bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 12
Romans 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Tanaaf obboleyyaan tiyya marroo naasuu Waaqaa guddootiif anin isan kadhadhaa, akka sooriyyoo jirtuu Waaqaa ufi baasaa, hujii isaa hojjadhaa isa gammachiisa. Tunin aadaa dhugaa isan tolfachuu maltan.
2
Aadaa lafa tanaa jaalattanii gula hinyaa'inaa! Ammoo ha Waaqii garaa keessanii fi qalbii teessan jijiruutii. Yoos duuba fedhii Waaqaa, waan dansaa ta'e, waan qixxe ta'e ka isa gammachiisaa baraattanii.
3
Mar. roo eebba Waaqii naa kenneef anin isan cufaan: “Ufi saaddanii ufi hinguddisiinaa, ammoo herrega keessan keessaatti ufi diqqeessaa, ammallee namii cuftii dhugeeffachaa Waaqii isaa kenne gula ha ufi qoratu” jedha
4
Nafii namaa mittaa hedduu qaba, ammallee mittaan tunin cuftii hujii ufii qabdi.
5
Akkasumaa nulleen adoo nama hedduu taaneellee, Kiristoo keessa nuun cuftii nama tokko, ammallee akkuma mittaan nafaa cuftii walti ejitu, nulleen walti ejjina.
6
Tanaaf waan qamnu cufaan akkuma eebba Waaqii nuu kenne gula hojjachuu malle. Yo hujiin teenna ta dubbii Waaqaa haasooftu taatee, dhugeeffachaa Waaqii nuu kenne gula haasa'uu malle.
7
Yo namaa hojjanne, akka dansaa hojjachuu malle! Yo nama barsiimnee, akka dansaa barsiisuu malle!
8
Yo nama dhibii jabeesinee, akka dansaa jabeessuu malle! Namii waan harkaa qabuu namaan ga'uu fedhuu, ha arjoomaan ga'uunii! Namii nama dura deemuu, ha akka dansaa dura deemuu! Namii namaa na'uu ha gammadaan na'uufi!
9
Jaalaltii ha waan dhugaa taatuutii. Waan hamtuu jibba, waan dansaa jabeessaa!
10
Akka obboleeyyaan Kiristoo wali jaaladhaa, ammallee walii ceeraa!
11
Ufumaa hintataa'inaa akka dansaa hojjadhaa. Garaa oowaan Aabboo hojjadhaa!
12
Abdiin teessan ha gammada isanii kennintuu; gaargala obsaa; yo cufaa Waaqaa yaamadhaa!
13
Waan qabdaniin obboleeyyaan rakkinna qabdu qarqaaraa! Warra keessaniitti keessumaa bulchaa!
14
Warra isan gaargalchu eebbisaa malee hinabaarinaa!
15
Warra gammadu waliin gammadaa; warra boo'u waliin boo'aa!
16
Nama cufaan waldhaqaa; ufi hinguddisiinaa, ammoo hujii isan diqeesituullee hojjadhaa! Qaroo ufi hinse'inaa!
17
Yo namii waan hamtuu isan tolche waan hamtuu isa hintolchiinaa! Waan namii cuftii dansaa se'u callaa tolchaa!
18
Haga dandeettan gama keessaniin, nama cufaa nagayaan waliin taa'a!
19
Jaallan tiyya! Haaloo hinbaafatiinaa, ha dallansuun Waaqaa haaloo isanii baaftuuti! Wantii akkanaatiif barreessii qulqulloo keessaatti Aabboo Waaqii, “Haaloo baasuun tiyya, anin hujii namaa mataa isaa irraatti deebisa” jedhe.
20
Ammoo fulaa tokkootti: “Yo nyaaphii kankee beela qabaate, nyaachis; yo innii dheebuu qabaate, bisaan obaas! Yo waan kana tolchite, cilee oowituu mataa isaa gubbatti guurta” wantii jedhaa la barreefamte.
21
Hammeennii si hindabsatinii, ammoo hammeenna dansoomaan dabsadhu!
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16