bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 15
Romans 15
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Nu warrii dhugeeffachaa jabduu qabuu laafinna warra lalaafaa obsinee ulfinna isaanii baachuu malle. Ufi callaa gammachiisuu hin malle.
2
Ammoo namii cuftii ha akka dhugeeffachaa keessaatti isa jabeessan obboleessa ufii qarqaaree gammachiisuu!
3
Wantii akkanaatiif, akkuma barreessiin qulqulloon, “Arrabii namii si arrabsee ya natti deebi'e” jettuti isaatti deebi'e malee, Kiristoon ufi hingammachiimne.
4
Waan barreessii keessatti barreessan cufaa akka nu barsiisaniif barreessan, akka nu abdii, jabeennaa fi obsa barreessiin nuu kennituu argannu.
5
Waaqii ka obsaa fi jabeenna namaa kennu, isan waldhageesisee akeeka Kiristoo Yesus gula isan yaasinna.
6
Akka isaniin cuftii afaan tokkoon Waaqaa Abbaa Aabboo keenna Yesus Kiristoo faarsitan!
7
Akkuma Kiristoon ufiitti isan dhiisee, isaniilleen marroo guddinna Waaqaatiif ufiitti wal dhiissaa.
8
Anin isaniitti himaa, Kiristoon akka waaqii ka dhugaa agarsiisee, kakuun Waaqii jaarrolleetti kakate dhugaa taatuuf hojjataa Yihudii ta'e.
9
Ammallee akka gochitii dhibiin dandeettee marroo naasuu isaatiif isa faarsitu; akkuma barreeffamee, “Tanaaf anin marroo teessaniif gosa dhibii jidduutti galata sii deebisa, anin faaruu maqaa kankeetii dhahadha” jedha.
10
Ammallee, “Gosa dhibii, gumii Waaqii foohate waliin gammadaa!” la jedhan.
11
Ammallee, “Isaniin gosa dhibii ka Waaqaa hinbeenne cuftii, Aabboo faarsaa, guddisaa isa faarsaa, gosa cufa!”
12
Ammallee Isaayaas: “Namii dhaloota Iseyi indhufa; innii ka'eetti gosa dhibii bulcha; isiin abdii ufii isa irra keeyyatti” jedhe.
13
Waaqii, ka abdii namaa kennu, marroo dhugeeffachaa teessan ta isan isa dhugeeffattantiif, akka abdiin teessan jabeenna Hafuura Qulqullootiin itti daramtu gammadaa fi nagaya isanii kenninna!
14
Obboleeyyaan tiyya! Anin akka isan dansoomaan guutamtanii qalbii horattanii, ammallee walbarsiisuu dandeettan inbeeka.
15
Ammoo ergaa tana keessaatti ya waan garii ta qara isaniitti hime guddoo itti jabaadhee isan qaabsiise. Anin waan Waaqii na eebbisee,
16
akka gosa dhibii keessa hojadhu, hojjataa Kiristoo Yesus na tolcheef garaa jabaadhe. Anin Oduu Dansaa ta Waaqaa biraa dhufte akka qaalluu haassaa, akka gochitii dhibiin, ta hafuurii qulqulloon kurfeeseef sooriyyoo Waaqii fedhu taatu.
17
Anin marroo karaa Kiristoo Yesustiin hujii Waaqaa hojjadheef ufi guddisa.
18
Anin garaa jabaadheetti akka gochitii dhibiin Waaqaa caqaftu, waan Kiristoon harka kiyyaa fi afaan kiyyaan tolche callaa haassa.
19
Innii hujii tana jabeenna waan mamatiin, ka akeekaatii fi ka hafuuraatiin tolche. Tanaaf haga Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiitti anin ya oduu dansaa Kiristoo qixxeesse haase.
20
Fedhiin tiyya akka fulaa namii oduu dansaa Kiristoo hindhagayiiniitti haasu'u malee akka yayaba namii dhibiin jaare irraatti mana jaaruuniti.
21
Akkuma barreessiin, jettuu, “Warrii waan isaa ka namuu itti hin hinmin inarga, ammallee warrii waan isaa ka qara hindhagayin inhubata” jedhaan barressan.
22
Mar. roo waan kanaatif anin yo hedduu gara keessan dhufu dadhabe.
23
Amma ammoo hujii tiyya ta ardaa kanaa ya hobaase, ammallee anin waan ganna hedduu guddoo isan arguu fedheefii,
24
amma waan isan argu seha. Gaafa lafa Isphaaniyaa dhaqu isan irra ba'eetti, diqqoo fulaa teessan boqqodha, akka isan imaltuu tiyya keessaatti na qarqaartan.
25
Amma ammoo akka gumii Waaqaa qarqaaru Yerusalem dhaquu jira.
26
Wantii akkanaatiif gumiin Maqedooniyaatii fi ta Akkayyaa ya akka hiyyeeyyii gumii Waaqaa ta Yerusaalem keessa jirtu horiin qarqaartu ufi baafte.
27
Warrumaatti fedhee tolche, ammoo silaa hiyyeeyyii sun qarqaaruu malan. Wantii akkanaatiif Yahudiin ya eebba hafuuraa gosa dhibii kennite, tanaaf gochii dhibiilleen waan qabduun Yahudii qarqaaru malte.
28
Anin eegii hujii tana hobbaase, horii baasan cufaa harka warraatti kenneetti, imaltuu lafa Isphaaniyaa dhaqa, duuba isan irra baha.
29
Anin yo fulaa teessan dhufu, akka eebba Kiristoo miyyuun dhufu inbeeka.
30
Obboleyyaan tiyya, maqaa Aabboo Yesus Kiristootii fi jaalala Hafuurii Qulqulloon nuu kennuun, akka isaniilleen na waliin teettanii Waaqaa naa kandhattan isanitti himadha.
31
Akka anin warra hindhugeeffatin ka Yihudaa keessaa jiru nagayaan jalaa ba'u, ammallee akka hujii anin hojjadhu gumiin Waaqaa ta achi jirtu quuftu Waaqaa naa kadhadhaa!
32
Duuba yo Waaqii jedhe gammada guddaan gara keesasn dhufa, ammallee akka dansaa fulaa teessan boqqodha.
33
Waaqii ka nagaya nuu kennu, isan cufa waliin jiraatinna! Ee'e jenne!
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16