bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 10
Romans 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Obboleeyyaan tiyya, yo silaa gochii tiyya cuftii baafamte garaan kiyya guddoo gammada! Akkam Waaqaa warraa kadhadhaa!
2
Anin akka warrii Waaqaa guddoo jaalatu dhuga intaaf. Ammoo jaalaltii warraa beeka gulaaniti.
3
Warrii karaa Waaqii qajeelummaa namaa herreguun hinbeekuu, ya karaa ufii midhaafachuu barbaade; tanaaf karaa Waaqii qajeelummaa namaa herreguun ya dide.
4
Akka namii dhugeeffatu cuftii qajeeluma argatu seeri Kiristoon ya muumma'e.
5
Muuseen waan qajeelummaa ta namii seera guutu argatuu barreessee “Namii waan seerii jedhuun tolchu injiraata” jedhe.
6
Ammoo qajeelummaan namii dhugeeffate argattu, “Eennuutti akka Kiristoo gadi buusan gubbaa dhaqa?” hinjedhinaa jetti.
7
Yokaan “Eennuutti akka Kiristoo du'a keessaa kaasan boola keessa seenna?” hinjedhinaa jetti.
8
Maal jetti ree? “Dubbiin Waaqaa ta dhugeeffachaa ta nu haasomnu dhaattuu tantee, hidhii tantee gubbaa fi garaa kankee keessa jirti” jetti.
9
Atin yo afaan kanketiin, Yesus “Aabboo” jettee, ammallee akka Waaqii du'a keessaa isa kaase dhugeeffatte inbaafamta.
10
Wantii akkanaatiif namii yo garaa ufitiin dhugeeffate qajeelummaa argatee, yo afaan ufitiin himate baafama.
11
Barreessiin, “Nama isa dhugeeffatu tokkollee hinceersan” jette.
12
Wantii akkanaatiif jidduu Yahudiitii fi ta gosa dhibiillee wal hanquun hinjirtu; Waaqii Aabboo, nama cufaa in moohata, nama isa yaamatu cufaa ineebbisa.
13
Akkuma barreessiin qulqulloon: “Namii Aabboo yaamatu cuftii inbaafama” jettu.
14
Ammoo yo qara hindhugeeffatin, namii akkam isa yaamata? Yo dubbii hindhagayin, akkamiin dhugeeffata? Yo dubbii itti hin haasanii akkamiin dhagaya?
15
Yo nama haassa'uu hinergin duubbii akkamiin haassan? Akkuma barreessin jettee, miilii warra oduu dansaa haasa'uu akkam midhaaga!
16
Ammoo namii cuftii oduu dansaa hinfudhanne. Isaayaas, “Aabboo, eennuutti dubbii teenna dhugeeffate?” jedhe.
17
Tanaaf dhugeeffachaan yo dubbii dhagayan dhufti; wantii dhagayan sun ammoo yo waan dubbii kiristoo dhagayan.
18
Ammoo waan anin gaafadhuu, warrii dhugumaan dubbii tana in dhagaanii? Lakkii, ya dhagayan, akkuma barreessin quluquulloon, “Qoonqoon isaanii lafa cufa keessa deemtee, dubbiin isaan muummee lafaa geete” jettee.
19
Ammallee wannii anin gaafadhuu, “Gochitii Israa'eli hin hubannee?” Muuseen qaraa: “Anin gosa gosa tiyya hinta'in daallitii fuudhee gosa tiyya tolche akkasiin gosa tiyya obsa dhowwee dallansiisa” jedhe.
20
Ammallee Isaayaas guddoo garaa jabaatee: “Warra na hinbarbaneetti na arge, warra na hingaafanneetti mulladhe” jedhe.
21
Waan Israa'eli ammoo innii: “Anin harka kiyya guyyaa tokko cufaa gosa hinchaqamne ta mataa jabaattee dubbii hindhageenne dura qabadhe” jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16