bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 16
Romans 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Anin obboleettii teenna Feebeen, ta gumii Kanchre'aa ta dhugeeffattee hojjattu, isan beesisuu fedha.
2
Maqaa Waaqaatiin, akka gumiin Waaqaa tolchuu malteen isii fudhadhaa! Ammallee waan isiin naa fi nama dhibiillee guddoo qarqaarteef, dhiphuu isiin qabdu cufaa baasaa!
3
Phrisqiilaa fi Aqiilaadhaa, ka hujii Kiristoo Yesus na waliin hojjatan,
4
ka naa jedhanii du'aallee sodaachuu didaniitti nagaya naa himaa. Anin guddoo warra galateeffadha; na callaa adoo hinta'in, ammoo gumiin Waaqaa ta gosa dhibiilleen cuftii warra galateeffatti.
5
Gumii mana warraa keessaatti sagadaa walwaldeettuulleetti nagaya naa himaa! Jaala kiyya Ephanexos, nama qaraa ka Asiyaa keessaatti Kiristoo dhugeeffateelleetti, nagaya naa himaa!
6
Maariyaam, ta guddoo isanii hojjatteelleetti, nagaya naa himaa!
7
Andronikosii fi Yuniyaas, warra Yihudii ka gosa tiyyaa, ka na waliin hidhaniilleetti, nagaya naa himaa! Ergamtoota keessaa warrii gurra qaba; adoo anin Kiristaana hinta'in warrii ta'e.
8
Amphliiyaaxos jaala kiyyaa, marroo Aabbootiif nagaya itti naa himaa!
9
Urbaanos, ka hujii Kiristoo na waliin hojjatee fi jaala kiyya Sxaakisiilleetti nagaya naa himaa!
10
Apheles ka akka innii guddoo Kiristoo jaalatu qoranii itti dhaqabaniilleetti nagaya naa himaa! Warra Arisxobulosiilleetti nagaya naa himaa!
11
Herodiyon ka akkuma kiyya gosa Yihudii ta'eelleetti, nagaya naa himaa; obboleeyyaan Aabbootti dhugeeffate ta warra Naarkisoosiilleetti nagaya naa himaa!
12
Triifeenee fi Triifaasee, ka hujii Aabboo hojataniitti, nagaya naa himaa! Ammallee jaala kiyya Pharsiis ka hujii Aabboo jabduu hojjateelleetti nagaya naa himaa!
13
Ruufoos, ka hujii Aabboo hojjatuu fi haadha isaa ta yo cufaa akka ilma ufii na tolfatteelleetti, nagaya naa himaa!
14
Asinkriixos, Filegoon, Hermaas, Phaaxrobaas, Hermaasii fi obboleeyyaan warra waliin jirtu cufaatti nagaya naa himaa!
15
Filologosii fi Yuliyaatti Nereyoos, obboleettii isaatii fi Olimphaa fi gumii Kiristaanaa ta warra waliin jirtu cufaatti nagaya naa himaa!
16
Dhungoo qulqullitiin nagaya wali fuudhaa! Gumiin Kiristoo ta Mana Waaqaa cuftii nagaya isanii dhaamti.
17
Obboleeyyan tiyya! Anin isan kandhadhaa, warra gargarii nama qoodee dhugeeffachaa namaa yakkee, waan isan durii barattan didu hubadhaa eegadhaa!
18
Warrii waan akkanaa kana tolchu Kiristoo Aabboo keennaa hojachuuti hinjiruu, ammoo garaa ufitii hojata. Warrii afaan dansaan qalbii nama homaa hinbeennee soba.
19
Namii cuftii akka isan dubbii Waaqaa guuttan inbeekha; marroo waan kanaatiif anin guddoo gammada. Anin isanii waan dansaatti qaroomtanii, ammoo waan hamtuutti daallooftan fedha.
20
Duuba Waaqii ka nagaya nuu kennu dhi'oottuu Sheexana miila keessan jalaatti carasa. Eebbitii Aabboo Yesus isan waliin jiraatinna!
21
Ximotewos ka na waliin hojjatuu nagaya isanii dhaama; ammallee warrii Yihudii ka gosa tiyyaa, Luukiyos, Yaasonii fi Sosiiphaaxrosiilleen, nagaya isanii dhaaman.
22
Anilleen Xerxiwos, namii ergaa tana cufaa barreesse, nagaya isanii dhaama.
23
Gaayos, ka na keessummoomsee anin mana isaa bule, ka ammallee gumiin kiristaanaa mana isaa keessaatti walwaldeetteelleen nagaya isanii dhaama. Erasxos ka horii dira kanaa qorqoratuu fi obboleessii keenna Ku'arxosiilleen, nagaya isanii dhaaman.
24
Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo isanii cufaa waliin jiraatinna! Ee'e jenne.
25
Waaqaa ha guddimnuu! Innii Oduu Dansaa Yesus Kiristoo ta anin haasa'uu gula, ammallee mullachaa waan dhossaa ka ganna hedduu dhossan gula dhugeeffachaa teessan jabeessuu indandaa.
26
Amma ammoo waan dhossaan sun barreessii fi raagoota gula ya mullisan; ammallee seera Waaqaa ka haga jiruu jireenna taa'u gula akka namii cuftii dhugeeffatee caqasu gosa cufaa ya beesisaan.
27
Waaqaa tokkochaa ka waan cufaa beekuu, guddinnii marroo Yesus Kiristootiif ammaa fi hegerillee ha ta'uufii! Ee'e jenne.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16