqaarsii Xiyoon keessaa dhufa, innii hammeenna cufaa dhaloota Yaqoob keessaa baasa;
27
ammallee gaafa cubbuu warra irraa fuudhuu, anin waldhaqiisa kana warra waliin tolcha” jetti.
28
Mar. roo isanii gosa dhibiitiif Yihudiin waan Oduu Dansaa dideef nyaapha Waaqaa taati. Ammoo marroo Waaqii ababoota warraatii jedhee warra foohateef warrii jaallan isaati.
29
Waaqii qalbii ufii warra foohatee eebbise irraa gara hingalfatu.
30
Isan gochitii dhibiin durii Waaqaa diddan, amma ammoo marroo Yihudiin diddeef, ya naasuu Waaqaa argattan.
31
Akkasuma, waan isan naasuu argattaniif, Yihudiin amma Waaqaa caqasuu didde, akka warriilleen amma naasuu Waaqaa argatu.
32
Wantii akkanaatiif Waaqii ya akka ilmee namaa cufaa na'u, nama cufaa cubbuu warraa keessaatti hidhe.
33
Badhaadhummaan naasuu Waaqaa akkam guddoo! Qalbii fi hubachaan isaa akkam guddoo! Eentu waan innii muru beeka? Eentu karaa isaa hubata?
34
Akkuma barreessiin jeettuu: “Eentu qalbii Aabboo beeka? Eentu danda'ee isa gorsa?
35
Eentu takka akka innii galata deebisuuf wa isaa kenne?
36
Waan cufaa isaatti uume, wantii cuftii marroo isaatiif jirti, ammallee isaan jirti. Guddinnii gara Waaqaa haga hegeriillee ha jiraatuuti!” Ee'e jenne!
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16